Jeremías 51
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ammalle Muraan Baabilon Irratti Murante
1Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani Baabilonitti,
kolbaa isi'ii worra na mormu irratti
qilleensa isaan balleessu hin kaasa.
2Baabilon bittinneessee
lafa isi'ii duwwaa godhiisaaf,
ani orma isi'itti hin erga.
Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsanee
isii hin lolan.
3Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte,
guubee ifiille yoo qopheeffatte,
isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a.
Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a;
loltoota isi'ii mara fixa'a.
4Isaan lafa Baabilonii keessatti madowanee
karaa keessatti hin du'an.
5Latti isaanii ana Woyyicha Israa'elii duratti
yakka'aan ta guutante teetulle,
ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi isaanii,
Israa'elii fi Yihudaa hin lakkinne.
6Baabilon keessaa baqadha'aatii,
lubbuu teessan hamburadha'a!
Sababa yakkaa isi'iitiif hin badina'a.
Yennaan ani Mootiin Waan Maraa
sababa yakkaa isi'iitiif haluu bayu waan geetteef,
ani akka hujii isi'iititti gatii isi'iif hin kenna.
7Baabilon harka Mootii Waan Maraa keessatti
akka muduunuu worqii irraa hujantee ti;
isiin lafa duudii macheessiteerti;
gosi biyya adda addaa
daadhii isi'ii ta woyni'ii unanee,
maraataneeran. 8Baabilon dedhuma jiddee hin caccaddi;
isi'iif wiiccifadha'aa bowa'a!
Dedha hin fayyiti fa'a te'a,
madaa isi'iitiif qorsa dibattu barbaada'a!» jedha.
9Worri ormaa ka achi keessa le'u,
«Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu;
isiin ammoo fayyuu hin dandeenne;
muraan isii irratti murante
akka duumensaa ol kaatee,
gubbaa waan dhaqqaddeef,
isii lakkinnee,
tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan.
10Yennaa san kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa,
«Mootiin Waan Maraa dhugaa waan nu'uuf baaseef,
kowa'a, waan Waaqi keenna Mootiin Waan Maraa huje
Xiyoon keessatti lallannaa ti» hin jedhan.
11Daaya qaradha'aatii,
Wontee fudhadha'a!
Yaadi Mootii Waan Maraa
Baabilon balleessiisa waan te'eef,
mootota Medoonii itti kakkaaseera.
Mootiin Waan Maraa haluu hin baya;
Galma ifiitiif haluu hin baya.
12Dalleya Baabilonii diigiisaaf,
beessisa keessan ol kaasa'a!
Worra eegu itti jabeessa'a;
eeddota itti ramada'a!
Worra gaadu qopheessa'a!
Mootiin Waan Maraa
waan kolbaa Baabilonii irratti karoorfate,
hin muummessa.
13Ati ta bisaan hedduu bira leetu,
ta qabeennaan duroonteertu,
muummeen teeti dhikaatteerti,
haganaa achi bu'aa haqa hin te'in hin dhaggattu.
14Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade,
ifiin kakatee,
«Ani dhugumaan namoota akka tuuta awwaannisaa
si keessatti hin guuta;
isaanille si injifatanee hin qeexalan» jedha.
Faaruu Galataa Ta Waaqaaf Dhikaattu
15Inni hunnaa ifiitiin lafa dade;
qarummaa ifiitiin biyya lafaa hundeesse;
hubantii ifiitiin ol-gubbaa diriirse.
16Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu,
bokkeenni ol-gubbaa keessaa hin shookkisa;
inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha.
Bokkeya keessa mandiisuu hin buusa;
qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessaa hin baasa.
17Nami martinuu daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne;
nami worqii baqisiisu marti
waaqota dharaa ka ifii huje saniin fokkifateera.
Fakkiin inni huje ta dharaa ti;
hafuurri keessa hin jiru.
18Isaan waan bu'aa hin qanne,
meya murgo'oo ti;
yennaa muraan itti dhuttu hin badan.
