Levítico 20
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Adabbii Cubbuun Fiddu
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin keessaa yookiin nama ormaa ka isin woliin le'u keessaa nami tokkolle ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif ciincaa yoo dhikeesse ijjeefamuu ti; kolbaan Israa'elii marti dhaka'aan isa tuntuu ti. 3Inni ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif kennee, addee woyyittii tiyya batteessee maqaa kiyya woyyichalle waan salphiseef, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa hin baasa. 4Nami sun ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif yennaa kennu kolbaan lafa sanii dhaggaa itti lakkittee yoo isa hin ijjeesin, 5ani nama sanii fi maatii isaatitti diina hin te'a; isaa fi worra isa woliin waaqa dharaa Moleek waaqonfatu mara Kolbaa keessaa hin baasa.
6« ‹Nama naaf addatamuu lakkisee, gara worra ekeraa dubbisuutii fi gara worra moruu dhaqee isaan hordofu, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa baasa. 7Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. 8Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; seerata kiyya eeggadha'aatii, muummessa'a.
9« ‹Nami tokko abbaa ifii yookiin haadha ifii yoo abaare ijjeefamuu ti; abba'aa fi haadha ifii waan abaareef dhiiga ifiitiif isattuu itti gaafatama.
10« ‹Nami tokko niitii nama dhibi'ii yoo gaarayyeeffate, namichi gaarayyeeffatee fi namittiin inni gaarayyeeffate sun isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti. 11Nami tokko niitii abbaa ifii woliin yoo rafe, abbaa ifii waan salphiseef innii fi isiille lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama. 12Nami tokko niitii ilma ifii woliin yoo rafe, kobaa waan te'eef, isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama. 13Nami tokko akkuma dubartii woliin rafu dhiira yoo damaame isaan lamaanuu waan battii waan hujaneef ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama. 14Nami tokko dubartii takka fuudhee, haadha isi'iille yoo fuudhe, tun waan batti'i. Battummaan akkasii odduu teessan akka hin jiraanne, isaa fi isaan lamaanuu ibiddaan gubamanuu ti. 15Nami tokko horii bira yoo geye, ijjeefamuu ti; horii sanille ijjeesa'a. 16Dubartiin takka horii woliin yoo ratte, isi'ii fi horii sanille ijjeesa'a; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama.
17« ‹Nami tokko obboleettii ifii yookiin intala abbaan isaa dubartii dhibii irraa uumate yookiin intala haati isaa abbaa dhibi'iif deette yoo fuudhe, battii waan teeteef, kolbaa ifii keessaa bayanuu ti; obboleettii ifii waan salphiseef itti hin gaafatama. 18Nami tokko dubartii xuriin dhutteertu yoo bira geye, xurii isi'ii waan saaxileef, isiille xurii ifii waan saaxilteef, isaan lamaanuu kolbaa ifii keessaa bayanuu ti.
19« ‹Obboleettii haadha teetii yookiin adaadaa teeti bira hin geyin; tun fira ifii salphisuu waan teeteef isaan lamaanuu itti hin gaafataman. 20Nami tokko niitii obboleessa abbaa ifii bira yoo geye, inni abbaa diqqaa ifii waan salphiseef, isaan lamaanuu itti hin gaafataman; ijoollee maleelle hin du'an. 21Nami tokko niitii obboleessa ifii yoo fuudhe, tun hujii batti'i; obboleessa ifii waan salphiseef isaan lamaanuu ijoollee malee hin hafan.
22« ‹Latti kana'aanii akka isin keessa leetanu ta ani isin itti galchu sun akka isin hin tunne, seerataa fi seera kiyya mara eegadha'aatii muummessa'a. 23Isin akka aadaa kolbaa gosa adda addaa ta ani isin duraa ari'ee baasaaru san hin le'ina'a; isaan waan kana waan hujaneef, ani isaan diqadheera. 24Isin ammoo lafa isaanii hin boojitan; lafa aananii fi dammaa san ani isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka gosa biyya adda addaa keessaa adda isin baase. 25Tanaaf horii, bineensotaa fi allaatota qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in gargar baasa'a; isin horii, bineensotaa fi allaatota yookiin waan lafa irra munyuuqu mara keessaa ta ani akka batti'iititti adda baase saniin ifi hin batteessina'a. 26Ani Mootiin Waan Maraa woyyicha waan te'eef, isin kiyya akka teetanu gosa biyya adda addaa keessaa waan isin adda baaseef, isinille naaf woyyuu te'a'a.
27« ‹Isin keessa dhiirti yookiin dubartiin ekeraa dubbisanu yookiin moruu moranu ijjeefamanuu ti; dhaka'aan tumamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama› jedhi» jedhe.
¿Sabías que…?
Sanciones por Infidelidad y Desobediencia
- Moloc era la divinidad nacional de los amonitas, asociada al sacrificio de niños mediante el fuego. Levítico 20 prohíbe estrictamente esta práctica y establece la pena de muerte por lapidación para cualquier israelita o extranjero residente que entregara a su descendencia a Moloc.Fuentes: Molech · el propio texto bíblico
- Las prohibiciones y sanciones de este capítulo se fundamentan en el llamado a la santidad y a la separación de las naciones vecinas. Se ordenó a Israel guardar estos estatutos y distinguir entre animales puros e inmundos para que la tierra no los expulsara.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org