Nations Bible

Marcos 7

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo

1Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane. 2Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane.

3Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu. 4Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.

5Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane. 6Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo. 7Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, na waaqonfatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga'a.

8«Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe. 9Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan. 10Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera. 11Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te'eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe, 12duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. 13Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.

Waan Nama Batteessu

14Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a! 15Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [ 16Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]» isaaniin jedhe.

17Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane. 18Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu? 19Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise.

20Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. 21Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, 22gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u. 23Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.

Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa

24Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne. 25Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde. 26Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte. 27Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti» isi'iin jedhe.

28Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.

29Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe. 30Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.

Yesuus Namicha Gurra Duuda'aa Fayyise

31Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. 32Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.

33Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe; 34gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u. 35Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.

36Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane. 37Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.

¿Sabías que…?

Pureza, tradición y el camino más allá de Galilea

  • Fariseos y escribas que habían venido de Jerusalén cuestionaron a Jesús porque algunos de sus discípulos comían con las manos sin lavar. Marcos explica que, al guardar la tradición de los ancianos, los fariseos y todos los judíos no comían hasta lavarse de manera ceremonial, y que también se lavaban al volver del mercado y lavaban vasos, jarros, calderos y lechos para comer. Una cronología fecha este discurso sobre mandamientos y tradición en el año 29 d. C.Fuentes: el propio texto bíblico · Commandments and Tradition Discourse
  • Jesús respondió citando a Isaías, hijo de Amoz, acerca de un pueblo que honra a Dios con los labios mientras el corazón está lejos de él, y que enseña preceptos humanos como doctrina. A la tradición de los ancianos contrapuso un mandamiento que atribuye a Moisés —honrar al padre y a la madre— y la práctica del corbán, que el texto explica como una ofrenda consagrada a Dios y por la cual, según él, la persona ya no podía hacer nada por su padre o su madre.Fuentes: el propio texto bíblico · Isaiah
  • En la región de Tiro, una mujer griega, de origen sirofenicio, rogó a Jesús que expulsara un espíritu impuro de su hija. Después pasó por Sidón hasta el mar de Galilea y entró en la Decápolis: Sidón, en el Mediterráneo, al norte de Tiro, era la ciudad fenicia más antigua y la ciudad madre de Tiro, mientras que la Decápolis —nombre que significa diez ciudades— estaba al este y al sureste del lago y estaba habitada sobre todo por griegos. Allí le trajeron un hombre sordo que apenas podía hablar, y Jesús dijo: “Efata”, que el relato explica como “Ábrete”.Fuentes: el propio texto bíblico · Sidon · Tyre · Decapolis

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 1
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 24
  • Sidon · Hoy: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículos 24, 31
  • Tyre · 33.271, 35.196 · versículos 24, 31
  • Phoenicia · 33.271, 35.196 · versículo 26
  • Decapolis · 32.717, 35.800 · versículo 31
  • Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · versículo 31

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.