Salmos 145
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.
1Ee Waaqa mootii kiyya,
ani si hin saadadha;
bara baraa haga bara baraa
maqaa keeti hin leellifadha.
2Guyyuma guyya'aan si hin leellisa;
bara baraa haga bara baraa
maqaa keeti hin saadadha.
3Mootiin Waan Maraa gudda'a;
guddoo leellifamuu male;
guddinni isaa
qorqoramee bira hin geyamu.
4Dhalooti tokko hujii teeti
dhaloota itti aanutti jaja;
hujii teeti ta maade'ee hin lassa.
5Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa
hin dubbatan;
anille marroo hujii teeti ta baasaa
itti deddeebi'ee hin yaadadha.
6Isaan marroo hunna hujii teeti
ta baasaa hin dubbatan;
anille guddinna keeti hin odeessa.
7Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa
hin jilifatan;
Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.
8Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e;
aari'iif hin ariifattu;
jaalalli isaalle gudda'a.
9Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a;
inni waan ifii dade mara hin marara.
10Ee Mootii Waan Maraa,
wonni ati dadde marti si hin leellifatti;
kolbaan teeti marti si hin saadatti.
11Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,
marroo hunna teetii hin dubbatan.
12Akka kanaan namooti marti
hujii teeti ta baasaatii fi
mootummaa teeti
arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.
13Mootummaan teeti
mootummaa bara baraa ti;
ati haga bara baraa hin bulchita.
14Mootiin Waan Maraa
worra jigaaru mara hin utuba;
worra jigelle ol kaasa.
15Ilti nama maraa gara keeti ilaalti;
atille sagalee isaanii
yennaa maltetti isaanii kennita.
16Ati harka keeti diriirsitee,
halchaa waan lubbuu qabu maraa
hin quussita.
17Mootiin Waan Maraa
karaa hujii ifii maraan balcha'a;
waan huju maraan addatama'a.
18Mootiin Waan Maraa
worra isa waammatu maraaf,
worra dhuga'aan isa waammatu maraaf
dhikoo jira.
19Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;
iyya isaaniille dhage'ee,
isaan hin baasa.
20Mootiin Waan Maraa
worra isa jaalatu mara hin eega;
worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.
21Afaan kiyya
leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata;
ka foon uffate martille
bara baraa haga bara baraa,
maqaa isaa woyyicha hin leellisa.

¿Sabías que…?
Un Cántico de Alabanza a un Reino Eterno
- El Salmo 145 se titula como un salmo de alabanza atribuido a David, y subraya el deber de cada generación de proclamar las obras poderosas y el esplendor divino a la siguiente.Fuentes: el propio texto bíblico
- El salmo resalta el cuidado universal de Dios por toda la creación, describiendo cómo todos los seres vivos dependen de Él para su sustento, mientras Él sostiene a los que caen y está cerca de quienes le invocan de verdad.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org