Marcos 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii
1Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme. 2Yennaan midhaan muka woyni'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ifii erge. 3Qonnaan bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane. 4Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qonnaan bultooti mataa isaa dachaanee qaanessane. 5Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane. 6Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge. 7Qonnaan bultooti sun ammoo, ‹Ka abbaa fichaa muka woyni'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf hin te'a› woliin jedhane. 8Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyni'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyni'ii keessaa alatti qolaansane.
9«Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qonnaan bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyni'ii san, worra dhibi'itti hin kennata. 10Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e. 11Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;› ta jettu hin dubbinnee?» jedhee gaafate. 12Bulchitooti Yihudootaa mammaassa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
13Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane. 14Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen.
15Inni ammoo kijiba isaanii beekee, «Isin maaf na xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!» jedheen.
16Isaan beesee itti finnaan, «Fakki'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?» jedhee gaafate. Isaanille, «Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti» jedhaneen.
17Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe; isaanille isa baaseffatane.
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
18Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee, 19«Barsiisa'a! Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!› jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera. 20Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. 21Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e. 22Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute. 23Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.
24Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu. 25Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. 26Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinnee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‹Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe. 27Inni Waaqa worra jira'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane» jedhe.
Ajaja Guddicha
28Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, «Ajaja mara keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuus gaafate.
29Yesuus, «Ajaji guddichi, ‹Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha. 30Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin› jaaladhu. 31Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe.
32Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‹Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru› jettee ka dubbate dhuga'a. 33Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaalatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaalatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala» jedhe. 34Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, «Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Gaaffii Marroo Masiihii
35Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, «Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‹Mesiihiin ilma Daawitii ti› jechuu dande'an? 36Ayyaanni Woyyichi akka Daawiti, ‹Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i› jedhu'uuf akeekeera. 37Daawiti ifiifuu, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawitii te'uu dande'a?» jedhee gaafate.
Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette.
Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifii Eeggachiise
38Yesuus adoo isaan barsiisuu, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaalatanu, 39Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a! 40Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan» jedhe.
Kennaa Haadha Hiyyeessaa
41Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte; 42achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte. 43Yesuus barattoota ifii waamee, «Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe. 44Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe.

¿Sabías que…?
Debates en el templo
- Los saduceos, que dicen que no hay resurrección, interrogan a Jesús sobre siete hermanos y una viuda, apelando a lo que escribió Moisés. Él los remite a la zarza ardiente en el Libro de Moisés, donde Dios dice: “Yo soy el Dios de Abraham, el Dios de Isaac y el Dios de Jacob”. Abraham, “padre de una multitud”, era hijo de Taré; Isaac era el único hijo de Abraham con Sara; y Jacob era el segundo de los hijos gemelos de Isaac y Rebeca.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
- Cuando le preguntan cuál es el mandamiento más importante, Jesús comienza: “Oye, Israel, el Señor nuestro Dios, el Señor es uno”, y añade: “Ama a tu prójimo como a ti mismo”. Israel es otro nombre de Jacob, el segundo de los gemelos de Isaac y Rebeca; el nombre Jacob se explica como el que sigue los talones de otro, o suplantador.Fuentes: el propio texto bíblico · Jacob (Israel)
- Mientras enseña en los atrios del templo, Jesús pregunta cómo pueden decir los escribas que el Cristo es el Hijo de David, si el propio David lo llama “Señor”. David, cuyo nombre significa “Amado”, era el octavo y el menor de los hijos de Isaí, ciudadano de Belén, y su primera ocupación fue cuidar las ovejas de su padre en las tierras altas de Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · David
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org