Nations Bible

Jeremías 46

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Ergaa Marroo Biyya Gibxi'ii

1Ergaan marroo gosa biyya adda addaatiif gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu: 2Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, qachaa karkemeshii laga Efraaxiisii biratti, loltoota mootii Gibxi'ii Fara'oon Nekoonii, ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifate irratti, ergaan marroo Gibxi'iitiif dubbatante ta asii gad jirtu:

3«Wontee teessan gugurdo'oo fi didiqqoo qopheeffadha'a,

lolaafille baya'a!

4Farda keessan bixaalladha'a!

Gullee teessan ta sibiilaa keyadha'aatii addee qabadha'a!

Eboo keessan qaradha'aatii

qomoo teessan ta sibiilaa uffadha'a.

5«Mootii Waan Maraa, ‹Wonni ani dhaggu kun maan?

Isaan bararaqaneeran;

gara duubaa deebi'aneeran;

loltooti isaanii jajjaboon injifatamaneeran;

ifi duuba adoo hin ilaalin

ariiti'iin baqataaran;

bararaqiisi isaan marseera› jedha.

6Worri akka malee rukkisu,

worri jajjabille jalaa bayuu hin dande'u;

biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti,

gufatanee hin jigan.

7Ka akka laga Nayilii ol ka'u,

ka akka laga guutee irraan dhangala'uu kun eennu?

8Gibxi akka laga Nayilii ka ol ka'uu ti;

akka bisaan laga guutee irraan dhangala'uu ti.

Isiin, ‹Ani ka'ee lafa hin golla;

qachootaa fi namoota isa keessa le'anulle hin balleessa› jetti.

9Ee abbootii fardaa, ka'a'a!

Worri garreettaa fardaan harkifamu oottanulle ariiti'iin oofa'a!

Worri Itoophiya'aatii fi Fuxii ka wontee qabattaneertanu,

goototi Ludii ka guubee qopheeffattaneertanu,

ka'a'aatii duula'a.

10Guyyaan sun ammoo guyyaa Gootta'aa,

Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uu ti;

guyyaa inni diinota ifii haluu bayu;

shallaagaan isaa haga quufutti isaan hin nyaata;

haga dheebuu bawutti dhiiga isaanii hin una.

Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uuf,

biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti

ciincaan hin dhikaata.

11Ee kolbaa Gibxi'ii ta akka intala durraa,

gara Giil'aadii dhaqa'aatii qorsa dibatanu barbaadadha'a;

isin akkasumaan qorsa barbaadattan malee,

hin fayyitanu.

12Gosi biyya adda addaa marti salphinna keessan hin dhage'an;

iyyi teessanille lafa hin guuti;

loltooti loltootaan gufatanee

lamaanuu woliin hin jigan» jedhe.

Dhufa Nebukadnezaarii

13Mootii Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee biyya Gibxi'ii akka lolu ergaan Mootiin Waan Maraa Ermiyaasitti dubbatte ta asii gad jirtu:

14«Shallaagaan worra adaala keessan jiru waan fixxuuf,

addee teessan qabadha'aatii qophowa'a!» jedhiitii,

ergaa tana biyya Gibxi'ii keessatti lassi;

worra qachaa Miigdolii, Nofiitii fi Taahafenee keessa jiru maralle'eef lallabi.

15Loltooti teessan jajjabi maaf jigane?

Mootiin Waan Maraa waan isaan gad darbuuf

dhaabbatuu hin dande'anu;

16Isaan waan guggufatanuuf

wol irratti hin jijjigan;

wol woliin, «Kowa'a gara kolbaa teennaatii fi

gara lafa teennaa deebina;

shallaagaa diina keennaa jalalle'ee baqanna» hin jedhan.

17Isaan achitti, «Mootii Gibxi'ii Fara'oon, nama afaan calla'aa,

ka carraa ifiititti hin fayyadanne» jedhanee maman.

18Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,

mootichi, «Ani jiraata'a; mootichi hunnaamessi

ka akka gaara Taaborii ka gaarota oddu'utti mudhatuu,

ka akka gaara Qarmelosii

ka abbaayaa qarqara jiruu fakkaatu hin dhufa.

19Isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu

booji'amiisaaf meya keessan qopheeffadha'a;

qachaan Noofii diigamee, onee

ka nami keessa hin jirre hin te'a.

20Gibxi akka goronsa miidhaguu ti;

faachi isii iddu ammoo gara kaabaatii itti hin dhufa.

21Loltooti biyya Gibxi'ii keessatti bitamanee odduu isaanii jiranu,

worri akka dardara coome,

yennaan isaan adabamanuu fi

guyyaan badii isaanii waan dhikaateef,

isaan gara duubaa deebi'anee hin baqatan;

addee dhaabbatanetti ifi irraa dhooggatiisa hin dande'anu.

22Diinni isaan loliisaaf akka nama muka muruu,

agaraa qabatee waan itti dhufuuf,

worri Gibxi'ii akka dhudhuufa'aa siissaa,

isaan duraa hin baqatan.

23Isaan loltoota Gibxi'ii ta akka gongomaa cigga'aa

ciranee hin fixan;

Laakkossi loltoota sanii

akka awwaannisaa bacaa waan te'aneef,

nami isaan laakkowuu hin dande'u.

24Kolbaan biyya Gibxi'ii hin salphatti;

kolbaa gara kaabaatitti dabarfantee hin kennanti» jedha.

25Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Amoonii waaqa qachaa Tebesii, biyya Gibxi'ii, moototaa fi waaqota isi'ii, worra mooticha isi'iititti addatu mara hin adaba; 26Nebukadnezaarii mootii Baabiloniitii fi loltoota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; te'uu malee, gara duraa ammoo biyyi Gibxi'ii akkuma durii ta nami keessa le'u hin teeti.

27«Ee tajaajiltoota tiyya

sanyii Yaaqoobii hin sodaatina'a;

Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a!

Ani biyya fago'ootii isin hin fida;

sanyii teessanille

lafa isaan itti booji'amanee jiranu keessaa hin baasa;

sanyiin Yaaqoobii deebitee nageyaan leeti.

Nami isaan sodaachisulle hin jiraatu.

28Ee tajaajiltoota tiyya sanyii Yaaqoobii,

ani isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a!

Gosa biyya adda addaa

ta ani odduu isaaniititti isin bittinneesse mara hin balleessa;

isin ammoo hin balleessu.

Ani haqaan isin adaba malee,

adoo isin hin adabin hin lakkisu» jedha.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El juicio sobre Egipto y la Batalla de Carquemis

  • Jeremías fecha esta profecía en el cuarto año del rey Joacim de Judá, cuando Nabucodonosor de Babilonia derrotó al faraón Necao de Egipto en Carquemis, junto al río Éufrates. Este enfrentamiento decisivo marcó un cambio trascendental de poder en la región, poniendo fin al dominio egipcio sobre las tierras vecinas.Fuentes: el propio texto bíblico · Carchemish · Jehoiakim
  • El capítulo utiliza la crecida anual del río Nilo como imagen del orgulloso avance militar de Egipto sobre la tierra. También advierte a destacadas ciudades egipcias como Menfis (llamada Nof en hebreo), la antigua capital del Bajo Egipto, sobre la devastación y el exilio venideros.Fuentes: el propio texto bíblico · Nile · Memphis
  • La profecía predice una invasión babilónica directa contra Egipto bajo el mando de Nabucodonosor. El juicio anunciado se dirigía no solo contra el faraón y sus tropas, sino también contra Amón, la deidad principal de Tebas, y los demás dioses de Egipto.Fuentes: el propio texto bíblico · Nebuchadnezzar

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 2, 13, 18, 26
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 2, 8, 9, 11, 13, 14, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26
  • Euphrates · Hoy: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículos 2, 6, 10
  • Nile · Hoy: Nile River · 31.465, 30.367 · versículos 7, 8
  • Cush · Hoy: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 9
  • Gilead · Hoy: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 11
  • Memphis · 29.849, 31.253 · versículos 14, 19
  • Tahpanhes · Hoy: Tell Defenneh · 30.861, 32.171 · versículo 14
  • Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 18
  • Mount Tabor · Hoy: Jebel et Tur · 32.686, 35.393 · versículo 18
  • Thebes · 25.721, 32.610 · versículo 25

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.