Job 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1«Iyoob! Nama deebii siif kennu
yoo dhaggatte waami;
woyyoota keessaa
gara kamii ilaalta?
2Nama gowwaa aari'iittuu ijjeesa;
wollaalaalle gaabbi'ittuu ijjeesa.
3Gowwaan hidda naqatuun dhaggeera;
ammoo dedhuma manni isaa abaarame.
4Ijoolleen isaa ijjumaa nageya hin dhaggattu;
badhinna dalleya keessaa keessatti
miidhaan isaan irra hin geetti,
nami isaan baasulle hin jiraatu.
5Worri beelowe
midhaan isaa hin nyaata;
ka qoree keessatti latelle hin lakkisanuuf.
Worri dheebote
qabeenna isaa hin saama.
6Rakkoon biyyee keessaa ol hin baatu;
gaargalli lafa irraa hin latu.
7Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaatu,
nami rakkinnaaf dhalata.
8«Adoo na te'e
Waaqa hin barbaadadha,
rakkoo tiyyalle isatti hin himadha.
9Inni waan gugurda'aa hin qorqoranne
bilbaasa laakkowanee hin dandeennelle hin godha.
10Inni lafa irratti bokkeya hin roobisiisa;
fichaalle bisaan hin obaasa.
11Worra gad qabame
addee ulfinnaa hin keya;
worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.
12Worri maltooleen waan hujanu
akka hin muummessineef,
inni karoora isaanii hin gufachiisa.
13Inni qaroolee maltummaa isaaniitiinuu qaba;
mala maltoole'eelle hin balleessa.
14Guyyaan isaanitti dukkanowee,
akka halkaniititti
saafowaan qaqqabataa deemanuu ti.
15Worra hiyyeeyyii
afaan shallaagaa diina isaanii jalaa,
harka worra isaan cunqursuu jalalle'ee hin baasa.
16Inni hiyyeeyyi'iif addii hin kenna,
afaan worra hama'aa hin cufa.
17«Nami Waaqi xixu ka gammade!
Tanaaf xixicha Waaqa
waan mara dande'uu hin tuffatin.
18Waaqi hin madeessa
ammoo deebisee hin hodha;
inni si hin miidha
harka ifiitiin ammoo si hin fayyisa.
19Inni balaa jaa jalaa si hin baasa;
torbeessoo irralle'etti miidham si hin tuqu.
20Bara beelaa du'a irraa,
lola keessatti shallaagaa irraa si hin woda.
21Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega;
yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu.
22Badi'ii fi beelatti hin kollita;
bineensalle hin sodaattu.
23Fichaa qotattutti dhakaan si hin rakkisu;
bineensotille si woliin nageya hin qabaatan.
24Dunkaaniin teeti nageyaan akka jirtu hin beetta;
yennaa hoolee teeti toowattu
nageyaan isaan hin dhaggita.
25Sanyiin teeti hedduu,
ijoolleen teetille
akka marra lafaa akka teetu hin beetta.
26Akkuma qamadiin yennaa ifiititti
wolitti qabantu
atille dulloontee, geettee hin duuta.
27«Kunoo, nuuti tana duudii qorqorreerra;
tun dhuga'a;
atille dhage'iitii beeki» jedhe.

¿Sabías que…?
El Consejo de Elifaz sobre el Sufrimiento y la Corrección Divina
- Elifaz presenta el sufrimiento como una disciplina divina con propósito y no como una calamidad arbitraria, afirmando que la aflicción no brota del suelo sin causa. Por ello, exhorta a Job a no despreciar la corrección del Todopoderoso, quien hiere solo para vendar y sanar.Fuentes: el propio texto bíblico
- Al prometer rescate de seis calamidades e incluso de siete, Elifaz recurre a una fórmula poética tradicional de paralelismo numérico gradual. Este recurso, habitual en la literatura sapiencial del Antiguo Oriente Próximo, añade énfasis para expresar una protección cabal y absoluta.Fuentes: el propio texto bíblico
- Elifaz describe la restauración plena mediante imágenes agrícolas y pastoriles, imaginando una existencia en la que los animales del campo y las piedras del suelo dejan de ser hostiles. Anticipa una muerte en la vejez con vigor, semejante a una gavilla de grano recogida a su debido tiempo.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org