Nations Bible

Juan 9

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yesuus Namicha Ballaa Te'ee Dhalate Tokko Fayyise

1Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge. 2Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. 3Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e. 4Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. 5Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. 6Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, 7«Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo'aam» jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe.

8Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.

9Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane.

Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe. 10Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane. 11Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe.

12Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.

Fariisaayoti Akka Namichi Itti Fayye Qorqorane

13Achiin duuba isaan namicha dur balla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane. 14Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti. 15Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, «Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!» jedhe.

16Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.

17Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane.

Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe.

18Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. 19Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.

20Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. 21Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane. 22Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. 23Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane.

24Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen.

25Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.

26Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane.

27Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.

28Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. 29Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen.

30Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! 31Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. 32Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu. 33Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe.

34Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.

Ballummaa Ayyaantumma'aa

35Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, «Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?» jedhee isa gaafate.

36Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen.

37Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe.

38Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.

39Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.

40Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane.

41Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El hombre ciego de nacimiento

  • El estanque de Siloé, adonde Jesús mandó al hombre a lavarse, se explica en el relato como Enviado; una nota sobre el lugar también vierte el nombre como Enviado o envío. Esa nota identifica el estanque con Birket Silwan, en el valle inferior del Tiropeón, al sureste del monte Sion. El agua llegaba de manera intermitente por un canal subterráneo sinuoso de 1750 pies, aunque la distancia directa era de solo 1100 pies, desde la Fuente de la Virgen, y el estanque medía 53 pies de norte a sur, 18 pies de ancho y 19 de profundidad.Fuentes: Siloam · el propio texto bíblico
  • Los discípulos de Jesús suponían que alguien había pecado, el hombre o sus padres, porque había nacido ciego. Jesús respondió que ni él ni sus padres habían pecado y que esto había ocurrido para que las obras de Dios se manifestaran en él. Aun después, algunos de los que interrogaban al hombre hablaron de él como nacido en pleno pecado.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El día en que Jesús hizo barro y abrió los ojos del hombre era sábado, y los fariseos quedaron divididos: unos decían que no venía de Dios porque no guardaba el sábado, mientras otros preguntaban cómo un hombre pecador podía realizar tales señales. Los padres del hombre tuvieron miedo de decir cómo veía ahora, porque quien confesara a Jesús como el Cristo sería expulsado de la sinagoga. Una cronología del suceso sitúa la curación en el año 29 d. C. y le asigna la duración de un día.Fuentes: el propio texto bíblico · Blind Man Healed

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Siloam · Hoy: Pool of Siloam · 31.771, 35.235 · versículos 7, 11

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.