Jeremías 20
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ermiyaasii Fi Phashihur
1Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e, 2raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe. 3Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib› jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe. 4Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna. 5Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan. 6Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe.
Gungunsuu Ermiyaasii
7Ee Mootii Waan Maraa!
Ati na sodde;
anille sobame.
Ati na caalaa jabaa waan teeteef
na injifatte.
Guyyaa mara nami natti murga;
nami marti natti kolla.
8Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee,
marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fi
marroo badi'ii dubbadha;
guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraa
arrabaa fi qaanii natti fide.
9Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu;
maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe,
jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee,
lafee tiyya keessa lixe.
Ifi keessatti qabatiisa dadhabe;
ijjumaa hin dandeenne.
10Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira;
waan inni jedhe hima'a!
Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e.
Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a;
achiin duuba isa injifannee,
haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan.
11Mootiin Waan Maraa ammoo
akka loltuu jabaa jannaa na woliin jira;
tanaaf worri na ari'u hin jiga malee
na hin injifatu.
Isaan akka malee qaanowan malee
wonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu.
Salphinni isaaniille
ijjumaa hin dedhamu.
12Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde,
ka balchaa haga ilaaltu,
ka gadha'aa fi qalbii qorqortu,
haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf,
yennaa ati isaan haluu baatu,
ani isaan dhagguu ti.
13Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aa
harka worra hamoole'ee keessaa waan baaseef
isaaf faarsa'a;
isa leellifadha'a.
14Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti!
Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin!
15Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee,
oduu gammadaa itti himee isa gammachiisu
ka abaarame te'uu ti.
16Nami sun akka qachaa marartii malee
Mootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti!
Ganama bowa,
orraa iyya lolaa dhage'uu ti!
17Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessatti
na hin ijjeenne;
silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee,
haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu.
18Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaaf
bara kiyya qaani'iin muummeffatiisaaf
gadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye?

¿Sabías que…?
La Persecución y la Angustia Interior de Jeremías
- Pasur, el sacerdote que mandó golpear a Jeremías, era hijo de Imer —cabeza del decimosexto orden sacerdotal— y ejercía como oficial principal en la casa del SEÑOR. Dicho cargo administrativo le otorgaba autoridad para castigar a Jeremías y ponerlo en el cepo junto a la Puerta Superior de Benjamín, cerca del templo.Fuentes: Immer · Gate of Benjamin · el propio texto bíblico
- Al ser liberado, Jeremías anunció que Dios le daba a Pasur el nombre simbólico de 'Magor-misabib' ('terror por todas partes'). Jeremías profetizó que Pasur, su familia y sus amigos serían llevados cautivos a Babilonia para morir allí, junto con el saqueo de las riquezas de Judá.Fuentes: Babylon · el propio texto bíblico
- El capítulo muestra la profunda lucha emocional de Jeremías entre la burla pública y su vocación profética. Aunque era escarnecido y traicionado por amigos cercanos, confesó que contener el mensaje divino se sentía como un fuego ardiente en su corazón, encerrado en sus huesos.Fuentes: Jeremiah · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Benjamin Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 4, 5, 6
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 5
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org