Lucas 15
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mammaassa Hoolee Baddee
1Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane. 2Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata» jedhanee itti gungumane. 3Tanaaf Yesuus itti mammaakee, 4«Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? 5Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, 6gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› hin jedha. 7Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a» jedhe.
Mammaassa Maallaqa Badee
8Yesuus itti aansee, «Dubartiin saantii maallaqaa kudhan qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii? 9Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› isaaniin hin jetti. 10Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.
Mammaassa Ilma Badee
11Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12Maandhich abba'aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'iisaan karra ifii mara bittinneesse. 14Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. 15Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. 16Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
17«Duuba inni gara yaada ifii deebi'ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara. 18Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; 19haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe.
20«Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
21«Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
22«Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a! 23Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna. 24Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
25«Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e. 26Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, ‹Maanti maan te'e?› jedhee gaafate. 27Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen. 28Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. 29Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu! 30Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe. 31Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. 32Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe.

¿Sabías que…?
Perdido y encontrado
- Los recaudadores de impuestos y los pecadores se estaban reuniendo para escuchar a Jesús, y los fariseos y los escribas comenzaron a murmurar que él acoge a los pecadores y come con ellos. Jesús entonces les contó parábolas sobre una oveja perdida, una moneda de plata perdida y un hijo perdido.Fuentes: el propio texto bíblico
- La enseñanza y la sanidad en Perea hacia Jerusalén se registran como comenzando en el año 30 d.C. con una duración de un día.Fuentes: Teaching and Healing in Perea to Jerusalem
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org