Nations Bible

Jeremías 39

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Jinnana Yerusaalemii

1Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii mara woliin itti duulee Yerusaalem marse. 2Zedeqiiyaan mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti worri Baabilonii dalleya qacha'aa cassane.

3Yennaa qachaan Yerusaalemii qabame, qondaaltoti mootii Baabilonii marti: Nergaal-Shaarezer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim sooressi ajajjoota hojjatoota mana mootumma'aa, Nergaal-Shaarezer qondaala ol-aana'aa fi qondaaltota mootii Baabilonii dhibii mara woliin dhufanee karra wodhakkaa jirtu keessatti addee qabatane.

4Mootichi Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi loltooti isaa marti yennaa isaan dhaggane, karra karaa oorruu mootichaa ta dalleya lama wodhakkaa jirtuun bayanee, halkaniin baqatanee qachaa keessaa bayanee, gara dhooqa Yordaanosiititti gad bu'ane. 5Loltooti Baabilonii ammoo isaan ariitee, dirree Yeriko'ootitti isaan dhaqqaddee Zedeqiiyaa mooticha qadde; isa boojitee, gara qachaa Riiblaa ka lafa Haamaatii keessa jiruu, gara mootii Baabilonii isa geessane; mootichille achitti isatti mure. 6Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti Riibla'atti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aalle mara ijjeese. 7Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutiin isa hidhe. 8Worri Baabilonii mana mootumma'aatii fi mana kolba'aa mara gubanee dalleya Yerusaalemiille diigane. 9Achiin duuba ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra qachaa keessatti hafe, namoota harka isatti kennatee fi kolbaa dhibii mara wolitti qabee booji'ee gara Baabilonii geesse. 10Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, namoota hiyyeeyyii waan tokkolle hin qanne garii biyya Yihuda'aatitti lakkise; yennuma san addee muka woyni'ii itti dhaabbatanuu fi fichaa isaaniif kenne.

Ermiyaas Hiikame

11Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, marroo Ermiyaasii, ajajaa loltoota isa eeganuu, Nebuzaraadaa ajajee, 12«Ermiyaas gara keeti fuudhiitii, waan dansaa isaaf godhi; waan inni fedhe mara isaaf godhi malee isa hin miidhin» jedhe. 13Maarre ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, sooressi ajajjootaa Nebushaasbaan, ol-aanaan qondaaltotaa Nergaal-Shaarezerii fi qondaaltoti mootii Baabilonii dhibiin marti, 14nama erganee, badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessaa Ermiyaas baasane; akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan gara mana isaa akka isa geessuuf itti kennane; maarre innille akkanaan kolbaa ifii woliin achi le'e.

15Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, 16«Dhaqiitii Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Akkuma qara dubbadhe qananummaa addoo hin te'in badii qachaa kana irratti hin fida; guyyaa san ilti teeti adoo dhaggituu tun hin muummotti. 17Guyyaa san ammoo ani si hin hambura malee harka worra sodaattuutitti dabarfantee hin kennantu. 18Ati natti waan addatteef ani dhugumaan si hin hambura; ati milixxee lubbuu hin hatta malee shallaaga'aan hin duutu jedha› jedhiin» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La Caída de Jerusalén y el Destino de los Sobrevivientes

  • Ribla, donde el rey Sedequías fue juzgado por Nabucodonosor, era una ciudad estratégica junto al río Orontes, en la tierra de Hamat. Situada en la principal ruta de caravanas entre Palestina y el Éufrates, sirvió como cuartel general militar babilonio durante el asedio a Jerusalén.Fuentes: Riblah · Hamath · el propio texto bíblico
  • Los oficiales babilonios que entraron en Jerusalén portaban altos títulos como Rab-mag y Rab-saris. Registros e inscripciones babilonias identifican al dignatario Nergal-sarezer con Neriglisar, quien posteriormente asumió el trono de Babilonia tras el hijo de Nabucodonosor.Fuentes: Nergal-sharezer · el propio texto bíblico
  • Mientras el rey Sedequías era capturado en los llanos de Jericó tras huir hacia el Arabá, Nabucodonosor ordenó al capitán de la guardia Nabuzaradán que protegiera a Jeremías. El profeta fue liberado del patio de la guardia y confiado a Gedalías, y al cusita Ebed-melec también se le prometió protección divina.Fuentes: Nebuzar-adan · Arabah · Jericho · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 3, 5, 6, 7, 9, 11, 13
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 3, 8
  • Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 4
  • Chaldea · 30.962, 46.104 · versículos 5, 8
  • Hamath · Hoy: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 5
  • Jericho · Hoy: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 5
  • Riblah · Hoy: Rableh · 34.460, 36.573 · versículos 5, 6

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.