Nations Bible

Jeremías 49

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Ergaa Marroo Biyya Amoonii

1Marroo Amoonotaatiif Mootiin Waan Maraa, «Israa'el ilmaan dhiiraa hin qabuu?

Ta isa dhaaltu hin jirtuu?

Worri waaqa dharaa Miilkom waaqonfatu

maaf sanyii Gaadii ari'ee,

lafa isaanii qabatee qachaa isaanii keessa qubatte ree?

2Tanaaf, guyyaan ani qachaa Amoonotaa Raabaa irratti

iyya lolaa dhageessisu hin dhufa;

qachaan sun diigamee tuulaa bututaa hin te'a;

ollaan adaala isi'ii marti ibiddaan hin gubaman.

Achiin duuba Israa'el worra dur isii ari'ee dhaale,

isiille isaan ariitee hin dhaalti.

3Ee kolbaa Heshiboonii,

qachaan Aayii waan diigameef, wiiccifadha'a!

Ee worra Raabaa keessa leetanu,

waaqi dharaa keessan Miilkom

hayyootaa fi qondaaltota ifii woliin waan booji'amuuf,

woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a;

dalleya keessa asii fi achi fiiga'a!

4Ee worra addatamummaa hin qanne,

isin maaf dhooqa teessan

ta midhaan dansaa baachuun koortan.

Isin durummaa teessanitti addatanee,

‹Eentu nu loluu dande'a?› jettan.

5Ani Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,

worri adaala keessan jiru marti

akka isin bararassu hin godha.

Isin martinuu hin ari'antan;

worra baqate san

nami wolitti qabu hin jiru.

6«Yennaa diqqo'oon duuba ammoo,

ani boojuu Amoonotaa hin deebisa» jedha.

Ergaa Marroo Edoomii

7Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo Edoomiitiif, «Qarummaan Temaan keessa hin jirtuu? Gorsi worra qalbeeffannaa qabu jalaa baddee ree? Qarummaan isaaniille isaan irraa baddee ree?

8Ani sanyii Esaawuu yennaa adabu

balaa isaan irratti waan fiduuf,

isin worri Dedaan keessa leetanu

duubatti deebi'aatii baqadha'a!

Goda qilee keessatti dhokadha'a!

9Worri midhaan woyni'ii guuratu gara keessan yoo dhufe,

harcaa irratti hin lakkisanii motii ree?

Hattuulle halkan yoo dhutte,

haguma barbaadde callaa hattii motii ree?

10Ani ammoo sanyii Esaawuu ijjumaa qullaa hin hambura;

akka isaan dhokatuu hin dandeenne,

addee isaan itti dhokatanu hin mudhisa.

Sanyiin isaa, obboleeyyan isaatii fi

ollaan isaa hin badan;

isaan deebi'anee hin jiraatanu.

11Ijoollee teessan ta abbaa hin qanne lakkisi;

ani jiruu isaanii hin eega;

haadhotiin hiyyeessaa teessanille

natti addattuu ti» jedha.

12Mootiin Waan Maraa, «Kunoo worri muduunuu adabbi'ii tiyya keessaa unuun isaaniif hin malleeyyuu eega unanu te'ee, isin attam isii keessaa unuu dhaddan ree? Isin adoo hin adabamin hin hattanu; muduunuu adabbi'ii keessaa unuu qaddan. 13Bazraan diigantee, waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan shashaatii fi abaarsaa akka teetu, qachooti isi'iille martinuu haga bara baraa diigamanee akka hafanu, ani maqaa kiyyaan kakadheera» jedha.

14Ani ergaa Mootii Waan Maraa biraa, «Ergamaan gara gosa biyya adda addaa ergamee, ‹Kowa'a, wolitti qabama'aatii Edoomitti duuliisaaf qophowa'a! Isii loliisaafille ka'a'a!› jedhu» takka dhage'eera. 15Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Ani amma gosa biyya adda addaa oddu'utti akka ati diqqaattu, namoota odduulle'etti akka ati tuffatantu si hin godha.

16«Ee Edoom, ta holla rassa'aa keessa leetu,

ta kooba gubbaa qabatte,

jannuma'aa fi koorri keeti si sobeera.

Mana keeti akka risa'aa qaccee koobaa irratti

ijaarratulle ani achi irraa gad si hin buusa.

17«Edoom waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeti;

sababa badii isi'iitiif nami karaa san dabaru marti

maadeffataa itti murga.

18«Akkuma Sodoomii fi Gomoraan

qachoota ollaa isaanii jiranu woliin badane,

nami tokkolle Edoom keessa hin le'u;

nami tokkolle isii keessa hin jiraatu.

19«Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa,

gara lafa marra bisile'ee dhufu,

anille dedhuma gara worra Edoomii dhufee,

lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a;

nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa.

Nami akka kiyyaa eennu ree?

Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee

na gaafatu eennu ree?

Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?

20Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa

Edoom irratti fidiisaaf yaadeeru,

yaada ani worra Temaan keessa le'u irratti qopheesseeru dhage'a'a!

Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee

harkifamanee hin fudhataman;

sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.

21Edoom yennaa jiddu

iyya bowaatiin latti hin tachooti;

iyyi isaanii haga Abbaayaa Diintu'uutitti hin dhage'anti.

22Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee irii gad xinniquu,

diinni Bozraa irratti gad hin bu'a;

guyyaa san loltooti Edoomii sodaattee

akka dubartii ciniinsifattuu hin teeti» jedha.

