Jeremías 22
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Muraa Mootota Hamaaleyyii Irratti Murante
1Mootiin Waan Maraa, «Gara mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa gad dhaqii achitti ergaa tana lallabiitii: 2‹Ee mootii Yihuda'aa ka barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teetteertu, qondaaltoti teetii fi kolbaan teeti ta karra tanaan seentu jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhi» jedhe. 3Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a. 4Isin ajaja kana akka dansaa yoo eegattane, moototi barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra tee'anu, qondaaltotaa fi kolbaa ifii woliin garreettaa fardaan harkifamuu fi farda irra tee'anee karra mana mootumma'aa tanaan seenaa hin bayan. 5Isin ajaja kana yoo hin eegatin ammoo manni mootumma'aa kun akka diigamu aninuu kakadheera› » jedha.
6Mootiin Waan Maraa marroo mana mootummaa mootii Yihuda'aatiif,
«Ati manni mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa,
akka Giil'aadiitii fi akka qaccee gaara Libaanonii
miidhagaa naaf teetulle,
ani dhugumaan akka lafa goomole'ee,
akka qachaa nami keessaa hin jirree si hin godha.
7Worri si balleessu meya woraanaa qabatee
akka sitti dhufu hin godha;
isaan utuboota muka hindheensaa keeti
miidhagaa san mummuranee
ibiddatti hin gatan.
8«Gosi biyya adda addaa bacaan qachaa kana keessa dabaraa: ‹Mootiin Waan Maraa qachaa guddaa kana maaf akkana godhe?› jedhaa wol gaafatan. 9Achiin duuba: ‹Isaan gondooroo Mootii Waan Maraa ta Waaqa ifii diiganee, waaqota dharaa dhibii waaqonfatanee waan tajaajilaneef tun teete jedhan› jedha» jedhe.
10Mootichi booji'ame ijjumaa waan hin deebinneef,
biyya itti dhalate san deebi'ee waan hin dhaggineef
isaaf bowa'a malee
mooticha du'eef hin bowina'a;
hin gaddinaalle'e.
11Mootiin Waan Maraa marroo Shaalumiin ilmi Yosiyaasii ka addee abbaa ifii bu'ee Yihudaa irratti mootii te'ee, «Inni haganaa achi as hin deebi'u; 12inni addee booji'amee dhaqe sanumatti du'a malee lafa tana deebi'ee hin dhaggu.
13«Nama mana mootumma'aa ka ifii seera malee,
kolloo ifii ta mana irraalle haqa malee ijaarsifatuuf,
ka kolbaa ifii akkasumaan hujisiifatuuf,
ka eloo isaaniif hin kaffalleef aanne'e!
14Inni, ‹Ani mana mootumma'aa guddaa,
ka kolloo badhoo ifi irraa qabu hin ijaarradha;
foddaa hedduu itti hin baafadha;
muka birbirsaatiin seefadhee
halluu diintuu itti halladha› hin jedha.
15Mana keeti muka birbirsaatiin ijaaratiisaan
mootii teete seetaa?
Abbaan keeti haqaa fi balchummaa waan hujeef
waan nyaatuu fi unu dhabeeraa?
Maarre wonni marti isaaf teeteerti.
16Inni worra hiyyeessaa fi worra rakkata'aafille,
haqaan mureera;
tanaaf wonni marti isaaf teete.
Ana Mootii Waan Maraa beekiisi tana jechu'uu motii ree?
17Ilti teetii fi gadhaan keeti ammoo
bu'aa dabaan dhaggatanu irratti,
dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasiisa irratti,
nama miidhiisaa fi saamiisa irratti xiyyeeffatan.
18Tanaaf mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasiitiif,
nami, ‹Aannee obboleessa kiyya! Aannee obboleettii tiyya!
Aannee goottaa kiyya!
Aannee arnya isaa!› jedhee isaaf bowu hin jiru;
19inni akka harree duutee harkifamee,
dalleya Yerusaalemiitiin alatti hin gatama.
