Jonás 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yoonaas Mootii Waan Maraatiif Ajajame
1Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee, 2«Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen 3Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata. 4Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe.
5Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane.
6Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e. 7Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin. 8Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti. 9Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu.
10Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine.

¿Sabías que…?
La misión de Jonás a Nínive
- Nínive era la próspera capital del antiguo Imperio asirio. El relato bíblico la describe como una ciudad sumamente grande, cuyo recorrido requería tres días de camino.Fuentes: Nineveh · el propio texto bíblico
- Jonás se distingue entre los profetas de Israel por haber sido enviado como misionero fuera de su nación para proclamar un mensaje en una ciudad extranjera y distante.Fuentes: Jonah · el propio texto bíblico
- El decreto real de arrepentimiento en Nínive abarcó no solo a la población humana sino también a los animales, exigiendo que tanto personas como rebaños ayunaran y se cubrieran de cilicio.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org