Ergaa Marroo Damaasqo'oo

23Mootiin Waan Maraa, Marroo Damaasqo'oo dubbatee:

«Kolbaan qachaa Haamaatiitii fi Arphaadii

oduu hantuu tana waan dhageetteef, sodaatte.

Akka abbaayaa raafantuu

raafantee, foora dhadde.

24Damaasqoon dadhaddeerti;

baqatiisaaf duubatti deebiteerti;

soda'aan qabantee,

akka dubartii ciniinsifattuu teeteerti.

25Qachaan leellifamaan,

ka ani itti gammadu sun,

attam ona te'a?

26Guyyaa san dargaggooti isi'ii karaa qacha'aa keessatti hin ijjeefaman;

loltooti isi'ii marti hin badan.

27Ani dalleya dhaka'aa ka Damaasqo'ootitti ibidda hin qassiisa;

mana mootumma'aa ka Ben-Hadaadii mootichaalle hin guba» jedha.

Ergaa Marroo Qedaariitii Fi Hazoorii

28Mootiin Waan Maraa marroo Qedaariitii fi marroo mootummoota Hazoorii ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifatee dubbatee, «Ka'a'a; kolbaa Qedaariititti duula'a; kolbaa lafa karaa aduun baatuu balleessa'a! 29Dunkaanota isaanii, horii isaanii, gollaa dunkaanii isaanii, meya dunkaanii isaanii keessa jiru maraa fi gaalota isaanii mara saama'a! Namooti, ‹Wonni isin bararassu karaa maraan isinitti dhufeera› jedhanee hin iyyan.

30«Ee isin worri Hazoor keessa leetanu,

mootiin Baabilonii Nebukadnezaar

karoora hamaa isin irratti baafatee,

mala isin irratti waan dhowateef,

dafa'aatii fagaadha'aa baqadha'a!

Goda qile'ee keessatti dhokadha'a!» jedha

31Mootiin Waan Maraa,

«Ka'a'aatii gara gosa biyya bidhaa malee nageyaan leetuu,

ta karraa fi danqaraa hin qanne,

ta qofi leetuu dhaqa'aatii lola'a.

32«Gaalotii isaanii hin saamaman;

loon isaanii marti hin dannabaman;

worra rifeensa mataa ifii jala quxatu hin bittinneessa;

gara maraan badii isaanitti hin fida.

33Hazoor bara baraan ontee addee jeedalti keessa leetu hin teeti;

nami tokkolle achi keessa hin le'u;

nami tokkolle achi keessa hin jiraatu» jedha.

Ergaa Marroo Elaamii

34Akkuma Sedeqiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'een, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, marroo biyya Elaamii dubbatee, 35«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Kunoo, ani guubee worra Elaamii, meya lolaa ka isaanii, ka hunna isaaniif te'e san hin caccassa. 36Ani maddii lafaa arfanuu irraa qilleensa Elaam irratti hin fida; gara maddii lafaa arfaniituu isaan hin bittinneessa; biyyi kolbaan Elaamii itti hin booji'anne hin jiraattu. 37Diinota isaanii worra lubbuu isaanii ijjeesiisaaf barbaadu duratti kolbaa Elaamii hin caccassa; ani aarii tiyya jaddu'uun badii isaanitti hin fida; haga isaan dhumatanutti shallaaga'aan isaan hin ari'a. 38Ani barcumaa kiyya ka mootumma'aa Elaam keessa hin keyadha; moototaa fi bulchitoota isaaniille hin balleessa. 39Barri ani boojuu Elaamii deebisu ammoo hin dhufa› jedha» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Juicios sobre las Naciones Vecinas

  • Jeremías reprende a los amonitas por ocupar el territorio al este del río Jordán que había sido asignado a la tribu de Gad. Su ciudad principal, Rabá, es advertida sobre la destrucción y el exilio de su deidad Milcom y de sus líderes.Fuentes: el propio texto bíblico · Gad · Rabbah
  • La profecía contra Edom refleja su geografía montañosa y escarpada, donde los habitantes construían fortalezas en las hendiduras de las rocas. También menciona a Temán, un distrito del sur famoso por la reconocida sabiduría de su gente.Fuentes: el propio texto bíblico · Edom · Teman
  • Cedar se refiere a tribus árabes nómadas que habitaban en tiendas y se desplazaban por el desierto con sus camellos y rebaños. El capítulo predice el saqueo y la derrota de estas tribus a manos del rey babilonio Nabucodonosor.Fuentes: el propio texto bíblico · Kedar · Nebuchadnezzar

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 1, 2, 3, 4, 6
  • Rabbah · Hoy: Amman · 31.955, 35.934 · versículos 2, 3
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículos 7, 8, 10, 14, 15, 17, 18, 19, 20, 21, 22
  • Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 19
  • Red Sea · Hoy: Gulf of Aqaba · 28.750, 34.750 · versículo 21
  • Damascus · 33.511, 36.306 · versículos 23, 24, 27
  • Hamath · Hoy: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 23
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 28, 30, 31
  • East · Hoy: region around Amman · 31.955, 35.934 · versículo 28
  • Kedar · 29.811, 39.868 · versículo 28
  • Elam · 32.189, 48.258 · versículos 34, 35, 36, 37, 38, 39

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.