Josué 15
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Lafa Gosa Yihuda'aatiif Kennante
1Gosa Yihuda'aatiif akka maatii maatii isaaniititti latti haga lafa meessaa Edoomii, gara goomolee Ziiniitiin haga dhuma meessaa kibbaa jirtu kennanteef. 2Meessaan Yihuda'aa ka kibbaa dhuma kibba Abbaayaa Sooddaa irraa jalqabee, 3Qiiqqee makkaatiin gara Ziiniititti dabaree, Qaadesh-Barne'aa irraa gara kibbaatitti deemee, Hezronitti dabaree haga Hadarii geyee, gara Qarqa'aa deebi'a. 4Gara Azmooniille dabaree haga laga Gibxi'ii deemee, Abbaayaa Mediteraaniya'aa geyee dhaabbatta. Meessaan gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin kana.
5Karaa aduun baatuun meessaan lafa isaanii dhuma Abbaayaa Sooddaa irraa ka'ee, haga dhuma laga Yordaanosii ti.
Meessaan gara kaabaa, hullufa Abbaaya'aa dhuma laga Yordaanosii irraa jalqabee, 6gara Bet-Hoglaa ol dhaqee kaaba Bet-Arabaa irra bayee, haga dhakaa Bohanii ilma Ruubenii deema. 7Akkasuma dhooqa Akorii irraa haga Deebirii dhaqee, karaa kaabaatiin gara Giilgalii kibba fuullee Adumiimii dhooqa Akorii irraa gara kibbaa dhaggantutti deebi'a. Ittille dabalee laga En-Shemeshii irra bayee laga En-Rogeeliititti dhaabbata. 8Achiin duuba meessaan kun dhooqa ilma Hiinomii keessa bayee gara goodda kibbaatiin, qachaa Yibusootaa Yerusaalemiin baya; achii ka'ee kooba Hiinomii irraa gara aduun baatuu gubbaa bayee, haga dhuma kaaba dhooqa Refaamii ti. 9Kanaan duuba gubbaa koobaa irraa gara laga Nefto'aa, achi irraa gara qachoota gaara Eferonii bira dhufee gara Baalaa ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuutitti deebi'a. 10Baalaa irraa gara aduun seentuun gara kooba Se'iirii marfata; gara kaabaatiin goodda gaara Ya'ariimii ka Kesaalon jedhamu irraa gara Bet-shemeshii dhaqee Tiimna'atti dabara. 11Gara kaabaatille'een gara goodda Eqroonii dhaqee gara Shiqeroonii deebi'ee, gara gaara Baalaa dabaree Yaabnel dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. 12Meessaan gara aduun seentuu irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti.
Kolbaan Yihuda'aa akka maatii maatii isi'iititti meessaa kana keessa leete.
Kaaleb Kebroonii fi Deebir Qabate
13Akkuma Waaqi ajaje Iyaasuun, lafa kolbaa Yihuda'aa keessaa kiriiyat-Arbaa ta «Kebroon» jedhantu, Kaalebii ilma Yofune'eetiif kenne. Arbaan abbaa Aanaaqotaa ti. 14Kaaleb sanyii Aanaaqota sad Sheshaay, Ahimaanii fi Talmaayin Kebroon keessaa ari'e. 15Achii ka'ee worra Deebir keessa le'u loliisaaf dhaqe. 16Kaaleb, «Nama qachaa Seferii lolee qabatuuf intala tiyya ta ‹Aksaa› jedhantu isa hin heerumsiisa» jedhe. 17Otnii'el ilmi Qenazii obboleessi Kaalebii qachaa san lolee qabate; Kaalebille intala ifii Aksaa isa heerumsiise. 18Otnii'el gaafa fuudhaa fi heeruma isaanii akka isiin abbaa ifii irraa fichaa gaafattu itti gorse. Yennaa isiin harree irraa baatee Kaaleb, «Maan feeta?» jedhee isii gaafate. 19Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.
Qachoota Yihuda'aa
20Latti gosi Yihuda'aa akka maatii maatii isaaniititti fudhatane ta asii gad jirtu. 21Qachooti gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin dhuma meessaa Edoomiititti aananee jiranu, Kabze'el, Eder, Yaagur, 22Qiinaa, Diimonaa, Araadaa, 23Qedeesh, Hazoor, Iitnaan, 24Ziif, Telem, Ba'aalot, 25Hazoor-Hadootaa, Keriyot-hezron kun «Hazoor» jechu'u; 26Amaam, Shemaa, Molaadaa, 27Hazaar-Gadaa, Heshimon, Bet-phaalex, 28Hazaar-shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa, 29Ba'aalaa, Eyim, Azem, 30Eltolaad, Kesil, Hormaa, 31Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa, 32Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; wolumatti qachoota gugurdaa diddamii sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
33Qachooti gugurdaan kooba jalaa Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa, 34Zaano'aa, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam, 35Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Aazeqaa, 36Sha'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii afurii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
37Akkasuma Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi, 38Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el, 39Laakiishi, Bozqaat, Egloon, 40Kaabon, Lamaas, Kiitliishi, 41Gederot, Bet-Daagon, Na'aamaa fi Maakedaa, wolumatti qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
42Akkasuma Liibnaa, Eter, Ashaan, 43Yiftaa, Ashnaa, Neziib, 44Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, wolumatti qachoota gugurdaa sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
45Eqroon, qachootaa fi olloota ifii woliin; 46Qachoota Ashoodi biraa duudii, ka Eqroon irraa haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu, qachoota gugurda'aa fi olloota adaala isaanii woliin;
47Ashidoodii fi Gaazaa, qachootaa fi olloota isaanii woliin haga meessaa laga Gibxi'iitii fi irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa.
