Jeremías 37
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Gaaffii Zedeqiiyaan Ermiyaas Gaafate
1Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar addee Koniyaa ilma Yehoyaaqiimiititti, ilma Yosiyaasii Zedeqiiyaa biyya Yihudaa irratti mootii godhe. 2Te'uu malee zedeqiiya'aa fi tajaajiltooti isaa, kolbaa lafa saniille jecha Mootii Waan Maraa ka Ermiyaasiin raagichi dubbate hin dhageenne.
3Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe. 4Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu. 5Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane.
6Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, 7«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an. 8Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban. 9Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a. 10Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe.
Ermiyaas Qabamee Hidhame
11Loltooti worra Baabilonii, loltooti mootii biyya Gibxi'ii akka dhikaatane beekanee, Yerusaalem lakkisanee duuba, 12Ermiyaas qooda lafa ifii fudhatiisaaf, Yerusaalemii ka'ee, gara lafa Beniyaamin dhaqe. 13Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe.
14Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse. 15Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane. 16Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture.
17Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate.
Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe. 18Achiin duuba Ermiyaas mooticha Zedeqiiya'aan, «Ani maan si yakke? Tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti irralle'etti yakkaa maan hujeef na hiisitte? 19Raagoti teeti, ta ‹Mootiin Baabilonii si'ii fi lafa tana hin lolu› jedhanee raagane eessa jiran? 20Ee goottaa kiyya mooti'i! Maganne'e waan ani sitti himadhu akka naaf dhageettu si kadhadha! Ani achitti akka hin duune deebittee mana Yonaataanii barreessichaatitti na hin hiisisin!» jedhe.
21Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.
¿Sabías que…?
La advertencia y el arresto de Jeremías durante el asedio
- Durante el asedio babilónico a Jerusalén, el avance del ejército egipcio del faraón provocó la retirada temporal de los caldeos. Aunque esta retirada despertó falsas esperanzas en Judá, Jeremías advirtió al rey Sedequías que las tropas egipcias regresarían a su tierra y los babilonios volverían para conquistar y quemar la ciudad.Fuentes: el propio texto bíblico · Zedekiah
- Jeremías fue arrestado en la Puerta de Benjamín por el capitán de la guardia, Irías, quien lo acusó de desertar al bando babilónico cuando el profeta solo se dirigía al territorio de Benjamín para atender asuntos de su propiedad. A pesar de negar la acusación, los oficiales lo golpearon y lo encerraron en una celda dentro de la casa del escriba Jonatán.Fuentes: el propio texto bíblico · Gate of Benjamin · Jeremiah
- El rey Sedequías interrogó a Jeremías en secreto en el palacio y, tras escuchar la súplica del profeta de no ser devuelto a la mazmorra del escriba, ordenó su traslado al patio de la guardia y le asignó una ración diaria de pan de la calle de los panaderos.Fuentes: el propio texto bíblico · Zedekiah
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 17, 19
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículos 5, 8, 9, 10, 13, 14
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 5, 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 5, 11, 12
- Benjamin Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 13
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org