Levítico 27
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Kennansa Waaqaaf Dhikaate Woduu
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko nama ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kenniisaaf waadaa yoo gale, akka nami sun itti shallagametti, gatiin inni kaffalu, 3akka madaallii addee woyyitti'iititti dhiira woggaa diddamaa haga woggaa jaatamaatiif meetii giraama dhibba shanii fi torbaatama, 4dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba sadii fi afurtama, 5dhiira woggaa shanii haga woggaa diddamaatiif meetii giraama dhibba lamaa fi soddoma, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan, 6dhiira ji'a tokkoo haga woggaa shaniitiif meetii giraama shantamii torba, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama soddomii afur 7dhiira woggaa jaatamaa oliitiif meetii giraama dhibba tokkoo fi torbaatamii tokko, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan kaffaluu ti.
8« ‹Nami waadaa gale sun hiyyeessa te'ee shallaggii san kaffaluu yoo dadhabe, nama kenniisaaf waadaa gale san fuula hayyichaa dura dhikeessuu ti; hayyichille gatii inni kaffaliisaaf dande'utti shallaguu ti.
9« ‹Wonni inni kenniisaaf waadaa gale sun horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif fudhatama qabu yoo te'e, horiin akkasii ka ana Mootii Waan Maraatiif kenname woyyuu hin te'a. 10Nami sun kennansa dhikaate san dansaa hama'aan yookiin hamaa dansa'aan hin jijjiirin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'iin bakka yoo buuse, horiin sun lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti. 11Wonni inni ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa gale sun horii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ka qulqulluu hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf ka fudhatama hin qanne yoo te'e, horiin sun hayyicha dura dhikaatuu ti. 12Hayyichi horii san dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti. 13Abbichi horii san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti.
14« ‹Nami tokko mana ifii ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'u yoo adda baase, hayyichi manni sun dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti 15Abbichi mana ifii adda baase sun mana san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti. Manni sun deebi'ee ka isaa hin te'a.
16« ‹Nami tokko lafa maatii ifii irraa dhaale irraa fichaa kutee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kennansa yoo dhikeesse, latti sun haga sanyii itti facaafantuutiin shallagantuu ti; sanyiin itti facaafantu garbuu kiiloogiraama dhibba tokko, latti sun meetii giraama dhibba shanii fi torbaatamatti hin shallaganti. 17Nami sun fichaa ifii san yennaa jila woggaa shantameesso'ootitti adda baasee yoo kenne, shallaggiin sun akkuma hayyichi murteesse sanitti te'a. 18Inni fichaa ifii san woggaa shantameesso'ootiin duuba yoo kennee jiraate ammoo, hayyichi akka laakkossa woggoota haga jila woggaa shantameesso'oo ta itti aantuutitti woggoota hafaneeranu ilaalee, shallaggii fichaa sanii irraa dhidhisuu ti. 19Abbichi fichaa ifii kenne sun deebisee wodatiisa yoo barbaade, gatii fichaan itti shallagamee sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti; fichaan sun ka isaa hin te'a. 20Te'uu malee fichaa san yoo hin wodatin yookiin nama dhibi'itti yoo gurgure deebi'ee fichaa san wodatiisa hin dande'u. 21Fichaan sun woggaa shantameesso'ootitti yennaa gad lakkifamu, ka woyyoome te'ee, akka fichaa ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffameetitti, qabeenna hayyootaa hin te'a.
22« ‹Nami tokko fichaa bitate ka lafa maatii ifii irraa dhaale hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif adda yoo baase, 23hayyichi shallaggii fichaa sanii haga jila woggaa shantameesso'ootitti laakkowee shallaguu ti; namichille akka waan Mootii Waan Maraatiif woyyuu te'eetitti guyyuma san kaffaluu ti. 24Jila woggaa shantameesso'ootitti fichaan sun abbicha lafaa ka qara inni irraa bite saniif hin deebi'a. 25Shallaggiin martinuu akka madaallii addee woyyitti'iititti te'uu ti.
26« ‹Te'uu malee angafi hori'ii duruuyyuu ka ana Mootii Waan Maraa waan te'eef, eennulle angafa hori'ii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasuu hin dande'u; angafa jabbii loonii, angafa ilmoolee hoole'ee yookiin re'e'ee te'ulle ka ana Mootii Waan Maraa ti. 27Horii qulqulluu hin te'in yoo te'e, gatii itti shallagame harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. Inni yoo hin wodatin, gatii itti shallagametti gurguramuu ti.
28« ‹Wonni ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffame martinuu irra caalaa woyyuu waan teeteef, wonni nami naaf kenniisaaf murteesse horiin, nami, latti maatii ifii irraa inni dhaale tokkolle hin gurguramin yookiin hin wodamin. 29Namalle yoo te'e hin wodamin; inni ijjeefamuu qaba.
30«‹Waan latti baachu mara keessaa, midhaan biyyeen baachu yookiin midhaan mukaalle te'u kudhan keessaa tokko ka ana Mootii Waan Maraa ti. Ana Mootii Waan Maraatiifille ka woyyoome. 31Nami kennansa ifii ka kudhan keessaa tokko kenne san wodatiisa barbaadu, gatii kennansa saniititti, harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. 32Horii keessaa kudhan keessa tokko, ka laakkowamiisaaf ulee tissitootaa jala dabaranu mara keessaa kudhaneessoon, ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome te'uu ti. 33Horiin kudhaneesso'oo sun badaa yookiin dansaalle te'u, nami kennu sun hin filin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'ii bakka yoo buuse, lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti; wodamiisaaf hin dande'anu› jedhi» jedhe.
34Kun ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti kolbaa Israa'eliitiif karaa Muuse'eetiin kenne.

¿Sabías que…?
Votos, Tasaciones y las Leyes del Sinaí
- Cuando los israelitas consagraban casas, tierras, animales impuros o diezmos agrícolas a Dios, a menudo podían rescatarlos pagando el valor tasado más un recargo de una quinta parte de ese precio.Fuentes: el propio texto bíblico
- Las personas consagradas por voto tenían valores monetarios fijados según su edad y sexo, calculados conforme al siclo del santuario, equivalente a veinte geras. Si quien hacía el voto era demasiado pobre para pagar la tasa fija, el sacerdote fijaba una suma acorde a sus posibilidades.Fuentes: el propio texto bíblico
- El libro de Levítico concluye señalando que estos mandamientos fueron dados a Moisés en el monte Sinaí, donde los israelitas permanecieron acampados alrededor de un año tras el Éxodo.Fuentes: el propio texto bíblico · Mount Sinai
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org