Nations Bible

Jeremías 44

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Badii Waaqota Dharaa Waaqonfatiis Fide

1Marroo Yihudoota biyya Gibxi'ii keessa qachaa Miigdo'oo, Taahafenee, Nofiitii fi Phaaxrosii keessa le'anu maraaf, jechi Mootii Waan Maraa gara ana Ermiyaasii dhufee, 2Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa mara irratti badii guddoo ani fide isinuu dhaggitaneertan; kunoo adha isaan diigamanee onanee ka nami keessa hin jirre te'aneeran. 3Kunille sababa hammeenna isaan hujaneef isaan irratti teete; isaan waaqota dhibii ka isin, abbootiin teessan yookiin isaanuu ka ifiifuu hin beenneef hixaana aarsanee waaqonfatiisaan na aarsaneeran. 4Ani, ‹Waan jibbisiisaa ani jibbu kana hin hujina'a› jedhee yennaa hedduu tajaajiltoota tiyya raagota isaanitti ergeeraayyu. 5Isaan ammoo na hin caqanne; hin qalbeeffannelle'e; hammeenna ifii irraa hin deebine; waaqota dhibi'iifille hixaana aarsiisa hin lakkinne. 6Tanaaf, aariin tiyya ta bobeettu dhangalaatee, qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti bobeettee, akkuma adha dhaggitanu kana diigamanee, ona akka te'anu goote.

7«Ammalle ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Dhiirtii fi dubartiin, ijoolle'ee fi daa'immaan Yihudaa keessatti akka hin hanneef, badii guddoo akkasii maaf ifi irratti fiddan?› jedhee isin gaafadha. 8Addee le'iisaaf dhuttane tana keessatti, waaqota dhibii biyya Gibxi'ii keessaatiif, hixaana aarsiisaan, waanuma harki keessan hujeen maaf na aarsitan? Ifi balleessitanee gosa biyya biyya adda addaa ta lafa irraa oddu'utti waan abaarsaatii fi coora'aa ifi hin gootan. 9Isin hammeenna abbootiin teessan ta durii, moototi Yihuda'aatii fi giittoti isaanii, isinii fi giittoti teessan lafa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hujjane deetaneertanii ree? 10Isin haga adhaa ifi gad hin qanne yookiin ulfinna naaf hin kennine; seeraa fi seerata ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin hordofanne.

11«Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, badii isin irratti fidee, kolbaa Yihuda'aa ijjumaa balleessiisaaf murteeffadheera. 12Yihudoota worra biyya Yihuda'aa keessatti baraaree hafe, ka biyya Gibxi'ii dhaqee achi qubatiisaaf murteeffate hin fixa; isaan biyya Gibxi'ii keessatti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; diqqa'aa haga gudda'aatitti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; isaan waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin te'an. 13Ani akkuma Yerusaalem adabe, worra biyya Gibxi'ii keessa le'ulle shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan hin adaba. 14Worri Yihudaa keessatti baraaree hafee achi le'iisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqe, gara biyya Yihuda'aa deebi'anee le'iisaaf halchanulle, worra baqatee deebi'u garii malee, miliqee jalaa bayee yookiin jiru'uun hafee, gara biyya Yihuda'aa ka deebi'u tokkolle hin jiraatu» jedhe.

15Achiin duuba wolde'i guddaan kolbaa Yihudootaa ka biyya Gibxi'ii gara kibbaatii fi kaabaa le'anu dhiirti worri niitoti isaanii waaqota dhibi'iif hixaana akka aarsaaranu beekanu marti, dubartooti achi jiranu marti Ermiyaasiin, 16«Ergaa ati maqaa Mootii Waan Maraatiin nutti dubbatu tana nuuti caqasuu hin barbaannu! 17Nuuti waan hin tolchina jenne mara hin tolchina; akkuma abbootiin teenna, moototi teennaa fi qondaaltoti teenna qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti tolchane nuutille mootittii ol-gubba'aatiif hixaana hin aarsina; kennansa daadhii woyni'iille hin dhibaanna; bara san nuuti sagalee bacaa qannaayyu; akka dansaa leena malee wonni hantuun nu hin dhaqqadduuyyu. 18Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana aarsiisaa fi daadhii woyni'ii dhibaasiisa haga lakkinnee as ammoo waan mara dhanneerra; shallaaga'aa fi beelaan dhumatiisatti jirra» jedhane. 19Dubartooti itti dabalanee, «Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana yennaa aarsinuu fi daadhii woyni'ii yennaa dhibaannu, akka nuuti daabboo fakkii isi'iititti bilcheessinuu fi kennansa daadhii woyni'ii akka isi'iif dhikeessinu dhirsooleen teenna hin beekan» jedhane. 20Achiin duuba Ermiyaas dhiirotaa fi dubartoota worra deebii tana isaaf kennane maraan, 21«Isinii fi abbootiin teessan ta durii, moototii teessanii fi qondaaltoti teessan, kolbaa lafa sanii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsitane Mootiin Waan Maraa waan hin qaabanne seetanii? Marroo waan sanii inni dedheera seetanii? 22Mootiin Waan Maraa hujii teessan hantu'uu fi waan battii isin hujjane ossuu hin dandeenne; tanaaf latti ontee, akkuma adha jirtu tana lafa abaarsaa ta nami keessa hin jirre teete. 23Isin hixaana aarsiisaan Mootii Waan Maraa yakkitanee isaaf waan hin ajajaminiif, seera, seerataa fi ajaja isaa waan hin eegatiniif, adha akkuma dhaggitanu badiin tun isin irratti dhutte» jedhe.

