Nations Bible

Levítico 9

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Aaronii Fi ilmaan Isa Ciincaa Dhikeessuu Jalqabane

1Muuseen guyyaa saddeetesso'oo Aaronii fi ilmaan isaa, jaarsolee Israa'elootaalle waame. 2Inni Aaroniin, «Kennansa araara cubbuu teetiitiif dhikaatu dardara tokko, kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee tokko, lamaanuu ka fafa hin qanne fuudhiitii fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessi. 3Achiin duuba Israa'elootaan, ‹Kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu korbeessa re'e'ee tokko, kennansa gubamuufille jibicha woggaa tokkootii fi korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo lamaanuu ka fafa hin qanne fuudha'a! 4Adha Mootiin Waan Maraa waan isinitti mudhatuuf, Kennansa tokkumma'aatiif kormaa fi korbeessa hoole'ee, kennansa midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame woliin ciincessiisaaf Mootii Waan Maraa dura dhikeessa'a› jedhiin» jedhe.

5Isaan waan Muuseen ajaje mara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidane; wolde'i duudiin dhufanee fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. 6Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Ulfinni Mootii Waan Maraa akka isinitti mudhatuuf, tun waan Mootiin Waan Maraa isin ajaje» jedhe. 7Muuseen ammalle Aaroniin, «Addee ciinca'aa dhaqiitii, kennansa keeti ka araaraa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa keeti ka gubamu ciincessiitii, kolba'aa fi ifiifille gumaa cubbu'uu kenni. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti marroo kolba'aatiif kennansa dhikeessiitii gumaa cubbuu isaanii kenni» jedhe.

8Maarre Aaron gara addee ciinca'aa dhaqee, jibicha araaraa cubbuu isaatiif dhikaate san qale. 9Ilmaan isaa dhiiga jibichaa san isatti fiddee, inni quba ifii dhiiga san keessa cuuphee gaafota addee ciinca'aa san dibe; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase. 10Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu irraa moora, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uu addee ciinca'aa irratti gube. 11Inni foonii fi gogaa addee quttumaatiin alatti ibiddaan gube.

12Achiin duuba inni kennansa gubamu san qale. Ilmaan isaa dhiiga jibichaa isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase. 13Ilmaan isaa kennansa gubamiisaaf qalame san kukkuttee mataa woliin isatti fidde. Innille addee ciinca'aa irratti gube. 14Achiin duuba inni meya gadha'aatii fi manyee dhiqee kennansa gubamu woliin addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube.

15Achiin duuba Aaron kennansa marroo kolba'aa dhikeesse. Korbeessa re'e'ee ka araara cubbuu kolba'aatiif dhikaate san fuudhee qalee, akkuma qara araara cubbuu ifiitiif dhikeesse san araara cubbu'uutiif dhikeesse.

16Inni horii kennansa gubamuuf dhikaate san fidee akkuma seeraatitti ciincaa dhikeesse. 17Inni kennansa midhaaniille fidee, ooboo tokko irraa fuudhee, ciincaa ganama ganama dhikaatutti ede'ee addee ciinca'aa irratti gube.

18Aaron kormaa fi korbeessa hoole'ee ka marroo kolba'aa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san qale. Ilmaan isaa dhiiga horii sanii isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaase. 19Ilmaan Aaronii moora kormaatii fi moora korbeessa hoole'ee, duma isaa, moora meya gadha'aa, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uulle fuudhanee, 20cormii kormaatii fi korbeessaa san irra keyane; Aaronille moora san mara addee ciinca'aa irratti gube. 21Akkuma Muuseen ajajetti cormi'ii fi luka gara middaa, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeesse.

22Achiin duuba Aaron harka ifii gara kolba'aa diriirsee isaan eebbise; ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba gad bu'e.

23Muuse'ee fi Aaron gara dunkaanii woldeenna'aa seenane; isaan yennaa gad bayane kolbaa eebbisane; ulfinni Mootii Waan Maraalle kolbaa san maratti mudhate. 24Ibiddi Mootii Waan Maraa biraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi moora addee ciinca'aa irra jiru san mara nyaatee fixe; kolbaan marti waan kana dhagganee, gammadanee ilillisaa gad gombifamane.

¿Sabías que…?

Aarón Inicia su Ministerio Sacerdotal

  • En el octavo día tras el período de consagración, Aarón inició su ministerio formal realizando sacrificios para su propia expiación antes de presentar las ofrendas en favor del pueblo de Israel.Fuentes: el propio texto bíblico · Aaron
  • Tras realizar los sacrificios, Aarón levantó las manos para bendecir a la congregación, y luego de que Moisés y Aarón entraron y salieron de la Tienda de Reunión, la gloria del Señor apareció a todo el pueblo.Fuentes: el propio texto bíblico · Moses · Aaron
  • Las ceremonias inaugurales concluyeron cuando salió fuego de la presencia del Señor para consumir el holocausto y la grasa en el altar, llevando al pueblo a gritar de júbilo y postrarse rostro en tierra.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.