Juan 14
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Karaan Gara Abba'aa Geessu Yesuus
1Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a! 2Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. 3Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha. 4Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan» jedhe.
5Toomaas isaan, «Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe.
6Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu. 7Adoo na beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan» jedheen.
8Filiphoos isaan, «Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti» jedheen.
9Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu'utti mudhisi› jetta ree? 10Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja. 11Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe na dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif natti dhugeeffadha'a. 12Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja. 13Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. 14Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante
15Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan. 16Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna. 17Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.
18«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa. 19Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee na hin dhaggitu; isin ammoo na hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan. 20Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan.
21«Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe. 22Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, «Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?» jedhe.
23Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena. 24Nami na hin jaalanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.
25«Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera. 26Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa.
27«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e. 28‹Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo na jaalattanu teetee, Abbaan na waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu. 29Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera. 30Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni na irratti hunna hin qabu; 31ammoo akka ani Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa» jedhe.

¿Sabías que…?
Jesús, el Camino al Padre
- Tomás, uno de los doce, le dice a Jesús que los discípulos no saben adónde va y, por eso, no pueden conocer el camino. También se le llamaba Dídimo, el equivalente griego de su nombre hebreo, que significa "gemelo". El Easton's Bible Dictionary (1897) observa que lo que se sabe de él está registrado en el cuarto Evangelio, incluido este diálogo.Fuentes: el propio texto bíblico · Thomas
- Felipe, también uno de los doce y natural de Betsaida, la ciudad de Andrés y Pedro, pide a Jesús que les muestre al Padre. Jesús responde que ha estado con ellos todo ese tiempo y que quien lo ha visto ha visto al Padre. El Easton's Bible Dictionary (1897) cita este diálogo entre los pasajes que sugieren que Felipe ocupaba un lugar destacado entre los apóstoles.Fuentes: el propio texto bíblico · Phillip the Apostle
- El discípulo que pregunta por qué Jesús va a revelarse a los discípulos y no al mundo se llama Judas, no el Iscariote, para distinguirlo de Judas Iscariote, hijo de Simón, hombre de Queriot, que traicionó a Jesús. El Easton's Bible Dictionary (1897) dice que Juan probablemente se refiere al mismo apóstol llamado Lebeo en Mateo, Tadeo en Marcos y Judas, hermano de Santiago, en Lucas, y lo identifica como Judas, autor de la epístola.Fuentes: el propio texto bíblico · Lebbaeus Thaddaeus · Judas Iscariot
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org