Jeremías 26
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Raaga Ermiyaas Galma Waaqaa Keessatti Raage
1Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa dhufee, 2anaan, «Badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbadhuutii, qachaa Yihuda'aa keessaa kolbaa Waaqonfatiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhuttu maratti waan ani si ajaju mara takkattiille adoo hin hamburin himi; jecha tokkolle keessaa hin hamburin. 3Isaan jecha kana caqasanee karaa ifii hamaa irraa adoo deebi'anee, ani sababa hammeenna hujii isaaniitiif badii isaanitti fidiisaaf yaade hin lakkisa.
4«Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Yoo isin na caqasuu diddanee, seera ani isiniif kennelle eegatiisa yoo dhaddane, 5jecha tajaajiltoota tiyya raagotaa, ka ani akka caqattanuuf gara keessan itti deddeebi'ee erge yoo hin caqasin, 6akkuma Shiiloo godhe Galma kanalle hin godha; qachaa kanalle gosa biyya adda addaa oddu'utti ka abaarame hin godha jedha› jedhiin» jedhe. 7Ermiyaas jechoota kana Galma Waaqaa keessatti yennaa dubattu, hayyooti, raagotii fi kolbaan marti dhage'ane. 8Ermiyaas waan Mootiin Waan Maraa akka inni kolba'atti himuuf ajaje mara dubbatee yennaa fixe hayyooti, raagotii fi kolbaan marti isa qabanee, «Ati du'uu qadda! 9Ati, ‹Manni kun akka Shiilo'oo hin te'a; qachaan kunille onee, ka nami keessa hin jirre hin te'a› jettee maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga maaf dubbatta?» jedhanee kolbaan marti Galma Waaqaa keessatti itti dacha'anee Ermiyaas marsane.
10Qondaaltoti Yihuda'aa waan kana yennaa dhageette, mana mootumma'aa keessaa gara Galma Waaqaa ol bayanee, seensuma balbala dalleya haareyaa, ka Galma Mootii Waan Maraa dura tee'ane. 11Achiin duuba hayyootii fi raagoti, qondaaltotaa fi kolbaa maraan, «Akkuma isin gurra keessaniin dhageettane nami kun qachaa kana irratti raaga waan dubbateef ijjeefamuu qaba» jedhane.
12Achiin duuba Ermiyaas qondaaltota maraa fi kolbaa maraan, «Waan isin dhageettane kana mara Galma Mootii Waan Maraatii fi qachaa kana irratti raaga akka dubbadhuuf ka na erge Mootii Waan Maraa ti. 13Tanaaf isin amma karaa keessanii fi hujii teessan sirreeffadha'aatii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajama'a; innille badii isin irratti fidiisaaf yaade san hin lakkisa. 14Ani ammoo kunoo, harka keessan keessa jira; waanuma dansa'aa fi sirrii te'ee isinitti mudhate na irratti muummessa'a. 15Te'uu malee, akka ani jecha kana mara gurra keessanitti himuuf, dhugumaan Mootiin Waan Maraa waan na ergeef, isin yoo na ijjeettane dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan, isin ifii fi qachaa kana irratti, kolbaa qachaa kana keessa leetu mara irralle'etti yakkaa akka fiddanu beeka'a» jedhe.
16Achiin duuba qondaaltotii fi kolbaan marti, hayyootaa fi raagotaan, «Nami kun maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin waan nutti dubbateef ijjeefamuu hin qabu» jedhane.
17Jaarsolee lafa sanii keessaa gariin ol ka'anee kolbaa achitti wolitti qabante maraan, 18«Nami qachaa Mooresheetii Miikiyaas, bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eerutti, raagee kolbaa Yihuda'aa maraan, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade:
« ‹Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti
Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti;
kooba Galma Waaqaa daggalli itti hin lata jedha› jedhe.
19«Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaasii fi kolbaan yihuda'aa marti Miikiyaas akka ijjeefamu godhanee ree? Hisqiyaas Mootii Waan Maraa sodaatee araara isa hin kadhannee ree? Mootiin Waan Maraa badii isaan irratti fidiisaaf yaade san hin lakkinnee ree? Nuuti ammoo badii guddoo ifi irratti fidiisatti jirra» jedhane.
20Bara san keessa nami dhibiin ilmi Shemaa'iyaa Uriiyaan nami biyya Kiriiyat-Ya'ariimiille akkuma Ermiyaasii qacha'aa fi lafa tana irratti maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga dubbateera. 21Mootichi Yehoyaaqiim loltootaa fi qondaaltota ifii mara woliin jecha kana yennaa dhage'e mooticha Uriiyaan ijjeesiisaaf yaade; Uriiyaan ammoo waan kana yennaa dhage'e sodaatee gara biyya Gibxi'ii baqate. 22Te'uu malee mootichi Yehoyaaqiim dhaqanee Uriiyaa akka fidanuuf ilma Akborii Elnaataanii fi namoota dhibii gara biyya Gibxi'ii erge. 23Isaanille Uriiyaa biyya Gibxi'iitii gara mooticha Yehoyaaqiimii fidanee dhufane; mootichille shallaaga'aan isa ijjeesee reeffa isaa addee awwaala kolba'aatitti gatane.
24Ilmi Shaafaanii Ahiiqaam Ermiyaas waan qarqaareef, Ermiyaas akka ijjeefamuuf harka kolba'aatitti dabarfamee hin kennanne.

¿Sabías que…?
El juicio de Jeremías y sus precedentes
- Cuando sacerdotes y profetas exigieron la muerte de Jeremías por anunciar la ruina del templo, varios ancianos apelaron al precedente de Miqueas de Moreset, ocurrido más de un siglo atrás. En tiempos del rey Ezequías, Miqueas proclamó una advertencia similar contra Jerusalén, pero el monarca buscó el favor del Señor en lugar de ejecutar al profeta.Fuentes: el propio texto bíblico · Micah · Hezekiah
- El pasaje subraya el peligro que corría Jeremías al recordar la suerte de Urías hijo de Semaías, quien anunció un mensaje idéntico. Cuando el rey Joacim intentó matarlo, Urías huyó a Egipto, pero el monarca envió soldados a extraditarlo, lo hizo degollar y arrojó su cadáver a las fosas del pueblo común.Fuentes: el propio texto bíblico · Urijah · Jehoiakim
- Jeremías se salvó en gran medida gracias a la intervención de Ahicam hijo de Safán, un noble influyente cuya familia había colaborado en las reformas religiosas del rey Josías.Fuentes: el propio texto bíblico · Ahikam
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 6, 9, 18
- Shiloh · Hoy: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículos 6, 9
- New Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 10
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 18
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 18
- Kiriath-jearim · Hoy: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · versículo 20
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 21, 22, 23
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org