Nations Bible

Job 42

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1Achiin duuba Iyoob Mootii Waan Maraatiif deebisee,

2«Ati waan mara godhuu akka dandeettu,

karoora keetille ka gufachiisu

akka hin jirre ani hin beeka.

3Ati, ‹Beekkumsa malee

karoora kiyya ka dhossu eennu?› jetteerta.

Dhugumaan ani waan hin hubatin,

waan beekiisaaf guddoo maadee natti teete dubbadheera.

4«Ati, ‹Na caqasi; ani hin dubbadha;

ani si gaafadha,

atille naaf deebis› jetteerta.

5Ani marroo teeti dur gurra qofaan dhage'e;

amma ammoo iluma tiyyaan si dhagge.

6Tanaaf ani waan dubbadhetti fokkifadhee,

buku'uu fi daadhaa irra te'ee

cubbuu tiyya irraa deebi'a» jedhe.

Yaada Buufataa

7Mootiin Waan Maraa waan kana Iyoob woliin dubbateen duuba, Eliifaazii nama qachaa Temaaniitiif deebisee, «Isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii waan sirrii te'e waan hin dubbatiniif aariin tiyya si'ii fi jaalota teeti lamaan irratti bobeeteerti. 8Tanaaf amma korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba fuudha'aatii, gara tajaajilaa kiyya Iyoobii dhaqa'a; achitti kennansa gubamu marroo cubbuu teessaniitiif dhikeeffadha'a; inni isiniif hin daadimata; anille daadimata isaa waan dhage'uuf, akka hujii fokkisiittuu teessaniititti isinitti hin muru; isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii, marroo tiyyaaf waan sirrii te'e hin dubbanne» jedhe.

9Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii, Biildaad nami biyya Shu'aatii fi Zofaar nami biyya Naa'imaa dhaqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane; Mootiin Waan Maraalle daadimata Iyoobii dhage'e.

10Iyoob jaalota ifii sadiif daadimateen duuba, Mootiin Waan Maraa karra isaa addee duriititti deebisee, ta dur qabu caalaa dachaa lama kenneef. 11Achiin duuba obboleeyyan Iyoobii ta dhiiraatii fi ta durraa, worri dur isa beeku duudiille gara isaa dhufanee, mana isaatitti isa woliin areerratane; isaan rakkoo guddoo Mootiin Waan Maraa isatti fide maraaf gaddanee, isa jajjabeessane; tokko tokkoon isaaniituu beesee diqqo'oo fi qubee worqi'ii kennaneef.

12Mootiin Waan Maraa jiruu Iyoobii ta durii caalaa ta duuba irraa eebbise; Iyoob hoolee kuma kudhanii afur, gaala kuma jaa, qotiyyoo ximmaadii kuma tokkoo fi harree kuma tokko qabaayyu. 13Inni ammalle ilmaan torbaa fi durra sad uumate. 14Inni intala ifii angafittii, «Yimiimaa» ta lammeesso'oo, «Qasi'aa» ta sadeesso'oo, «Qereen-haphuu» jedhee maqaa baase. 15Lafa duudii irratti dubartiin akka durra Iyoobii guddoo miidhaddu hin jirtuuyyu; abbaan isaanii Iyoob obboleeyyan isaanii woliin dhaala isaaniif qoode.

16Tanaan duuba Iyoob woggaa dhibba tokkoo fi afurtama le'ee, ilmaan ifii, akaakota ifii, abuubotaa fi abutturoota ifii dhagge. 17Inni woggaa hedduu le'ee, dulloomee du'e.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La Restauración y Bendición de Job

  • Dios ordenó a Elifaz, Bildad y Zofar que ofrecieran siete novillos y siete carneros en holocausto y pidieran la intercesión de Job, pues no habían hablado de Él con rectitud. El Señor aceptó la oración de Job por sus amigos y restauró su prosperidad tras interceder por ellos.Fuentes: el propio texto bíblico · Bildad · Zophar
  • Las hijas de Job nacidas tras su prueba recibieron nombres descriptivos: Jemima significa paloma, y Keren-hapuc significa frasco de afeite o caja de cosméticos. Job otorgó a estas hijas una herencia entre sus hermanos varones.Fuentes: el propio texto bíblico · Jemima · Keren-happuch
  • Tras sus aflicciones, los hermanos, hermanas y conocidos de Job se reunieron en su casa para consolarlo, obsequiándole cada uno una pieza de plata y un anillo de oro. Job vivió ciento cuarenta años más, vio cuatro generaciones de descendientes y murió en avanzada edad.Fuentes: el propio texto bíblico · Job

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.