Nations Bible

Números 22

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Mootiin Mo'aabii Balaaqi Bala'aam Waammate

1Achiin duuba Israa'elooti gara dirree Mo'aabii ka'anee deemanee, laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, fuullee Yeriko'oo qubatane.

2Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi, waan Israa'elooti Amoorota godhane mara dhagge. 3Israa'elooti kolbaa hedduu waan teeteef, Mo'aaboti akka malee sodaatte. Dhugumaan, namooti Mo'aabii Israa'eloota sodaatanee sheephisane. 4Mo'aaboti maanguddoo Miidiyaaniitiin, «Akkuma qotiyyoon marra diida keessaa muxuqqi gootu, gumiin tun waan adaala keenna jiru mara muxuqqi hin gooti» jedhane; tanaaf ilmi Siphoorii Balaaqi, ka yennaa san mootii Mo'aabii te'eeru, 5ilma Be'orii Bala'aam ka qachaa Phetorii qarqara laga Efraaxiisii lafa dhaloota ifii jiru waansisiisaaf nama itti ergee, «Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee, lafa duudii guutteerti. Isaan dhikoo tiyya qabataneeran. 6Isaan na caalaa hunnaameyyi'i; tanaaf koyiitii isaan naa abaari; akka wotoo ani isaan injifadhee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a. Nami ati eebbitte eebbifamaa, nami ati arbaartelle abaaramaa akka te'u ani hin beeka» jedhe.

7Maarre maanguddooti Mo'aabiitii fi Miidiyaanii beesee kaffaltii moru'uu qabatanee, gara Bala'aamii dhaqanee, ergaa Balaaqii itti himane. 8Bala'aam isaaniin, «Edana as bula'a; anille boru waan Mootiin Waan Maraa natti hime isinitti hin hima» jedheen. Maarre maanguddooti Mo'aabotaa Bala'aam bira bulte.

9Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri si woliin jirtu tun eennu fa'a?» jedhee gaafate.

10Bala'aam deebisee, Waaqaan, «Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi ergantoota tana gara kiyya ergee, 11‹Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee lafa duudii guutteerti; amma koyiitii isaan naaf abaari; achiin duuba ani akka wotoo isaan lolee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a› anaan jedhe» jedhe.

12Waaqi ammoo Bala'aamiin, «Isaan woliin hin dhaqin. Kolbaan sun ta eebbifante waan teeteef, ati isaan hin abaarin» jedhe. 13Bala'aam boruyyaa ganama ka'ee, qondaaltota Balaaqi erge saniin, «Akka ani isin woliin dhaqu, Mootiin Waan Maraa waan na dhooggeef, gara mana keessanii gala'a» jedhe. 14Maarre qondaaltoti worra Mo'aabotaa gara Balaaqii dhaqanee, «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaneen.

15Balaaqi ammalle qondaaltota dhibii ka qondaaltota duraa san caalaa heddatanuu fi worra ulfinna qabanu Bala'aamitti erge. 16Isaan gara Bala'aamii dhaqanee,

«Ilmi Ziphoorii Balaaqi, ‹Gara kiyya dhufiisa irraa wonni tokkolle si hin dhooggin! 17Sababille ani ulfinna guddaa si'iif hin kenna; waan ati jette maralle hin godha. Koyiitii, kolbaa tana naaf abaari› siin jedheera» jedhaneen.

18Bala'aam ammoo deebisee isaaniin, «Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, ani ajaja Waaqa kiyya Mootii Waan Maraa irra dabaree waan guddoo yookiin waan diqqoo hujuu hin dande'u. 19Ammalle waan Mootiin Waan Maraa dabalee natti dubbatu akka beekuuf, worri duraa sun akkuma as bulane, isinille edana as bula'a» jedhe.

20Halkan san, Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri tun si waamiisaaf yoo dhufaneeranu teete, ka'ii isaan woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa huji» jedheen. 21Maarre Bala'aam ganama ka'ee, harree ifii fe'atee, qondaaltota worra Mo'aabii woliin deeme.

22Yennaa Bala'aam deeme, Waaqi ammoo guddoo itti aare; ergamaan Mootii Waan Maraa isa mormiisaaf karaa keessa dhaabbate. Yennaa san Bala'aam harree irra tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa lamaan isa woliin jiraniiyyu. 23Harreen sun ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifatee, harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun yennaa dhaggite, karaa irraa ficha'atti gorte; Bala'aamille kara'atti deebisiisaaf dhowe. 24Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa karaa dhiphaa addee oorruu woyni'ii lamaan ka dalleenni dhaka'aa gara lamaaniinuu jiru keessa dhaabbate. 25Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, gara dalleya dhaka'aa maxxantee, miila Bala'aamiille dalleya dhaka'aatitti maxxansite. Maarre inni ammalle isii dhowe. 26Ergamaan Mootii Waan Maraa gara duraa deemee, addee dhiphoo, middatti yookiin bita'atti garagaliisaaf karaan hin jirre dhaabbate. 27Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, Bala'aam duraa gad ciitte; Bala'aamille guddoo aaree, ulee ifiitiin isii dhowe. 28Achiin duuba Mootiin Waan Maraa afaan harree sanii banee, harreen sun Bala'aamiin, «Ani maan si goonaan, ati yennaa sad na dhootte?» jette.

