Nations Bible

Salmos 109

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Iyyata Nama Rakkoo Irra Jiruu

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Waaqa, ka ani leellifadhu,

hin cadhisin.

2Worri hamaaleyyi'ii fi dharaameyyiin

dharaan afaan natti banatan;

arraba dharaatiin natti dubbatan.

3Isaan na marsanee jecha jibbaa dubbatan;

sababa malee na lolan.

4Ani isaan jaaladhulle, isaan na lolan;

ani ammoo isaaniif hin daadimadha.

5Waan dansaa ani godheef,

isaan waan hantuu naaf deebisan;

ani isaan jaaladha;

isaan ammoo na jibban.

6Abbaa mura'aa hamaa diina kiyya irratti kaasi;

nami isa himatu midda isaa dhaabbatuu ti.

7Kora mura'aa duratti yakkaamessa te'ee dhaggamuu ti;

daadimati isaalle akka cubbu'uu isatti laakkowantuu ti.

8Barri jiruu isaa gabaabbatuu ti;

nami dhibiin sooressummaa isaa fudhatuu ti.

9Ijoolleen isaa ka abbaa hin qanne teetuu ti;

niitiin isaalle haadha hiyyeessaa teetuu ti.

10Ijoolleen isaa daaqaa kadhattuu ti;

mana diigamaa amma keessa le'anu

keessaalle'ee ari'amanuu ti.

11Qabeenna isaa mara

abbaan beenya'aa qabatuu ti;

waan inni itti elowee dhaggate

alagaan saamuu ti.

12Nami isaaf nawu,

yookiin ijoollee isaa

ta abbaa hin qanne ka kunuunsu,

tokkolle hin jiraatin.

13Sanyiin isaa dhumattuu ti;

maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa

haxowamee baduu ti.

14Mootiin Waan Maraa

yakkaa abbootii isaa ta durii qaabatuu ti;

cubbuun haadha isaalle

haxowantee hin balleeffanti.

15Mootiin Waan Maraa

yennaa mara cubbuu isaanii qaabatuu ti;

isaan ijjumaa lafa irraa dedhamanuu ti.

16Namichi hamaan worra hiyyeeyyii,

worra rakkata'aa fi

worra akka malee gaddeeru ari'ee ijjeese malee,

isaaniif hin mararre.

17Inni abaaruu jaalate; abaarsi isatti dhufuu ti;

inni eebba hin jaalatu; eebbi isa irraa fagaatuu ti.

18Inni abaarsa akka woya'aa uffate;

abaarsi akka bisaanii gara nafa isaa,

akka zayiti'ii gara lafee isaa seenuu ti.

19Abaarsi akka woyaa inni facaafatuu,

akka hiituu inni guyyaa mara hidhatuu isatti te'uu ti.

20Kun martinuu gatii Mootii Waan Maraa biraa

worri na himatu,

ka hantuu tiyya dubbatu

dhaggatu teetuu ti.

21Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ammoo

maqaa keetiif jedhii waan dansaa naa godhi;

jaalala keeti ka bara baraatiin, na baasi.

22Ani hiyyeessa, rakkataalle waan te'eef,

gadhaan kiyya na madowe.

23Ani akka gaaddisa galgalaa dabaraara;

akka awwaannisa muka irraa hargufanuu

hargufamiisatti jira.

24Laamiisa irraa ka ka'e jilbi kiyya lelleqe;

nafi kiyya huqqatee googiraa te'e.

25Diinota kiyyaaf murgoo te'e;

isaan yennaa na dhagganu mataa natti raasan.

26Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, na qarqaar;

jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na baasi.

27Ee Mootii Waan Maraa,

wonni kun hujii harka keetii akka teete,

akka ati waan kana hujje

diinoti kiyya beekanuu ti.

28Isaan na abaaran; ati ammoo na hin eebbitta;

isaan natti ka'an; ammoo hin salphatan;

ani tajaajilaan keeti ammoo hin gammada.

29Diinoti kiyya salphinna akka woya'aa uffatanuu ti;

qaanii akka bullukko'oo facaafatanuu ti.

30Afaan kiyyaan guddisee

Mootii Waan Maraa galateeffadha;

kolbaa hedduu duratti isa leellisa.

31Sababille harka worra du'a isaanitti mure jalaa baasiisaaf,

inni midda worra rakkata'aa dhaabbatta.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Un clamor contra falsos acusadores

  • El salmo pide que un acusador o adversario se ponga a la derecha del enemigo en el juicio (versículo 6). Esta imagen legal utiliza el término hebreo detrás del nombre Satán, que significa acusador o adversario, en contraste con el versículo 31, donde el Señor mismo se coloca a la diestra del necesitado.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
  • El autor retrata un profundo sufrimiento personal ante acusaciones maliciosas, describiendo rodillas debilitadas por el ayuno, un cuerpo demacrado y la sensación de ser sacudido como una langosta mientras la vida se desvanece como una sombra vespertina.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.