Nations Bible

Mateo 25

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Mammaassa Durroota Kudhanii

1Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. 2Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e. 3Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne. 4Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane. 5Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.

6«Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!› waamichi jedhu dhage'ame. 7Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. 8Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a› jedhaneen. 9Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a› jedhaneen. 10Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.

11«Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!› jedhaneen. 12Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen. 13Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!» jedhe.

Mammaassa Worra Beeseen Worqi'ii Itti Kennantee

14Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; 15Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. 16Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate. 17Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. 18Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale.

19«Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. 20Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe. 21Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. 22Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a› jedhee, ‹Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen. 23Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. 24Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; 25tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen.

26«Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? 27Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. 28Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a. 29Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti. 30Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti bowaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe.

Muraa Muumme'ee

31Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a. 32Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, 33hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. 34Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a; 35sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan; 36daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. 37Yennaa san balchooleen, ‹Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?

38« ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? 39Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. 40Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.

41«Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a; 42ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; 43keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.

44«Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin. 45Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone› isaaniin hin jedha. 46Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.

¿Sabías que…?

Preparados antes de que venga el Hijo del Hombre

  • Mateo 25 compara el reino de los cielos con diez vírgenes que toman lámparas y salen al encuentro del novio. Las cinco prudentes llevan aceite en frascos; las cinco insensatas no lo llevan y, tras la demora, un grito a medianoche las encuentra con las lámparas apagándose, de modo que les dicen que compren aceite y ellas vuelven cuando la puerta de la boda ya está cerrada. Él les dice que no las conoce, y el relato termina diciendo que hay que velar, porque nadie sabe el día ni la hora.Fuentes: el propio texto bíblico
  • La escena siguiente es la de un hombre que, antes de un viaje, confía sus bienes a tres siervos: cinco talentos, dos talentos y un talento, a cada uno según su capacidad. Los dos primeros ponen el dinero a trabajar y lo duplican; el que recibió un solo talento cava un hoyo y lo esconde. Después de mucho tiempo, el señor alaba a los dos primeros como buenos y fieles y los invita a entrar en su alegría, pero llama al tercero malo y perezoso, y dice que la suma debió dejarse con los banqueros para que produjera intereses.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo termina con el Hijo del Hombre que viene en gloria con todos los ángeles y se sienta en su trono glorioso mientras las naciones se reúnen ante él. Las separa como un pastor separa las ovejas de las cabras: las ovejas a su derecha y las cabras a su izquierda. Recibe a los de la derecha por haber dado de comer al hambriento, de beber al sediento, acogido al extranjero, vestido al desnudo, cuidado al enfermo y visitado al preso, y dice que lo hecho a uno de estos sus hermanos más pequeños fue hecho a él, mientras los de la izquierda, que no hicieron nada de esto, van al castigo eterno, y los justos a la vida eterna.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.