Job 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Seexanni Ammalle Iyoob Ataabe
1Gaafa dhibiille ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa duratti yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate. 2Mootiin Waan Maraa, Seexanaan, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate.
Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe.
3Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe.
4Seexanni deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Inni fayya'a, gogaan isaatuu hin tuqanne; nami fayyaa ifiitiif, waan qabu mara hin kenna. 5Me amma, harka keeti diriirsiitii lafee isaatii fi foon isaa miidhi; inni fuula duratti si abaara» jedhe.
6Maarre Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a, lubbuu isaa hin ijjeesin malee, akka feete isa godhuu dandeetta» jedhe.
7Achiin duuba Seexanni fuula Mootii Waan Maraa duraa bayee deemee, faana miilaa irraa haga gubbaa mata'aatitti madaa hantuu Iyoobitti buuse. 8Achiin duuba Iyoob ifi hooqatiisaaf bassoo fudhatee, daadhaa keessaa tee'e. 9Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du'i!» jette.
10Iyoob ammoo isi'iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne.
Jaalota Iyoobii
11Jaaloti Iyoobii sadiin, Eliifaaz nami qachaa Temaanii, Beldaad nami lafa Shu'aahiitii fi Zofaariin nami lafa Naa'imaa waan hamaa Iyoob irra geye kana yennaa dhage'ane, isa woliin gaddiisaa fi isa jajjabeessiisaaf, wolii galanee addee jiranu irraa gara isaa dhufane. 12Isaan fago'otti Iyoob yennaa dhaggane, isa te'uu isaa hubatuu hin dandeenne; eega hubataneen duuba gaddanee woyaa ifii tatarsaasanee, bukuu mataa ifii irra gara ol-gubba'aa bittinneessanee, qoonqoo guddo'oon bowane. 13Isaan guyyaa torbaa fi halkan torba isa woliin lafa irra tee'ane; rakkoon isaa guddoo akka teete waan dhagganeef, isaan keessaa nami tokkolle wo isatti hin dubbanne.

¿Sabías que…?
La Aflicción de Job y la Llegada de Sus Amigos
- En el texto hebreo de Job, el término traducido como Satanás aparece con el artículo definido como el adversario o acusador. En este segundo concilio celestial, el adversario argumenta que, aunque Job soportó la pérdida de sus bienes y familia, herir su carne y sus huesos lo llevaría a abandonar su integridad.Fuentes: Satan · el propio texto bíblico
- Los compañeros de Job —Elifaz temanita, Bildad suhita y Zofar naamatita— vinieron de regiones distantes asociadas con Arabia. El origen de Bildad se vincula con Súa, hijo de Abraham con Cetura, mientras que la antigua versión griega Septuaginta conecta a Zofar con los mineos del sur de Arabia.Fuentes: Bildad · Zophar · el propio texto bíblico
- Al ver el intenso sufrimiento de Job, sus tres amigos rasgaron sus mantos, arrojaron polvo al aire sobre sus cabezas y se sentaron con él en el suelo en completo silencio durante siete días y siete noches. Esta vigilia compartida reflejaba antiguas costumbres de duelo profundo cuando el dolor superaba las palabras.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org