19Waaqi Yaaqoobii ammoo akka waaqota dharaa kanaatii moti;
waan mara ka dade isa;
inni kolbaa Israa'elii gosa addaa akka isaaf teetu filate.
Maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
Burrisa Mootii Waan Maraa
20Mootiin Waan Maraa «Ee Baabilon,
ati burrisa kiyyaa fi meya woraanaa kiyya.
Ani si'iin gosa biyya adda addaa butucha;
si'iin mootummoota balleessa;
21si'iin fardaa fi abbootii fardaa butucha;
si'iin garreettaa fardaan harkifamuu fi worra isa oofu butucha;
22si'iin dhiiraa fi dubartii butucha;
si'iin jaarsaa fi ijoollee butucha;
si'iin dargaggeessaa fi dargaggeettii butucha;
23si'iin tissitootaa fi hoolee butucha;
si'iin qonnaan bula'aa fi qotiyyoo butucha;
si'iin bulchitootaa fi qondaaltota butucha» jedha.
Adabamiisa Baabilonii
24Mootiin Waan Maraa, «Waan hantuu worri Baabiloniitii fi worri isii keessa le'u,
Xiyoon irratti hujaneef,
ani iluma teessan duratti gatii isaaniif hin kenna.
25«Ee Baabilon, ee gaara lafa mara balleessitu,
kunoo ani si irratti ka'eera;
ani si loliisaaf harka kiyya si irratti diriirfadhee,
bowwaa rassa'aa irraa gad si hin konkolaachisa;
akka gaara gubatee si hin godha.
26Ati haga bara baraa duwwaa waan teetuuf,
dhakaan roga ijaarsaa,
dhakaan hunde'eelle si keessatti hin dhaggamu.
27«Beessisa lolaa lafa mara keessatti ol kaasa'a!
Gosa biyya adda addaa oddu'utti tultullaa afuufa'a!
Isii loliisaaf kolbaa qopheessa'a!
Mootummaa Araaraatii
mootummaa Miiniitii fi
mootummaa Ashkenaasii,
Baabilon loliisaaf waama'a.
Ajajaa loltootaa itti fila'a;
fardoo akka tuuta awwaannisaa itti erga'a.
28Mootota Miidiya'aa,
bulchitootaa fi qondaaltota isi'ii mara,
biyya isaan bulchanu mara
gosa biyya adda addaa tana mara
isii loliisaaf qopheessa'a.
29Akka nami tokkolle achi hin leene,
lafa Baabilonii duwwaa godhiisaaf,
karoorri ani Mootiin Waan Maraa
isii loliisaaf qopheesse waan muummowuuf,
latti raafantee hin rommiti.
30Loltooti Baabilonii loliisa lakkisaneeran;
Kushee jadduu ifii keessa tee'aneeran.
Isaan hunna dhabanee,
akka dubarti'ii te'aneeran;
mana isaaniititti ibiddi qassiifameera;
danqaraan karra isaaniille caccabeera.
31Qachaan karaa maraan akka qabame,
mootii Baabiloniititti himiisaaf,
nama rukkisu gula ka dhibiin,
nama ergame gula nami ergame ka dhibiin rukkisaa,
32‹Malkaan marti qabanteerti;
addeen itti dhokatanu
qocceen qarqara bisaanii gubatteerti;
loltootille bararaxxeerti› jedhan» jedhe.
33Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii:
«Baabilon akka eeddummee
midhaan itti dhowatanuu hin teeti;
guyyaan Baabilon akka midhaanii dhowantu
ariifatee hin dhufa.
34Worri Xiyoon keessa le'u,
‹Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar
akka jawwe'ee nu liqinsee,
caccassee nu nyaatee,
akka okkotee duwwaa jirtuu nu godhe.
Cooma kennaan gadhaa ifii guutatee
deebisee nu tufe.
35Kolbaan qachaa Xiyoonii marti: Wonni nu irratti te'e,
Baabilon irralle'etti te'uu ti› hin jedhan;
kolbaan Yerusaalemiille, ‹Dhiigi keenna akka dhangala'e,
dhiigi Baabiloniille dhangala'uu ti› hin jedhan.
