Números 36
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Dhaala Durra Zelofehaadii
1Sooressitooti fira Giil'aadii ilma Maakiirii, akaakoti Minaase'ee ta fira sanyii Yoseefii gara Muuse'eetii fi gara sooressitoota kolba'aa, gara sooressitoota maatii Israa'elootaa dhufanee, 2«Mootiin Waan Maraa akka ati Israa'elootaaf hixaa buuttee lafa qooddu si goottaa keenna yennaa ajaje, lafa obboleessa keenna Zelofehaadii durra isaatiif akka kennitu si ajajeera. 3Durri tun ammoo ilmaan gosa Israa'eloota dhibi'ii yoo heerumane, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee gara gosa isaan itti heerumanee san hin dabarti. Yoo akkas teete qoodi lafa hixa'aan nu'uuf kenname nu duraa hin fudhatama. 4Yennaa jilti woggaa shantameesso'oo ta Israa'elootaa dhuttu, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee, gara lafa gosa isaan itti heerumanee hin dabalanti» jedhane.
5Achiin duuba Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isatti dubbate Israa'eloota ajajee, «Wonni gosi sanyii Yoseefii jettu dhuga'a; 6Marroo durra Zelofehaadiitiif wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: Kunille, ‹Eega nama fira gosa abbaa isaanii te'ee, isaan nama ila isaaniititti tole heerumanuu ti. 7Israa'elooti marti lafa abbootii ifii irraa fudhatane jabeeffatanee waan qabatanuuf latti Israa'elootaa gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu. 8Israa'elooti marti lafa abbootii ifii waan dhaluu qabanuuf, durri gosa Israa'elii keessaa lafa qabanu marti gosa abbaa ifii keessaa nama tokko heerumanuu ti. 9Israa'elooti marti lafa ifii jabeeffatanee waan qabatanuuf, latti gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu› jedheera» jedhe.
10Maarre durri Zelofehaadii akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane. 11Durri Zelofehaadii Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilka'aa fi No'aa. Isaan ilmaan obboleeyyan abbaa ifii heerumane. 12Isaan fira sanyii Minaasee ilma Yoseefii heerumane; latti isaaniille firaa fi gosuma abbaa isaaniitiif hatte.
13Fuullee Yeriko'oo, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti ajajii fi seerati Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin Israa'elootaaf kenne isaan kana.
¿Sabías que…?
Leyes de Herencia y Límites Tribales
- Los jefes de los clanes de Galaad y Manasés acudieron a Moisés respecto a la herencia otorgada a las hijas de Zelofejad, señalando que, si se casaban con hombres de otras tribus, sus tierras pasarían de forma permanente a otra tribu en el Año del Jubileo.Fuentes: el propio texto bíblico · Zelophehad
- A fin de preservar intactos los territorios tribales, se promulgó la norma de que las hijas que heredaran tierras debían casarse dentro de la tribu de su padre. Las cinco hijas de Zelofejad—Mala, Tirsa, Hogla, Milca y Noa—cumplieron la orden casándose con primos paternos.Fuentes: el propio texto bíblico · Zelophehad · Mahlah · Tirzah
- Este capítulo concluye el libro de Números en los llanos de Moab, junto al Jordán frente a Jericó, donde Israel estableció su último campamento en el desierto antes de entrar a Canaán.Fuentes: el propio texto bíblico · Moab · Jericho
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jericho · Hoy: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 13
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 13
- Moab · Hoy: Moab 2 · 31.840, 35.674 · versículo 13
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org