Lucas 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Dhaloota Yesuusii
1Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase. 2Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e. 3Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. 4Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. 5Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. 6Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. 7Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.
Tissitootaa Fi Ergantoota Waaqaa
8Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran. 9Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. 10Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe. 11Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. 12Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe. 13Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, 14«Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane. 15Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane. 16Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane. 17Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. 18Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane. 19Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte. 20Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.
Yesuus Maqaa Baasane
21Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase «Yesuus» jedhane. 22Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane. 23Seera Gootta'aa keessatti, «Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a» jedhantee barreeffanteerti. 24Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin maddoo lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane. 25Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. 26Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. 27Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. 28Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee,
29«Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta,
ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi.
30Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite,
ilti tiyya dhaggiteerti.
32Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun,
kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate.
33Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbate baaseffatane. 34Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee, 35yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe. 36Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e. 37Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte. 38Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte.
Gara Naaziretii Deebi'ane
39Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane. 40Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.
Yesuus Yennaa Ijoollichaa Galma Waaqaa Keessatti Hafe
41Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. 42Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. 43Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne. 44Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane. 45Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane. 46Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. 47Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. 48Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
49Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?» isaaniin jedhe. 50Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
51Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte. 52Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate.

¿Sabías que…?
El nacimiento y los primeros años de Jesús
- Lucas sitúa el nacimiento de Jesús en la época de un decreto de César Augusto para que se hiciera un censo de todo el imperio. Augusto era el cognomen del primer emperador romano, C. Julio César Octaviano; el título, que significa “majestad” o “venerable”, lo dio primero el senado. Lucas llama a este el primer censo realizado mientras Quirino era gobernador de Siria; Cirenio es la forma griega de Publio Sulpicio Quirino.Fuentes: el propio texto bíblico · Augustus · Cyrenius
- José vivía en Nazaret, en Galilea, y de allí subió a Judea, a Belén, la ciudad de David, porque pertenecía a la casa y al linaje de David. Belén está en la región montañosa de Judá y era la propia ciudad de David: David, el octavo y el menor de los hijos de Isaí, era ciudadano de Belén. María, prometida en matrimonio a José y esperando un hijo, viajó con él para registrarse.Fuentes: el propio texto bíblico · Joseph (Mary's Husband) · Bethlehem · David
- Cuando se cumplió el tiempo de la purificación exigido por la Ley de Moisés, los padres llevaron al niño a Jerusalén para presentarlo al Señor, ofreciendo un par de tórtolas o dos pichones. En el templo se encontraron con Simeón y con Ana, una profetisa, hija de Fanuel, de la tribu de Aser. Había estado casada durante siete años y después quedó viuda hasta los ochenta y cuatro, y nunca dejaba el templo, adorando noche y día, en ayuno y oración.Fuentes: el propio texto bíblico · Anna
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Syria · Hoy: Syria 2 · 33.511, 36.306 · versículo 2
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 4, 11, 15
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículos 4, 39
- Judea · Hoy: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 4
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículos 4, 39, 43, 51
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 22, 25, 38, 41, 42, 43, 45
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org