Nations Bible

Mateo 8

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise

1Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte. 2Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta'a, yoo fedha keeti te'e na fayyisuu dandeetta» jedhe. 3Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. 4Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.

Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise

5Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee, 6«Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.

7Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.

8Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 9Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.

10Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. 11Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan; 12worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe. 13Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu» jedhe.

Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.

Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise

14Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge. 15Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte.

16Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. 17Wonni Isaayaasiin raagichi,

«Inni dhibee teenna fudhate,

dhukkuba keennalle ba'ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.

Worra Yesuus Hordofiisaaf Barbaade

18Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje. 19Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa» jedheen.

20Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen.

21Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, «Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam» jedheen.

22Yesuus ammoo, «Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti» isaan jedhe.

Yesuus Bubbee Cadhisiise

23Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. 24Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. 25Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen.

26Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e.

27Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.

Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise

28Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. 29Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane.

30Diqquma isaan irraa fago'otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. 31Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.

32Yesuus, «Dhaqa'a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.

33Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te'e achitti odeessane. 34Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Curaciones, fe y el mar

  • Capernaum, la ciudad a la que Jesús entra en este capítulo, era una ciudad de Galilea que no se menciona en el Antiguo Testamento. El Easton's Bible Dictionary (1897) dice que llegó a ser “su propia ciudad” después de que dejó Nazaret, e incluye la súplica del centurión y la curación en la casa de Pedro entre los hechos situados allí.Fuentes: Capernaum · el propio texto bíblico
  • Jesús dice que muchos vendrán del oriente y del occidente para compartir el banquete con Abraham, Isaac y Jacob en el reino de los cielos. El Easton's Bible Dictionary (1897) presenta a Abraham como hijo de Taré y heredero de las promesas, a Isaac como el único hijo de Abraham con Sara, y a Jacob —también llamado Israel— como el hijo gemelo menor de Isaac y Rebeca.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham · Isaac · Jacob (Israel)
  • Mateo presenta las curaciones de aquella noche como cumplimiento de lo dicho por medio del profeta Isaías: “Él tomó nuestras dolencias y cargó con nuestras enfermedades.” El Easton's Bible Dictionary (1897) identifica a Isaías como hijo de Amoz, que profetizó durante los reinados de Uzías, Jotam, Acaz y Ezequías.Fuentes: el propio texto bíblico · Isaiah

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Gadara · Hoy: Umm Qais · 32.656, 35.679 · versículo 28

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.