Lamentaciones 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Adabamiisa Yerusaalemii
1Attam attam Waaqi mufii ifiitiin
Xiyoonitti duumensa uffise!
Guddinna isi'iille ol-gubbaa irraa
gad lafatti darbe.
Xiyoon ijjata miila isaa akka teete,
guyyaa mufii ifii isii hin qaabanne.
2Waaqi bultoo Israa'elii mara
marartii malee balleesse.
Kushee Yihuda'aa mufii ifiitiin diigee balleessee,
Mootumma'aa fi bulchitoota isi'ii
gad lafatti gatee salphise.
3Mufii ifii jaddu'uun,
hunna Israa'elii mara dhoogge.
Diinni yennaa isaanitti dhufelle,
gargaaruu didate.
Akkuma bobeenni ibiddaa,
waan adaala isaa jiru mara gubu,
Waaqi Israa'el gube.
4Inni akka diinaa daaya ifii itti qajeelfate;
harka middicha ifiille qopheeffate.
Worra ila namaatitti tolu duudii,
akka diinaa ijjeese.
Dunkaanii kolbaa Xiyoonii irratti mufii ifii,
akka ibiddaa isaan irratti gabbise.
5Waaqi akka diinaatitti,
Israa'el balleesse;
inni kushee isi'ii maraa fi
mana mootummaa isi'ii mara balleesse.
Kolbaa Yihuda'aa irratti
bowichaa fi gadda bira dabarse.
6Galma ifii akka gosee fichaa keessaa
diigee balleesse;
Waaqi jilaa fi Sanbati Xiyoon keessatti
akka dedhamanu godhe.
Inni mufii ifii jaddu'uun
mootichaa fi hayyicha salphise.
7Waaqi addee ciincaa ifii didee,
Galma ifiille lakkise.
Dalleya mana mootummaa isi'ii
harka diinaatitti dabarsee kenne;
akkuma guyyaa jilaatitti godhamu,
Galma Waaqa keessatti diinni qeexale.
8Waaqi dalleya qachaa Xiyoonii diigiisaaf murteessee
wodaroo miki'ii buuseera.
Inni balleessiisaaf
harka ifii irraa hin deebifanne.
Xelleepho'oo fi dalleya isi'ii
wolumatti diigeera.
9Balbalti karra isi'ii marti awwaalante,
danqaraan isi'iille caccabee bade.
Mootichii fi qondaaltoti isi'ii ari'amanee
gosa biyya dhibi'ii odduu jiran;
Haganaa achi seerri hin jiraatu;
raagoti isi'iille Waaqa irraa
mudhii hin dhagganu.
10Jaarsoleen qachaa Xiyoonii
mataa ifiititti bukuu firfirfatanee,
woyaa gaddaa uffatanee,
cadhi jedhanee lafa tee'ane.
Durri qachaa Xiyoonii
gaddaan lafa ilaalti.
11Kolbaan tiyya waan fixanteef,
ijoolle'ee fi annoolleen
karaa qacha'aa irratti waan gaggabaneef
bowiisaan ilti na jaamaarti.
Keessi kiyya na laalatee,
addii kutadhe.
12Ijoolleen akka loltoota madoottee,
karaa qacha'aa irratti gaggabanee,
«Sagale'ee fi bisaan» meet jedhaa,
harka haadha isaanii irratti du'an.
13Ee Yerusaalem, maan siin jedha?
Maani'iin wol si qixxeessa?
Xiyoonii tiyya, akka si jajjabeessuuf,
maaniin wol si fakkeessa?
Badiin si irra dhaqqadde akka abbaaya'aa badho'o;
eentu si fayyisuu dande'a?
14Raagoleen teeti
mudhii dharaa ta bu'aa hin qanne si'iif dhaggite.
Mudhii dharaatii fi dokonkora si'iif dhaggite malee,
yakkaa teeti si'itti ifa baasanee
badii si'itti dhufaartu si'i irraa hin oolchine.
15Worri karaa dabaru marti
cooraa harka sitti dhowaa, mataa ifii raasaa,
«Yerusaalemiin tun ta shaggummaa guutuu qadduu fi
qachaa biyyi lafaa duudiin itti gammaddee motii?» jedhan.
16Diinoti keeti marti afaan bananee si'itti cooran.
Ilkaan ciniinnatanee, «Yerusaalem balleessine.
Guyyaan nuuti eeggataa turre kana;
amma bira geennee dhaggine» jedhan.
17Waaqi waan yaade muummesse;
jecha ifiille guute.
Akkuma dur murteesse marartii malee si balleessee,
hunna diinota keetii jabeessee,
jinnana keetitti akka gammadanu godhe.
18Kolbaa qachaa Xiyoonii,
gara Waaqaa iyya'a!
Dalleya qachaa Xiyoonii,
imimmaan teeti halkanii fi guyyaa
akka lagaa yaatuu ti;
hin cadhisin;
boyiisalle hin lakkisin.
19Halkan guutuu yennaa yenna'atti ka'ii iyyi!
Waan gadhaa keeti keessa jiru,
Waaqa duratti dhikeessi.
Lubbuu ijoollee teetii,
ta qaxxaamura karaa irratti
beelaan gaggabaneef,
daadimanna'aan harka keeti gara Waaqaa ol kaasi.
20Yerusaalem, «Ee, Waaqa, kunoo ilaali!
Kolbaan ati akkana gooteertu jirtii?
Dubartooti annoolee ifii deyane nyaatanuu tii?
Hayyootii fi raagoti
Galma Waaqaa keessatti ijjeefamanuu tii?
21«Dargaggootii fi maanguddooti,
karaa irratti jiganee du'aneeran.
Dargaggooti dhiiraatii fi dubarti'ii
shallaaga'aan ijjeefamaneeran.
Guyyaa mufii teetii
marartii malee isaan qalte.
22«Akka guyyaa jilaa,
diinota kiyya adaala mara irraa waanteerta.
Guyyaa mufii Waaqaa,
ka miliqe yookiin jiru'uun ka hafe hin jiru.
Ijoollee ani uumadhee guddifadhe
diinni kiyya na jalaa fixe» jedhi.

¿Sabías que…?
La Destrucción de Jerusalén y la Agonía de Sion
- En Lamentaciones 2, los ancianos y las jóvenes de Sion expresan un profundo dolor por la ruina de la ciudad mediante antiguas costumbres de duelo, como sentarse en silencio en el suelo, vestir cilicio y arrojar polvo sobre sus cabezas.Fuentes: el propio texto bíblico
- El poema describe el colapso de Jerusalén, junto con la destrucción de su templo, altar y fiestas solemnes, como el cumplimiento de decretos y juicios divinos, y no meramente como obra de ejércitos enemigos.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo critica con dureza a los profetas contemporáneos de Jerusalén, señalando que sus visiones vacías y engañosas no expusieron las faltas del pueblo para evitar el inminente destierro.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 4, 6, 8, 9, 10, 13, 18
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 5, 7, 10, 13, 15, 17
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org