24Achiin duuba Ermiyaas kolba'aa fi dubartoota maraan, «Isin Kolbaan Yihuda'aa ta biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 25Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isinii fi niitoti teessan, waaqa dharaa Mootittii ol-gubba'aatiif: Nuuti dhugumaa hixaana hin aarsina; daadhii woyni'ii hin dhibaanya jettanee waadaa galtane muummessitaneertan; dhaqa'aatii waadaa galtane san muummessa'a› jedha. 26Isin Yihudooti biyya Gibxi'ii keessa leetanu ammoo, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Yihudoota worra biyya Gibxi'ii leetanu kana keessaa, nami tokkolle haganaa achi: Dhugaa Waaqa jiraata'aa jedhee maqaa kiyya akka hin dhoonne yookiin maqaa kiyyaan akka hin kakanne, ani maqaa kiyya gudda'aan kakadheera. 27Ani kunoo waan hantuu isinitti fida malee waan dansaan isinitti hin fidu; isin Yihudooti worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti ijjumaa haga baddanutti, shallaaga'aa fi beelaan hin dhumattan. 28Isin keessaa worri diqqaan shallaagaa jalaa miliqee biyya Gibxi'ii keessaa gara lafa Yihuda'aa hin deebi'a; worri Yihudootaa ka baraaree hafee biyya Gibxi'ii le'iisaaf dhufe duudiin, dubbii ani dubbadhe yookiin dubbii isaan dubbatane keessaa dhugaan tami akka teete hin beekan. 29Ani Mootiin Waan Maraa addee tanatti isin adabiis, tun beessisa isiniif hin teeti. Tun teetuun yennaa dhaggitane, adabbiin ani: Isin hin adaba jedhe dhugaa akka teetee hin beettan. 30Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa diina isa ijjeesiisaaf barbaadu, mootii Baabilonii harka Nebukadnezaariititti dabarsee akkuma kenne, mootii Gibxi'ii Fara'oon Hofraa diinota isaa ka isa ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isa hin kenna› jedha» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La advertencia de Jeremías a los judíos en Egipto

  • Los refugiados de Judá se habían establecido por todo Egipto, desde lugares en el norte como Migdol, Tafnes y Menfis en el Bajo Egipto, hasta la región austral de Patros en el Alto Egipto.Fuentes: el propio texto bíblico · Pathros · Memphis · Migdol
  • La asamblea reunida rechazó con firmeza la advertencia de Jeremías e insistió en quemar incienso y hacer tortas con la figura de la Reina del Cielo, asegurando que vivían en prosperidad en Jerusalén cuando cumplían tales ritos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Como señal del castigo venidero, Jeremías profetizó que el faraón Hofra de Egipto sería entregado en manos de sus enemigos, del mismo modo que el rey Sedequías de Judá había sido entregado a Nabucodonosor de Babilonia.Fuentes: el propio texto bíblico · Zedekiah · Nebuchadnezzar

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 1, 8, 12, 13, 14, 15, 24, 26, 27, 28, 30
  • Memphis · 29.849, 31.253 · versículo 1
  • Pathros · Hoy: Upper Egypt · 24.100, 32.700 · versículos 1, 15
  • Tahpanhes · Hoy: Tell Defenneh · 30.861, 32.171 · versículo 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 5, 6, 9, 13, 17, 21
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 30

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.