Nations Bible

Números 15

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Kennansa Adda Addaa

1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa akka isin keessa leetanuuf ani isiniif kennutti yennaa galtane, 3kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aafille, waadaa addaa yookiin kennansa fedhii teessanii yookiin kennansa guyyaa jilaa loon keessaa yookiin hoolee keessaa kennansa foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godha'aatii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 4Nami kennansa ifii dhikeessu kennansa midhaanii bullaa dansaa gara kiiloogiraama tokkoo, ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. 5Buruusoo hoole'ee ta kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf dhikaattu tokko tokkooyyuu woliin kennansa daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo dhikeessuu ti. 6Korbeessa hoole'ee woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkoo fi wodhakka'aatiin sukkuumante dhikeessuu ti. 7Daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo fi wodhakkaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittulle dhikeessuu ti. 8Kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf, kennansa addaa yookiin kennansa tokkumma'aa dardara tokko ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu, 9dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaa gara litirii lamaatiin sukkuumante dhikeessuu ti. 10Kennansa daadhii woyni'iille gara litirii lamaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu dhikeessuu ti.

11« ‹Dardara tokko tokkooyyuu, korbeessa hoole'ee tokko tokkooyyuu, buruusoo hoole'eetii fi re'e'ee tokko tokkooyyuu akkuma kanatti dhikeessuu ti. 12Akkuma laakkossi kennansa hori'ii dabalamuun, tokkoofuu akkasuma godha'a. 13Dhalataan biyya Israa'elii martinuu, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, waan kana mara godhuu ti. 14Dhaloota dhufu mara keessatti alagaan yookiin nami dhibiin ka odduu teessan le'u kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, akkuma seera isin ittiin dhikeessitanutti dhikeessuu ti. 15Kolbaa keessatti isinii fi alagaa odduu teessan le'uuf seerri tokkuma te'uu ti; kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti; isinii fi alagaan odduu teessan le'ulle ana Mootii Waan Maraa duratti tokkuma. 16Isinii fi alagaan odduu teessan le'u seeraa fi qajeelfamuma tokko hin qabaattan jedha› jedhiin» jedhe.

17Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 18«Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani itti isin geessutti yennaa galtane, 19sagalee lafa saniille yennaa nyaattane, sagalee san irraa kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 20Midhaan keessan ka qara dhowattane irraa bulla sharante irraa bixee hephellittii takkattii, akkuma midhaan eeddummee irraa fuutanee kennansa dhikeessitanutti kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 21Dhaloota dhufu mara keessatti, midhaan keessan ka qaraa irraa bullaa sharante irraa, kennansa kana ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessitan.

Kennansa Cubbuu Adoo Hin Beekin Hujaneef Dhikaatu

22« ‹Isin adoo hin beekin ajaja ani Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje yoo eegatuu dhaddane, 23ajaja ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isin ajaje kana maraa gaafa Muuse'etti kenneen jalqaddanee, dhalootaa haga dhalootaatitti yoo eegatuu dhaddane, 24kolbaalle adoo hin beekin yoo eegatuu dhadde, kolbaan duudiin dardara tokko kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessituu ti! Dardara san wolille'een akka seera isaatitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaa woliin, kennansa araara cubbu'uutiifille korbeessa re'e'ee tokko dhikeessituu ti. 25Kolbaan adoo hin beekin waan tolchiteef, adoo hin beekin tolchiisa ifiitiifille kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif waan dhikeessiteef, hayyichi kolbaa duudi'iif gumaa tolchuu ti; isaan araara hin dhaggatan. 26Kolbaa Israa'elii duudi'ii fi alagaan odduu isaanii le'u duudiin, adoo hin beekin waan itti galaneef, araara hin dhaggatan.

27« ‹Nami tokko adoo hin beekin yoo cubbuu huje, suphee re'e'ee ta woggaa tokkoo kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti. 28Hayyichi nama adoo hin beekin cubbuu huje saniif ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbu'uu dhikeessuu ti; inni araara hin dhaggata. 29Dhalataa biyyaa nama Israa'eliille te'u yookiin alagaa maraafuu ka adoo hin beekin cubbuu hujeef, seerri tokkuma.

30« ‹Dhalataan biyya Israa'elii yookiin alagaan beekaa yoo cubbuu huje ammoo, ana Mootii Waan Maraa waan tuffateef, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. 31Inni jecha kiyya waan faanshesseef, ajaja kiyyalle waan diigeef, nami sun dhugumaan kolbaa keessaa bawuu qaba; yakki isaalle isuma irratti hafa jedha› jedhiin» jedhe.

Nama Sanbataan Hujee Adabame

32Israa'elooti yennaa goomolee keessa jiranu, nami tokko guyyaa Sanbataa qoraan caffatuun dhaggane. 33Worri qoraan caffatuun isa dhagge sun gara Muuse'ee fi Aaronii, gara wolde'a Israa'elii duudi'iille isa fide. 34Maan akka isa godhanu waan hin beekkaminiif akka hidhamu godhane. 35Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Namichi du'uu qaba; wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti dhaka'aan isa tumuu ti» jedhe. 36Maarre wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, dhaka'aan tumanee isa ijjeesane.

Seera Marroo Handaara Woya'aa

37Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 38«Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Isin qaccee woyaa teessanii irratti handaara itti baafadha'a; handaara tokko tokkooyyuu irratti jirbii bifa cuquliisaa itti hidha'a. Dhalooti dhufu martinuu tana godhuu ti. 39Waan gadhaan keessan halche, waan ilti teessan dhaggite gula ideentanee akka hin sagaagalle, akka isin ajaja kiyya maraaf ajajantanu handaarri kun isin qaabachiisa. 40Achiin duuba isin ajaja kiyya maraaf ajajamiisa hin qaabattan; ana Waaqa keessaniifille hin woyyoontan. 41Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka Waaqa isinii te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedha› jedhiin» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Ofrendas, Obediencia y Recordatorios

  • Las normas dadas para las ofrendas de cereal, las libaciones y los pecados involuntarios se aplicaban por igual a los israelitas nativos y a los extranjeros que residían entre ellos. La ley estableció expresamente un único estatuto permanente para ambos grupos ante el SEÑOR.Fuentes: el propio texto bíblico
  • La ley hacía una clara distinción entre los pecados cometidos por error, para los cuales se proveía expiación mediante sacrificios, y los pecados desafiantes. Quien pecaba con rebeldía era considerado como blasfemo contra el SEÑOR y despreciador de Su palabra, quedando separado de la comunidad.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Para ayudar al pueblo a recordar todos los mandamientos divinos, se ordenó a los israelitas colocar borlas con un cordón azul en las esquinas de sus vestiduras. Mirar estas borlas tenía como fin evitar que se extraviaran siguiendo su propio corazón y sus propios ojos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 41

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.