Lucas 9
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge
1Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. 2Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge. 3Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif womaa hin qabatina'a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina'a. 4Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura'a. 5Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a» jedhe. 6Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.
Mamiisa Heroodisii
7Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame. 8Worri dhibiin Eliyaas mudhateera, worri dhibiille raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera jedhane. 9Heroodis, «Ani morma Yohaannisii mureeraayyu; nami ani waan isaa dhage'u kun ammoo eennu inni?» jedhe. Isa dhaggiisaafille barbaade.
Yesuus Nama Kuma Shan Areere
10Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe. 11Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise. 12Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane. 13Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna'aaf» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi'iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane. 14Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu.
Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a» jedhe.
15Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. 16Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. 17Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
18Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 19Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan» jedhanee deebisane.
20Yesuus, «Isin hoo eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate.
Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii Waaqaa ti» jedheen.
Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate
21Achiin duuba Yesuus waan kana eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan ajaje. 22Inni itti dabalee, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee isaanitti hime. 23Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti. 24Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo naaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata. 25Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati? 26Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata. 27Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
28Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. 29Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. 30Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. 31Isaan ulfinna ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu. 32Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. 33Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne. 34Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane. 35Duumensa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!» qoonqoon jettu dhage'ante. 36Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.
Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise
37Guyyaa itti aanu Yesuusii fi barattooti isaa sadiin yennaa gaara irraa gad bu'anu, gumiin guddoon Yesuusiin wol dhaggite. 38Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, «Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. 39Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka'aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu'uun gad lakkisa. 40Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. 41Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe.
42Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. 43Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte.
Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate
Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin, 44«Dubbii ani isinitti himu tana gurratti fudhadha'a! Ilmi namaa dabarfamee harka ilmaan namootaatitti hin kennama» jedhe. 45Barattooti ammoo dubbii tana hin hubanne. Hiikkaan isaan duraa waan dhokatteertuuf hubatuu hin dandeenne; dubbii tana isa gaafatiisalle sodaatane.
Ka Caalu Eennu?
46Barattoota oddu'utti isaan keessaa ka caalu eennu akka te'e wol mormiin kaate. 47Yesuus yaada isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee, cinaa ifii dhaabbachiisee, 48isaaniin, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala» jedhe.
Ka Isiniin Hin Mormine Golii Teessan
49Yohaannis deebisee, «Barsiisa'a, namichi tokko maqaa keetiin durriisota baasuun dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, isa dhooggine» Yesuusiin jedhe. 50Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine mara golii teessan waan te'eef, isa hin dhooggina'a!» jedhe.
Ollaan Samaariya'aa Yesuus Fudhatuu Dide
51Yennaan Yesuus gara ol-gubba'aa fudhatamu dhikaannaan, gara Yerusaalemii deemiisaaf muratee ka'e. 52Gara ollaa Samaariya'aa dhaqanee waan mara akka isaaf qopheessanuuf, inni ergantoota ifiin dura erge. 53Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde. 54Barattooti isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana yennaa dhaggane, «Gootta'a, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu hin eeyyantaa?» jedhane. 55Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [ «Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleessiisaaf hin dhunne»] jedhe. 56Achiin duuba isaan gara ollaa dhibi'ii ka'anee deemane.
Jara Sadiin Yesuus Hordofiisaaf Barbaadde Takka
57Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe. 58Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedhe.
59Nama dhibi'iin, «Na hordofi» jedhe.
Nami sun ammoo, «Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam» jedhe.
60Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi» jedhe.
61Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta'a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe. 62Yesuus isaan, «Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u» jedhe.

¿Sabías que…?
Misión, identidad y el camino a Jerusalén
- Herodes el tetrarca, perplejo por lo que se decía de Jesús, es Herodes Antipas, hijo de Herodes con Malthace. Él dijo que había decapitado a Juan, mientras algunos afirmaban que Juan había resucitado de entre los muertos, otros que Elías el tisbita, el "Elías" del Nuevo Testamento, había aparecido, y otros que un antiguo profeta había surgido. Una cronología de estos hechos fecha la decapitación de Juan en el año 29 d.C.Fuentes: Herod Antipas · Elijah · John Beheaded · el propio texto bíblico
- Cuando los apóstoles regresaron, Jesús se retiró con ellos a una ciudad llamada Betsaida, donde acogió a la multitud, habló del reino de Dios y alimentó a unos cinco mil hombres con cinco panes y dos peces. El diccionario bíblico de Easton (1897) sitúa esta Betsaida en el lado oriental del lago, a dos millas río Jordán arriba, en la región de Gaulonitis; Felipe el tetrarca la amplió y la llamó Julias, por la hija del emperador. Algunos han supuesto que había una sola Betsaida, construida a ambos lados del lago, cerca de donde el Jordán entra en él; la entrada identifica las ruinas como et-Tel.Fuentes: Bethsaida · el propio texto bíblico
- Pedro, llamado originalmente Simón, respondió que Jesús es "el Cristo de Dios". Unos ocho días después, Jesús llevó a Pedro, Santiago y Juan a un monte para orar; Moisés y Elías aparecieron en gloria y hablaron de la partida que Jesús estaba por cumplir en Jerusalén. Santiago, hermano mayor de Juan y pescador en sociedad con Pedro, estaba con ellos; a él y a Juan se les llamaba Boanerges, "hijos del trueno", probablemente por su osadía y energía, y más tarde preguntaron si debían hacer bajar fuego del cielo sobre una aldea de samaritanos que no quiso recibir a Jesús porque se dirigía a Jerusalén.Fuentes: Simon Peter · James (Son of Zebedee) · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org