Nations Bible

Mateo 21

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene

1Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee, 2«Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a. 3Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‹Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» isaaniin jedhe.

4Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete; 5wonni raagaan raagelle,

«Qachaa Xiyooniitiin,

‹Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee,

harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee,

gara keeti dhufaara› jedha'aan» ka jedhu.

6Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane; 7Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e. 8Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfirsane. 9Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee,

«Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif!

Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame!

Hosaa'inaa olii ol-gubba'aatitti!» jette.

10Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, «Inni kun eennu?» jedhane. 11Gumiin isa woliin ideentu, «Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe» jette.

Yesuus Galma Waaqaa Dhaqe

12Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, 13«‹Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» isaaniin jedhe.

14Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise. 15Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif» jedhaa iyyitu yennaa dhaggane aarane. 16Tanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?» jedhane.

Yesuus, «Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbinnee?» isaaniin jedhe.

17Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule.

Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare

18Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote. 19Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, «Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin» jedheen. Yoosuma muki harru'uu sun goge. 20Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, «Yoosuma muki harru'uu attam goge?» jedhane. 21Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‹Asii ka'ii abbaaya'atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti. 22Dhugeeffanna'aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.

Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii

23Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisiisatti jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, «Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?» jedhaneen. 24Yesuus deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima. 25Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?» isaaniin jedhe.

Isaanille wol mormanee, « ‹Waaqa irraa dhutte› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?› nuun jedha; 26Ammoo yoo nuuti, ‹Nama irraa› jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna» jedhane. 27Maarre isaan deebisanee, «Nuuti hin beennu» Yesuusiin jedhane.

Yesuusille, «Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu» isaaniin jedhe.

Mammaassa Ilmaan Lamaa

28Yesuus isaaniin, «Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji› jedheen. 29Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe. 30Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‹Hin dhaqa, abbayyoo!› jedhe; ammoo hin dhandhe. 31Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?» jedheen.

Isaan, «Angaficha» jedhane.

Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan. 32Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne» isaaniin jedhe.

Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii

33Yesuus ammalle, «Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan bultootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme. 34Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultoota sanii erge. 35Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane. 36Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane. 37Dhuma irratti inni, ‹Isaan ilma kiyya hin ulfeessan› jedhaa ilma ifii gara isaanii erge. 38Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‹Ka dhaalu kana; kowa'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa› woliin jedhane. 39Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane. 40Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?» isaaniin jedhe.

41Isaan deebisanee, «Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa» jedhane.

42Yesuus, «Isin Barreeffama Woyyicha keessatti,

«‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,

dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e;

tana Gootta'atti godhe,

ila teennalle'etti waan baasaa ti!› ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?

43«Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [ 44Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa» isaaniin jedhe.]

45Sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane. 46Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Jesús entra en Jerusalén

  • Al acercarse a Jerusalén, Jesús y los discípulos llegaron a Betfagé, en el Monte de los Olivos, y desde allí él envió a dos discípulos a traer una asna y su pollino. Betfagé significa “casa del higo aún no maduro”; estaba en el camino de Jerusalén a Jericó, muy cerca de Betania, donde pasó la noche, y era el límite de una jornada de sábado desde la ciudad, 2.000 codos. El Monte de los Olivos debe su nombre a los olivos que cubren sus laderas y es una sierra al este de Jerusalén, separada de la ciudad por el valle del Cedrón.Fuentes: el propio texto bíblico · Bethphage · Mount of Olives
  • El pasaje dice que la entrada cumplió lo que se había dicho por medio del profeta a la Hija de Sion: su rey vendría a ella manso, montado en un asno, en un pollino, cría de asna. Sion era el monte suroriental de Jerusalén; cuando David la tomó de los jebuseos, construyó allí una ciudadela y un palacio, y llegó a conocerse como la ciudad de David. Las multitudes que iban delante y las que lo seguían gritaban: “¡Hosanna al Hijo de David!”Fuentes: el propio texto bíblico · Zion
  • Cuando Jesús entró en Jerusalén, toda la ciudad se conmovió y preguntó quién era; las multitudes respondieron que era Jesús, el profeta de Nazaret de Galilea. Nazaret no se menciona en el Antiguo Testamento y era el hogar de José y María. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) dice que el nombre se entiende por lo general como forma griega de una palabra hebrea que significa “retoño” o “brote”, aunque algunos lo relacionan con el monte detrás del pueblo y con una palabra para quien guarda o vigila; Galilea significa “circuito” y se llamaba “Galilea de los gentiles”, y se distinguía la Alta Galilea de la Baja Galilea, más al sur.Fuentes: el propio texto bíblico · Nazareth · Galilee

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 10, 18
  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · versículo 1
  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 5
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 11
  • Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 11

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.