36«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Yerusaalemiitiin:
«Kunoo ani marroo teessaniif falmadhee
worra Baabilonii irratti haluu hin baya;
ani laga isaaniitii fi bisaan isaanii hin gossa.
37Baabilon tuulaa bututaa,
addee jeedalti itti galtu,
waan hantuu nami dhaggee bararaqu,
waan nami ittiin murguu,
addee nami keessa hin leene hin teeti.
38Kolbaan Baabilon marti
akka neenqaa hin harqan;
akka ilmee neenqaalle hin gurura'an.
39Yennaa isaan waan nyaatanu dhabanee gubatane,
akka isaan unanee machowanu
areertii isaaniif hin qopheessa;
achiin duuba isaan gammadaan hirriiba hamaa
ka deebi'anee hin dammandhe hin rafan.
40Ani akka buruusota hoole'ee,
akka korbeeyyii hoole'eetii fi akka korbeeyyii re'e'ee
akka isaan qalamanu hin godha.
41Qachaan Baabilonii attam booji'ame!
Ka biyyi lafaa ittiin koortu attam qabame!
Baabilon gosa biyya adda addaa oddu'utti
attam waan hantuu nami dhaggee bararaqu teete!
42Abbaayaan Baabilon irra hin yaa'a;
danbaliin shookittu isii irra hin dhangalaati.
43Qachooti Baabilonii
ka nami keessa hin leenee fi
ka nami keessa hin deddeebine
lafa godduu goomolee, ona hin te'an.
44Baabilon keessatti waaqa dharaa
ka ‹Beel› jedhamu hin adaba;
waan inni liqinselle akka diddigu hin godha.
Haganaa achi gosi biyya adda addaa
gara isaa hin yaa'anu;
Dalleenni Baabiloniille hin jiga.
45Ee kolbaa tiyya isii keessaa baya'a!
Lubbuu teessan hamburadha'a!
Aarii tiyya jadduu jalaa baya'a!
46Oduun lafa irratti yennaa dhage'antuu
addii hin kutatina'a yookiin hin sodaatina'a!
Bulchaan bulchaa irratti hin ka'a;
hammeennille lafa irratti hin te'a;
oduun tuun barana
ta dhibiille bara dhufu hin dhutti.
47Dhugumaan barri ani waaqa dharaa ka Baabilonii adabu hin dhufa;
latti isi'ii duudiin hin salphatti;
worri ijjeefamane marti achi keessatti hin jigan.
48Diinoti gara kaabaatii dhufanee
Baabilon waan lolanuuf,
ol-gubba'aa fi latti,
wonni isaan keessa jiru martinuu
gammadaan Baabilon irratti hin ilillisan.
49Baabilon namoota biyya lafaa duudii akkuma fixxe,
kolbaa Israa'eliille waan fixxeef
isiille hin baddi.
50Ee isin worri shallaagaa jalaa baatane,
adoo hin turin achii keessaa baya'a;
worri lafa fagoo jirtanu
ana Mootii Waan Maraa qaabadha'a;
Yerusaalemille yaadadha'a.
51«Isin ammoo, ‹Worri ormaa addee woyyittii
mana Mootii Waan Maraa waan seenaneef
nuuti waan arraffanneef,
fokkifannee, salphanneerra› jettan.
52«Ammoo barri ani waaqota dharaa
ka Baabilonii adabu hin dhufa;
lafa isi'ii mara irratti
worri madowe hin aada.
53Baabilon haga gubba'aa yoo dhaqqadelle,
kushee ifii jadduu dheeressitee yoo ijaarrattelle,
ani worra lolee isii balleessu isi'itti hin erga.
54«Baabilon keessaa qoonqoon iyyaa,
lafa Baabilonii keessaa
qoonqoon badii guddo'oo hin dhage'anti.
55Ani Mootiin Waan Maraa
Baabilon hin balleessa;
qoonqoo guddoo isii keessaa cadhi hin godha;
qoonqoon diinota isi'ii
ta akka danbalii bisaan guddaa shookkisuu
isii keessatti hin dhage'anti.
