Nations Bible

Juan 5

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise

1Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. 2Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti. 3Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu. 4Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.] 5Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. 6Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.

7Namichi dhibamaan sun, «Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.

8Yesuus, «Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen. 9Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme.

Guyyaan wonni sun teete sanbata. 10Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane.

11Inni deebisee, «Namicha na fayyisetti, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› anaan jedhe» isaaniin jedhe.

12Isaan, «Namichi, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› siin jedhe eennu inni?» jedhanee isa gaafatane.

13Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne.

14Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen.

15Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime. 16Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane. 17Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.

18Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.

Baallii Ilmaa

19Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha. 20Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa. 21Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. 22Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; 23Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.

24«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka na ergelle'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiru'uu tareera; isatti hin murantu. 25Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a. 26Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera. 27Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. 28Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qoonqoo isaa dhage'u hin dhutti; 29awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an.

Yesuusiif Dhugaa Bayane

30«Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.

31«Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu. 32Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka. 33Isin ergantoota teessan gara Yohaannisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye. 34Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu. 35Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane. 36Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya naa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati. 37Abbaan kiyya ka na ergeeyyuu dhugaa naaf bayeera. Isin ijjumaa qoonqoo isaa hin dhageenne yookiin akka akki isaa jiru ijjumaa hin dhaggine; 38ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne. 39Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan! 40Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!

41«Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu. 42Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka. 43Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo na hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan. 44Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam natti dhugeeffatiisa dandeettan ree? 45Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyina'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata. 46Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf barreesseef natti hin dhugeeffattaniiyyu. 47Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Una curación en sábado en Betesda

  • Cerca de la Puerta de las Ovejas, en el muro oriental de Jerusalén, había un estanque con cinco pórticos cubiertos, llamado Betesda en hebreo, nombre que significa 'casa de misericordia'. La palabra griega para el estanque significa un baño para nadar o un depósito, y un gran número de enfermos, ciegos, cojos y paralíticos yacía bajo las columnatas, esperando que el agua se agitara. El lugar también se llama Betsaida y Bet-zatá; el historiador Eusebio, hacia el año 330 d.C., lo llama el estanque de las ovejas, y el Diccionario Bíblico de Easton (1897) lo identifica con la llamada Fuente de la Virgen, en el valle del Cedrón, cerca del estanque de Siloé.Fuentes: Bethesda · Sheep Gate · el propio texto bíblico
  • Una cronología del suceso sitúa la curación en Betesda en el año 28 d.C., y el Evangelio dice que ocurrió en sábado. Aquellos a quienes el relato llama los judíos dijeron al hombre sanado que no era lícito cargar su camilla ese día. Cuando Jesús respondió que su Padre seguía trabajando y que él también trabajaba, ellos procuraron aún más matarlo, porque lo oyeron llamar a Dios su propio Padre, haciéndose igual a Dios.Fuentes: Bethesda pool healing · el propio texto bíblico
  • En el discurso que sigue, Jesús apela al testimonio de Juan el Bautista, a quien el Diccionario Bíblico de Easton (1897) llama el precursor del Señor y cuya misión, según el diccionario, fue objeto de profecía. Jesús lo describe como una lámpara que ardía y daba luz, en cuya luz la gente quiso alegrarse por un tiempo, aunque dice tener un testimonio mayor que el de Juan: las obras que el Padre le ha dado para realizar.Fuentes: John the Baptist · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2
  • Bethesda · Hoy: Pool of Bethesda · 31.781, 35.236 · versículo 2
  • Sheep Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.