Proverbios 23
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Jayeessoo
1Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu,
waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali.
2Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle,
ifi qabadhu.
3Sagaleen sun waan si sodduuf,
mi'aan isi'ii si hin joljolsin.
Torbeessoo
4Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin;
ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu.
5Durummaan akka risaa koolaan ka'uu,
haga lipheettii ilaatitti,
nama duraa baduu hin dandeetti.
Saddeetessoo
6Sagalee nama donnaa hin nyaatin;
mi'aan isi'ii si hin joljolsin.
7Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti;
inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha;
gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru.
8Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda;
dubbii galataa teetille hin balleessita.
Sagaleessoo
9Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf,
gowwa'atti hin dubbatin.
Kudhaneessoo
10Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussin
yookiin fichaa ijoollee abbaa hin qannee
meessaa hin dabarin.
11Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef,
inni isaaniif hin falmata.
Kudhanii Tokkeessoo
12Qalbii teeti gara gorsaa,
gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu.
Kudhanii Lammeessoo
13Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;
kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu.
14Ati yoo kuta'aan isaan dhaante,
lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta.
Kudhanii Sadeessoo
15Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete,
gadhaan kiyya hin gammada.
16Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu,
keessi kiyya guddoo gammada.
Kudhanii Arfeessoo
17Yennaa mara Mootii Waan Maraa
sodaatiisaaf hinaaf malee,
cubbaaleyyi'itti hin hinaafin.
18Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda;
addiin teetille hin baddu.
Kudhanii Shaneessoo
19Ilma kiyya, caqasi;
qaroolle te'i;
qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu.
20Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fi
worra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin.
21Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan;
hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa.
Kudhanii Jayeessoo
22Abbaa keeti ka si uume dhage'i;
haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.
23Dhuga'aa fi qarummaa,
gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.
24Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba;
ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.
25Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti;
haati si deette akka malee gammadduu ti.
Kudhanii Torbeessoo
26Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni;
ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti.
27Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti;
niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti.
28Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan;
dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan.
Kudhanii Saddeetessoo
29Ka waacifu eennu?
Ka gaddu eennu?
Ka wol dhabu eennu?
Ka nama komatu eennu?
Ka sababa malee madowu eennu?
Ka ila diimatu eennu?
30Worra daadhii woyni'ii irra turu,
ka yennaa mara daadhii woyni'ii
ta makaa qaddu barbaaduu motii ree?
31Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu,
shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu,
akka kasoo yennaa isii unanu
si hin halchisiisin.
32Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi;
akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi.
33Ilti teeti waan haareya dhaggiti;
qalbiin teetille hin cucurruuxxi.
34Akka nama abbaayaa irra rafuu,
akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta.
35Ati, «Na dhowane;
ani ammoo hin miidhanne;
na dhaanane;
ani ammoo hin dhukkuffanne;
untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta.

¿Sabías que…?
Advertencias y pautas para una vida sabia
- El capítulo aconseja extrema cautela y autocontrol al cenar con gobernantes o anfitriones tacaños. Advierte que la hospitalidad generosa puede ser engañosa o calculada en secreto por alguien cuyo corazón no es verdaderamente generoso.Fuentes: el propio texto bíblico
- El texto prohíbe expresamente mover los linderos antiguos o apoderarse de las tierras de los huérfanos. Advierte que estas personas vulnerables tienen un Redentor fuerte que defenderá su causa contra los opresores.Fuentes: el propio texto bíblico
- Proverbios 23 ofrece una descripción vívida de los peligros del consumo excesivo de alcohol, comparando el vino con una serpiente que muerde como una víbora. Retrata la embriaguez mediante desorientación, alucinaciones, insensibilidad a las heridas y el ciclo adictivo de buscar otro trago.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org