29Bala'aam harree saniin, «Ati waan naan taphatteef ree! Ani adoo shallaagaa harkaa qabaadhee, ammuma silaa si ijjeesaayyu!» jedhe.

30Harreen sun deebittee, Bala'aamiin, «Ani harree teeti ta ati yennaa mara, haga guyyaa adhaatitti irra teettuu motii? Ani akkas sitti te'ee beekaa?» jette.

Innille, «Waawwo'o» jedheen.

31Achiin duuba Mootii Waan Maraa ila Bala'aamii banee, ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifate san harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun dhagge; Bala'aam fuula ifiitiin lafatti gad gombifame. 32Ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ati maaf harree teeti yennaa sad akkana dhootte? Ati karaa dabaa deemiisatti waan jirtuuf, ani si mormiisaaf dhufeera.

33«Harreen teeti na dhaggitee, yennaa sad na irraa gorte. Adoo isiin na irraa goruu dhaddee, ani silaa dhugumaan, amma si ijjeesee isii lakkiseeraayyu» jedheen.

34Bala'aam, ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Ani cubbuu hujeera; akka ati anaan mormiisaaf, karaa keessa dhaabbatteertu hin beenne. Amma deemiisi kiyya kun yoo si gammachiisin hin deebi'a» jedhe.

35Ergamaan Mootii Waan Maraa, Bala'aamiin, «Jara tana woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa dubbadhu» jedhe. Maarre Bala'aam qondaaltota Balaaqii woliin deeme.

Balaaqi, Bala'aam Gammadaan Fudhate

36Balaaqi akka Bala'aam dhufiisatti jiru yennaa dhage'e, isa fudhatiisaaf gara qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa, ka bisaan Aaronii bira irga lafa isaa jiruu dhaqe. 37Balaaqi, Bala'aamiin, «Ani akka ati ariifattee dhuttu gara keeti ergeeraayyuu motii? Ati maaf gara kiyya dhufuu dhadde? Ani ulfinna sii kennuu hin dande'uu?» jedhe.

38Bala'aam deebisee, «Kunoo, amma gara keeti dhufeera; ammoo waan Waaqi akka dubbadhu natti hime qofa dubbadha malee, waan tokkolle hin dubbadhu» jedhe. 39Achiin duuba Bala'aam Balaaqi woliin gara qachaa Kiriiyat-Huzotii dhaqe. 40Balaaqi loonii fi hoolota ciincaa dhikeessee, foon isaanii irraa garii Bala'aamii fi qondaaltota isa woliin jiranuuf kenne. 41Balaaqi boruyyaa ganama Bala'aam fuudhee gara Baamot-Ba'aaliititti ol baase; inni achi dhaabbatee kolbaa Israa'elii worra cinaa quttumaa jiranu dhagge.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Balac Convoca a Balaam

  • Aterrorizado por el inmenso campamento de los israelitas en los llanos de Moab, frente a Jericó, el rey Balac se alió con los ancianos de Madián y envió mensajeros a través del desierto hasta Petor, junto al río Éufrates, para contratar a Balaam, un vidente famoso por la eficacia de sus bendiciones y maldiciones.Fuentes: Balak · Balaam · el propio texto bíblico
  • Aunque la delegación moabita llevó la paga por la adivinación y prometió grandes riquezas y honores, Balaam insistió reiteradamente en que dependía de Dios y solo podía pronunciar lo que el SEÑOR le ordenara.Fuentes: Balaam · el propio texto bíblico
  • Durante el viaje de Balaam, el ángel del SEÑOR bloqueó un sendero estrecho entre los muros de piedra de dos viñedos, siendo visible solo para la asna hasta que Dios abrió los ojos del vidente para ver al mensajero divino con la espada desenvainada.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jericho · Hoy: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 1
  • Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
  • Moab · Hoy: Moab 2 · 31.840, 35.674 · versículo 1
  • Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 3, 4, 7, 8, 10, 14, 21
  • Midian · 28.495, 35.012 · versículos 4, 7
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 5, 11
  • Pethor · Hoy: Til Barsip · 36.701, 38.087 · versículo 5
  • Arnon · Hoy: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · versículo 36
  • Bamoth-baal · Hoy: Khirbet el Quweiqiyeh · 31.732, 35.741 · versículo 41

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.