Nations Bible

Proverbios 21

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira;

inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.

2Namatti hujiin inni huju martinuu

sirrii isatti fakkaatti;

Mootiin Waan Maraa ammoo

yaada isaa hin madaala.

3Balchumma'aa fi haqa hujuun,

ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti

fudhatama qaba.

4Ifi jajiis, bondhooriisii fi

hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.

5Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa;

jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.

6Karri arraba sobaatiin horatane,

akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi

akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.

7Namooti hamaaleyyiin

waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf,

hunnaan nama irratti ka'iis isaanii

haxowee isaan hin baleessa.

8Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a;

karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.

9Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa,

roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.

10Nami hamaan waan hantuu halcha;

eennulle'eef marartii hin qabu.

11Nami murgu yennaa adabamu,

nami gowwaan qarummaa dhaggata;

nama qaroo yennaa barsiisane,

beekkumsa dhaggata.

12Waaqi balchaan,

waan mana worra hama'aa keessatti

hujamiisatti jiru hin beeka;

worra hamaa san badii itti hin fida.

13Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne,

innille rakkattee yennaa iyyu,

nama isa qarqaaru hin dhaggatu.

14Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa;

safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle,

aarii guddoo hin qabbaneessa.

15Haqi yennaa hujamu,

worra balchoota hin gammachiisa;

worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.

16Nami karaa hubanti'ii irraa goru,

yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.

17Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata;

nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.

18Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti,

nami hin addatannelle

farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.

19Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa,

goomolee keessa le'iisa woyya.

20Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata;

nami gowwaan waan qabu mara balleessa.

21Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu,

jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.

22Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata;

kushee isaan itti addatanulle hin diiga.

23Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu,

rakkinna irraa ifi eegata.

24Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u,

«Ka namatti murgu» jedhama;

inni kooraan guutameera.

25Harki isaa hujii waan jibbuuf,

nami booseyi kajeella'aan du'a.

26Inni guyyaa guutuu kajeela;

nami balchaan ammoo

harka keessa adoo hin qabatin kenna.

27Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba;

yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.

28Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi;

dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo

haga bara baraa hin jiraatti.

29Nami hamaan mataa jabaata;

nami qajeelaan ammoo marroo

hujii ifii itti yaadata.

30Qarummaan, hubanti'ii fi

karoorri Mootii Waan Maraa

ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.

31Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan;

ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Soberanía Divina y Vida Justa

  • Proverbios 21 enfatiza que la soberanía divina gobierna el poder humano y los conflictos, afirmando que el corazón del rey es guiado por el SEÑOR como una corriente de agua y que la victoria en la batalla pertenece a Dios y no a los caballos de guerra.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo sitúa la conducta ética por encima de la práctica ritual, enseñando que practicar la justicia y el derecho es más aceptable para el SEÑOR que ofrecer sacrificios.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Los proverbios contrastan la diligencia constante con las actitudes apresuradas o perezosas, señalando que los planes cuidadosos producen abundancia, mientras que la prisa y negarse a trabajar conducen a la pobreza.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.