20Ee kolbaa Yerusaalemii! Jaaloti teessan waan badaneef
gara Libaanonii ol baya'aatii iyya'a!
Qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii
Baashaan keessatti dhageessisa'a;
gaara Abaariimii irralle'etti iyya'a!
21Yennaa isin nageyaan jirtanu, ani isinitti dubbadheera;
isin ammoo dhage'uu diddane.
Bara ijoollummaa teessaniitii jalqaddanee
kanuma hujjane;
isin naaf hin ajajanne.
22Sooressitoota teessan mara qilleensi fuudhee hin dabara;
jaaloti teessanille booji'amanee hin deeman;
Achiin duuba isin sababa hammeenna keessaniitiif
qaanotanee hin salphatan.
23Isin worri hindheensa Libaanoniitiin
mana mootumma'aa keessa ijaarrattanu,
akka dubartii ciniinsifattuu
rakkoon yennaa isin dhaqqadde,
attam attam aaddan ree?
Muraa Waaqaa Ta Yehoyaaqiim Dhaqqadde
24«Ee Yehoyaakiinii mootii Yihuda'aa, ilma Yehoyaaqiimii! Dhugaa ana Waaqa jiraata'aa, ati chaappaa qubee harka kiyyaa middichaa adoo teetee jiraattelle'ee ifi irraa baasee si hin gata. 25Ani harka worra si ijjeesiisaaf barbaadutti, harka worra ati sodaatutti, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariitii fi harka worra Baabiloniititti dabarsee si hin kenna. 26Ani si'ii fi haadha teeti ta si deette gara biyya dhibi'ii ta isin keessatti hin dhalatinitti isin hin gata; isin lamaanuu achitti hin duutan. 27Lafa itti deebi'iisaaf dharraatanu sanitti ijjumaa hin deebitanu» jedhe.
28Yehoyaakiin kun
akka okkotee caddee
ta nami hin barbaannee,
ka tuffatamee ree?
Innii fi ijoolleen isaa
lafa hin beennetti maaf gatamane ree?
29Ee lafa! Lafa! Lafa!
Jecha Mootiin Waan Maraa dhage'i!
30Mootiin Waan Maraa, «Sanyii namicha kanaa keessaa,
haganaa achi dhalatee barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'u,
yookiin ka biyya Yihuda'aa bulchu tokkolle waan hin jiraanneef,
inni akka nama ijoollee hin qannee,
akka nama bara jiruu ifii keessatti
wonni tokkolle isaaf hin tolinii akka te'e galmeessi!» jedhe.

¿Sabías que…?
Juicios sobre los reyes de Judá
- Salum, también conocido como Joacaz, fue elegido por el pueblo para suceder a su padre Josías, pero fue depuesto y llevado cautivo a Egipto por el faraón Necao tras reinar solo unos meses, convirtiéndose en el primer rey de Judá en morir en el exilio.Fuentes: el propio texto bíblico · Jehoahaz · Jehoiakim
- El profeta contrasta marcadamente al rey Josías con su hijo Joacim. Mientras Josías defendió la justicia y la causa de los pobres, Joacim recurrió al trabajo forzado no remunerado para edificar un suntuoso palacio recubierto de cedro y pintado de bermellón.Fuentes: el propio texto bíblico · Josiah · Jehoiakim
- Conías, otro nombre para el rey Joaquín o Jeconías, fue deportado a Babilonia por el rey Nabucodonosor, cumpliendo la profecía de Jeremías de que moriría en tierra extranjera y que ninguno de sus descendientes volvería a reinar en el trono de David en Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Jehoiachin · Nebuchadnezzar
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 4, 19, 20
- Gilead · Hoy: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 6
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículos 6, 20, 23
- Abarim · 31.754, 35.715 · versículo 20
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 20
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 25
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 25
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org