Juan 20
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yesuus Du'aa Ka'e
1Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite. 2Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte.
3Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane. 4Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye. 5Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne. 6Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii 7fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti. 8Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. 9Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du'aa ka'uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne. 10Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane.
Yesuus, Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate
11Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, 12ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuun dhaggite. 13Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane.
Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.
14Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne. 15Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate.
Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen.
16Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
17Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime. 18Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
19Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe. 20Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane. 21Yesuus ammalle, «Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan na erge, anille isin erga» isaaniin jedhe. 22Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyicha fudhadha'a! 23Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe.
Yesuusii Fi Toomaas
24Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. 25Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane.
Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe.
26Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe. 27Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.
28Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe. 29Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe.
Kaayoo Kitaaba Kanaa
30Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. 31Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.

¿Sabías que…?
Ver a Jesús resucitado
- El nombre de María Magdalena viene de Magdala, el lugar donde nació, y servía para distinguirla de las otras Marías de los Evangelios. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) considera errónea la idea común de que ella era la mujer llamada “pecadora” en Lucas 7. En este capítulo encuentra la piedra quitada, después se encuentra con Jesús y dice a los discípulos: “¡He visto al Señor!”Fuentes: Mary Magdalene · el propio texto bíblico
- Tomás, uno de los Doce, también era llamado Dídimo, el equivalente griego de su nombre hebreo, que significa “gemelo”. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) dice que todo lo que sabemos de él está registrado en el Evangelio de Juan. Estaba ausente cuando Jesús apareció por primera vez a los discípulos; dijo que no creería a menos que viera las marcas de los clavos en las manos de Jesús y metiera la mano en su costado, y ocho días después respondió: “¡Señor mío y Dios mío!”Fuentes: Thomas · el propio texto bíblico
- Cuando María reconoció a Jesús, se volvió y se dirigió a él en hebreo como “Rabboni”, que el Evangelio explica como “Maestro”. Al principio lo había confundido con el jardinero. Esa noche los discípulos estaban juntos, con las puertas cerradas, por miedo a los judíos, cuando Jesús se puso en medio de ellos y dijo: “¡La paz sea con ustedes!”Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org