Proverbios 18
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Nami nama woliin wolii hin galle,
fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;
muraa haqaa maraayyuu hin morma.
2Nami gowwaan yaada ifii qofaa
namatti mudhisuu barbaada malee,
hubanti'itti hin gammadu.
3Hammeenni yennaa dhufu,
tuffatamiisille hin dhufa;
salphinnalle woliin qaani'itti dhufa.
4Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti;
maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti.
5Nama hama'aaf goluun,
yookiin nama yakkaa hin qanne
haqa dhoogguun dansa'aa moti.
6Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa;
afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.
7Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;
afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba.
8Dubbiin nama nama hamatuu
akka sagalee mi'oottu'uu ti;
isiin gara qochumaanii gad hin buuti.
9Nami huji'itti booseyu
obboleessa nama wo balleessuu ti.
10Mootiin Waan Maraa
akka xelleephoo jaddu'uu ti;
worri balchooleen
itti baqatanee bayan.
11Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif
akka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti;
isaan akka dalleya dheera'aatitti
isa hedatan.
12Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;
ulfinnaan dura ammoo
gad ifi qabiisatti dhufa.
13Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,
gowwumma'a;
fokko'olle'e.
14Yaadi namaa dhibee hin ossata;
yaadi yoo cabe ammoo
eentu isa fayyisuu dande'a ree?
15Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti;
gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada.
16Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;
fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa.
17Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti,
nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu,
waan sirrii te'e fakkaata.
18Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa;
wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa.
19Obboleessi yakkaan irratti hujame
qachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata.
Moromaan akka danqaraa sibiilaa
ka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti.
20Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa;
dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya.
21Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba;
worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.
22Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata.
23Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata;
dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna.
24Jaaloti gariin nama balleessiti;
jaaloti obboleessa caalaa
namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.

¿Sabías que…?
Sabiduría en las Palabras, la Justicia y la Seguridad
- En el entorno judicial antiguo, Proverbios 18 destaca la necesidad de un examen riguroso al dirimir disputas, señalando que quien presenta su caso primero parece tener razón hasta ser interrogado por la otra parte. También menciona el echar suertes como un método aceptado para resolver litigios entre rivales poderosos.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo contrasta la verdadera seguridad con la falsa autosuficiencia mediante imágenes defensivas de la época. Mientras que el nombre del Señor se describe como una torre fuerte que ofrece refugio genuino al justo, la fortuna del rico se compara con una muralla alta que brinda protección solo en su imaginación.Fuentes: el propio texto bíblico
- Un tema central del capítulo es el impacto decisivo de la palabra humana, afirmando que la vida y la muerte están en poder de la lengua. Advierte contra hábitos perjudiciales, como responder antes de escuchar o difundir chismes que penetran hasta lo más profundo del ser.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org