Proverbios 30
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Jecha Aguurii Ilma Yaaqee
1Jechi kun jecha Aguurii ilma Yaaqee ti;
nami kun Itii'elitti,
Itii'elii fi Ukaalitti dubbate,
2«Ani nama mara caalaa daafana'a;
hubantii nami qabu ani hin qabu;
3ani qarummaa tokkolle hin baranne;
ani marroo Waaqa Woyyichaalle womaa hin beeku.
4Ka gara ol-gubba'aa ol dhaqee gad deebi'ee dhufe eennu?
Ka qilleensa harka ifiitiin wolitti qabe eennu?
Ka bisaan woyaa ifiitiin mare eennu?
Ka qaccee lafaa mara jabeessee dhaabe eennu?
Maqaan isaa eennu? Maqaan ilma isaa eennu?
Ati yoo beettu teete,
natti himi!
5«Jechi Waaqaa marti dhuga'a;
inni worra gara isaa baqate maraaf wonte'e.
6Jecha isaa irratti hin ede'in;
yoo akkas hin te'in inni si xixa;
dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe.
7«Ee Mootii Waan Maraa,
ani waan lama si kadhadha;
adoo ani hin du'in
waan kana lamaan na hin dhooggatin.
8Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi;
sagalee guyyuma guyya'aan naa barbaachittu naaf kenni malee,
durumma'aa fi hiyyummaalle naa hin kennin.
9Yoo akkas hin te'in,
ani quufee si hin mormadha;
‹Mootiin Waan Maraa eennu inni?› si'iin hin jedha;
yookiin hiyyoommadhee,
hatee maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa keeti hin salphisa.
10«Tajaajilaan akka si hin abaarre,
atille akka hin rakkanne,
marroo tajaajilaa tokkoo
goottaa isaatitti isa hin hamatin.
11Namooti abbaa ifii abaaranu,
haadha ifiille ka hin saadanne jiran.
12Worri qulluu ifi seyanee,
ka battummaa ifii
irraa hin qulqulloomin hin jiran.
13Worri ilaalcha kooraa qabanu,
ka ila tuffi'iitiin nama ilaalanu,
14hiyyeessa lafa irraa,
rakkataa odduu ilmaan namaatii
nyaatanee balleessiisaaf,
worri ilkaan isaanii shallaagaa,
a'oon isaaniille billowa te'e jiran.
15«Ulaa'ulti ijoollee durraa
ta, ‹Kenni! Kenni!›
jedhaa iyyitu lama qaddi;
‹Ijjumaa quufe› ka hin jenne
waan saditti jira;
ta arfeesso'oolle ijjumaa ‹Na geye›
hin jettu:
16isaanille, addee worri du'e jiru,
gadaamessa maseena,
lafa bisaan hin quunnee fi
ibidda ijjumaa, ‹Na geye› hin jenne.
17«Nama abbaa ifiititti murguu fi
ajaja haadha ifiille tuffatu,
harraaqessi gammoojji'ii ila isaa
isa keessaa hin fuudha;
rumichille isa hin nyaata.
18«Wonni na baaseffachiisu sad yookiin
afur ta hubatiisa hin dandeennetti jiraayyu;
19isaanille, karaa risa'aa ka gubbaa irraa,
karaa bofaa ka rassaa irraa,
karaa hobolo'oo ka abbaayaa irraatii fi
karaa dhiirtii fi dubartiin wol jaalatanu.
20«Karaan dubartii gaarayyeeffattu'uu kana:
Isiin nyaattee afaan ifii haxowattee,
‹Ani womaa dokonkora hin hunye› jetti.
21«Latti waan sadiiniin yookiin afuriin tachooti;
dandeetteelle hin ba'attu;
22isaanille, garbichi yennaa mootii te'e,
gowwaan yennaa quufe,
23dubartiin jibbatante yennaa dhirsa dhaggattee fi
garbittiin yennaa addee giittii ifii fudhate.
24«Wonni didiqqoon afur,
ka guddoo qaroo te'an biyya lafaa irra jiran:
25mixaan hunna hin qabu,
te'uu malee sagalee ifii bona wolitti qabata;
26Osoleen hunnaa hin qaddu,
te'uu malee odduu rassa'aatitti galti;
27Awwaannisi mootii hin qabu,
te'uu malee akka loltootaa seeraan ideema.
28Qarcoon harkaan qabamuu dandeetti;
te'uu malee mana mootumma'aa keessatti dhagganti.
29«Wonni ideensa tolanu sad yookiin afur
ka arnya ulfinnaa qabanu jiran:
30Neenqa bineensota mara keessaa jaba'aa,
ka waan mara irraa duubatti hin deebine;
31kormi lukku'uutii fi
korbeessi re'e'ee ka bondhooranu,
mootii loltoota ifiitiin marfamee ideemu.
32«Gowwaa teetee, yoo ol ol ifi qadde,
yookiin hantuu yoo yaadatte,
afaan keeti qabadhu.
33Akkuma aanan raasiis dhadhaa baasu,
akkuma funnaan micciiriis dhiiga baasu,
tuttuqanee nama aarsuun lola kaasa» jedhe.

¿Sabías que…?
Los Dichos de Agur
- Proverbios 30 se atribuye a Agur, hijo de Jaqué, quien dirigió sus palabras a Itiel y Ucal. Más allá de lo que está registrado en este capítulo, no se sabe nada más acerca de Agur o de su padre.Fuentes: Agur · Jakeh · Ucal · el propio texto bíblico
- El capítulo utiliza con frecuencia un patrón numérico graduado ('tres cosas... cuatro que...') para agrupar observaciones sobre la naturaleza y la conducta humana. Agur aplica esta estructura a maravillas de la creación, alteraciones sociales, seres de andar imponente y cuatro pequeñas criaturas que muestran una notable sabiduría: hormigas, damanes, langostas y lagartijas.Fuentes: el propio texto bíblico
- Agur hace una petición específica de dos partes, pidiendo que no se le dé ni pobreza ni riquezas, sino solo su porción diaria de comida. Explica que tener en abundancia podría llevar a alguien a negar al Señor, mientras que caer en la pobreza podría tentar a la persona a robar.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org