Lucas 18
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mammaassa Haadha Hiyyeessaatii Fi Abbaa Mura'aa
1Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: 2«Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira. 3Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. 4Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, 5haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi'iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe. 6Goottaan, «Waan abbaan mura'aa jallaamessi sun jedhe dhage'aa! 7Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa? 8Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.
Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
9Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: 10«Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. 11Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha. 12Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna› jedhee daadimate. 13Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe. 14Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
Yesuus Daa'immaan Eebbise
15Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane. 16Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a. 17Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe.
Namicha Dureessa Tokko
18Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate. 19Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. 20Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni!› jedhu hin beetta» jedhe.
21Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera» jedhe. 22Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe. 23Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde. 24Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam attam rakkisa'a! 25Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
26Worri kana dhage'e, «Yoona eentu fayyuu dande'a ree?» jedhee gaafate. 27Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti» jedhe.
28Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe.
29Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkise, 30bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe.
Yesuus Marroo Du'a Ifii Sadeessoo Dubbate
31Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti. 32Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan. 33Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.
34Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise
35Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. 36Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate. 37Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. 38Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. 39Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.
40Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, 41Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
42Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. 43Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.

¿Sabías que…?
Oración, humildad y misericordia en el camino
- Cuando Jesús se acerca a Jericó, un ciego está sentado junto al camino, pidiendo limosna. El Easton's Bible Dictionary (1897) llama a Jericó “lugar de fragancia”: una ciudad amurallada en medio de un vasto bosque de palmeras en la llanura del Jordán, a unas cinco millas al oeste del río, y la ciudad más importante de ese valle.Fuentes: el propio texto bíblico · Jericho
- La multitud le dice al ciego que Jesús de Nazaret está pasando, y él grita: “¡Hijo de David, ten misericordia de mí!” David, cuyo nombre se explica como “amado”, era el octavo y el menor de los hijos de Jesé y ciudadano de Belén; Nazaret, que no se menciona en el Antiguo Testamento, era el hogar de José y María.Fuentes: el propio texto bíblico · David · Nazareth
- Jesús aparta a los Doce y les dice que suben a Jerusalén, donde se cumplirá todo lo que los profetas escribieron acerca del Hijo del Hombre. El nombre está en forma dual y significa “posesión de paz” o “fundación de paz”, probablemente en referencia a los montes Sion y Moriah sobre los que se construyó la ciudad, aunque algunos lo relacionan con la ciudad alta y la ciudad baja; Jerusalén también es llamada la ciudad santa y descrita como una ciudad de montaña.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 31
- Jericho · Hoy: Tell el Alayiq · 31.852, 35.436 · versículo 35
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 37
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org