56Ani Mootiin Waan Maraa
Waaqa haluu bayu waan te'eef
Baabiloniif akka hujii isi'iititti isi'iif hin kaffala;
worri balleessu isii loliisaaf hin dhufa;
loltooti isi'ii hin qabaman;
guubeen isi'iille hin caccaba.
57Ani Mootichi ka maqaan kiyya,
‹Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade› jedhamu
qondaaltota isi'ii, qaroolee isi'ii,
sooressitoota isi'ii, ajajjoota loltootaatii fi
loltoota isi'ii hin macheessa.
Isaan haga bara baraa rafanee hin dammaqanu.
58Dalleenni Baabilonii yabbichi hin diigama;
karri isi'ii dhedheertuun ibiddaan hin gubatti;
kolbaan isi'ii toluma elootti
eloon kolbaa isi'iille ibiddaan hin gubatti» jedha.
59Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, itti gaafatamaan waan mooticha qofaaf barbaachisuu, akaakoon Ma'aseya'aa ilmi Neriiya'aa Seeriyaan isa woliin gara Baabilonii yennaa dhaqe, Ermiyaasiin raagichi erga asii gad jirtu tana isatti hime: 60Ermiyaas badii Baabilon irratti dhufiisatti jirtu mara, waan marroo Baabiloniitiif barreeffame mara kitaaba maramaa irratti barreesse. 61Inni Seraaya'aan, «Yennaa Baabilon geette, waan kitaaba kana irratti barreeffame mara qoonqoo ol qabadhuutii kolba'aaf dubbisi; 62yennaa dubbittu, ‹Ee Mootii Waan Maraa! Ati addee tana, nami yookiin horiin haga keessa hin leenetti haga bara baraa ona hin godha jetteerta› jedhi. 63Yennaa kitaaba maramaa kana dubbittee fixxe, dhakaa itti hidhiitii laga Efraaxiisii keessa buusi! 64Achiin duuba, ‹Ani Mootiin Waan Maraa badii isii irratti waan fiduuf, Baabilon deebitee akka hin kaane hin liqinfanti; kolbaan isi'iille hin jiddi› jedhi» jedhe.
Dubbiin Ermiyaasii as irratti dhumatte.

¿Sabías que…?
La caída de Babilonia y el rollo hundido
- Jeremías envió un solo rollo con las profecías contra Babilonia por medio de Seraías, hijo de Nerías, quien viajó con el rey Sedequías a Babilonia. Tras leer el mensaje en voz alta en la ciudad, Seraías debía atarle una piedra al rollo y arrojarlo al río Éufrates, simbolizando que Babilonia se hundiría en la ruina para no levantarse jamás.Fuentes: Seraiah · el propio texto bíblico
- El capítulo convoca a varios reinos del norte a marchar contra Babilonia, incluidos Ararat, Mini, Askenaz y los reyes de los medos. La geografía bíblica e histórica asocia territorios como Ararat y Askenaz con regiones ubicadas en Armenia y zonas vecinas.Fuentes: Ashkenaz · Ararat · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 2, 6, 7, 8, 9, 11, 12, 13, 20, 24, 25, 29, 30, 31, 33, 34, 35, 37, 41, 42, 44, 45, 47, 48, 49, 52, 53, 54, 55, 56, 58, 59, 60, 61, 62, 64
- Leb-kamai · Hoy: Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 1
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículos 4, 5, 24, 35, 54
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 10, 24, 35
- Media · 34.806, 48.516 · versículos 11, 28
- Ararat · Hoy: Urartu · 39.703, 44.300 · versículo 27
- Ashkenaz · Hoy: Scythia · 44.943, 34.121 · versículo 27
- Babylonia · 32.543, 44.422 · versículos 27, 43
- Minni · Hoy: about 150 km around Qalaichi · 36.570, 46.275 · versículo 27
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 35, 36, 50
- Sheshach · Hoy: Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 41
- Euphrates · Hoy: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 63
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org