48Biyya koobittii keessa Shaamiir, Yaatiir, Sokoo, 49Daanaa, Kiriiyat-Sanaa ka «Deebir» jedhamu, 50Anaab, Eshtemo'aa, Aniim, 51Gooshen, Holoonii fi Giloo, qachoota kudha tokkoo fi qachoota adaala sanii wolitti qabata.
52Araba, Dumaa, Esh'an, 53Yaanum, Bet-taafu'aa, Afeqaa, 54Humtaa, Kiriiyaat-araba ta Hebroon jedhantu, Zi'or qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
55Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa, 56Yizre'el, Yarke'am, Zaano'aa, 57Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
58Halhul, Bet-Zuur, Gedoor, 59Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
60Kiriiyaa-Ba'aal ka «Kiriiyat-Ya'ariim» jedhamu, Raabaa, qachoota gugurdaa lamaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
61Goomolee keessa ammoo Bet-Arabaa, Mediin, Sekaakaa, 62Nibishaan, qachoota gugurdaa sooddaa fi En-Gedii, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
63Kolbaan Yihuda'aa ammoo Yibusoota Yerusaalem keessa le'anu ari'uu hin dandeenne. Worri Yibusootaa haga ammaa Yerusaalem keessa jiran.

¿Sabías que…?
La heredad de Judá y la posesión de Caleb
- Conforme a la orden dada a Josué, Caleb recibió Quiriat-arba (Hebrón), llamada así por Arba, padre de Anac. Desde allí, Caleb expulsó a los tres descendientes de Anac: Sesai, Ahimán y Talmai.Fuentes: el propio texto bíblico · Caleb · Anak
- Al conquistar Quiriat-sefer (Debir), Otoniel recibió por esposa a Acsa, hija de Caleb. Al notar la aridez del territorio que se le había asignado en el Neguev, Acsa le pidió fuentes de agua a su padre y recibió tanto las fuentes de arriba como las de abajo.Fuentes: el propio texto bíblico · Achsah · Caleb
- El territorio asignado a la tribu de Judá se extendía desde el mar Salado hasta la costa del mar Mediterráneo, llegando al sur hasta Edom y el torrente de Egipto. A pesar de incluir numerosas ciudades y aldeas, los descendientes de Judá no pudieron expulsar a los jebuseos que habitaban en Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Jerusalem · Edom · Salt Sea
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Edom · 30.746, 35.604 · versículos 1, 21
- Negeb · 31.245, 34.841 · versículos 1, 19, 21
- Zin · Hoy: Zin Desert · 30.971, 35.325 · versículo 1
- Salt Sea · Hoy: Dead Sea · 31.500, 35.500 · versículos 2, 5
- Great Sea · Hoy: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículos 4, 11, 12, 47
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 5
- Adummim · 31.817, 35.362 · versículo 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 8, 63
- Valley of Hinnom · Hoy: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · versículo 8
- Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículo 8
- Baalah · Hoy: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículos 9, 10
- Kiriath-jearim · Hoy: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículos 9, 60
- Mount Jearim · Hoy: within 1 km of Kesla · 31.781, 35.051 · versículo 10
- Ekron · Hoy: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · versículos 11, 45, 46
- Hebron · Hoy: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 13, 14, 54
- Gulloth-mayim · Hoy: within 5 km of Khirbet Rabud · 31.432, 35.015 · versículo 19
- Lower Gulloth · Hoy: within 5 km of Khirbet Rabud · 31.432, 35.015 · versículo 19
- Upper Gulloth · Hoy: within 5 km of Khirbet Rabud · 31.432, 35.015 · versículo 19
- Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 33
- Jarmuth · Hoy: Tel Yarmuth · 31.708, 34.975 · versículo 35
- Socoh · Hoy: Tel Socho · 31.682, 34.975 · versículo 35
- Lachish · Hoy: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 39
- Mareshah · Hoy: Tel Maresha · 31.593, 34.898 · versículo 44
- Ashdod · Hoy: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · versículos 46, 47
- Gaza · Hoy: Tell Harube · 31.504, 34.464 · versículo 47
- Jattir · Hoy: Khirbet Attir · 31.352, 35.016 · versículo 48
- Maon · Hoy: Tel Main · 31.409, 35.134 · versículo 55
- Engedi · Hoy: Ein Gedi · 31.450, 35.383 · versículo 62
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org