Nations Bible

Jeremías 15

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Muraa Kolbaa Yihuda'aatitti Dhufu'uu Jirtu

1Achiin duuba Mootii Waan Maraa anaan, «Muuse'ee fi Saamu'el yoo na dura dhaabbatanelle, ani kolbaa tanaaf hin mararu. Fuula kiyya duraa isaan ari'i! Deemanuu ti. 2Isaan, ‹Nuuti eessa deenna› jedhanee yoo si gaafatane, akkuma ani Mootiin Waan Maraa sitti hime,

« ‹Worri akka du'u itti murante, du'uu qaba;

worri shallaaga'aan akka du'u itti murante,

shallaaga'aan du'uu qaba;

worri beelaan akka du'u itti murante, beelaan du'uu qaba;

worri akka booji'amu itti murante,

hin booji'ama› jedhiin.

3«Ani waan isaan balleessu afur shallaagaan akka isaan ijjeesu, sareen reeffa isaanii akka harkittu, allaatti'ii fi bineensoti nyaatanee akka isaan balleessanu isaanitti hin erga. 4Mootiin Yihuda'aa ilmi Hisqiyaasii minaaseen, Yerusaalem keessatti yakkaa waan hujeef, mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha.

5«Ee Yerusaalem!

Eentu si'iif marara?

Eentu si'iif bowa?

Eentu dhaabbatee

nageya si fuudha?

6Ati na lakkitteerta;

gara duubaa deebiteerta;

tanaaf harka kiyya si irratti diriirsee, si hin balleessa;

haganaa achi si'iif hin mararu.

7Kolbaan tiyya karaa ifii irraa deebi'uu waan diddeef,

akka nama horooro'oon midhaan qulleessuu,

karra qachoota lafa sanii duratti

ani isaan hin bittinneessa.

Ijoollee isaanii fixee,

kolbaa tiyyalle hin balleessa.

8Ani haadhotii hiyyeessaa ta isaanii,

maansa abbaaya'aa caalaa akka bacatanu hin godha.

Haadhotii dargaggootaatitti,

guyyaa saafowaan ka balleessu itti hin fida.

Farraa fi bararaqa

dedhuma isaanitti hin fida.

9Haati ilmaan torbaa gaggaddee hin harganti;

ifi guyya'aa isi'itti dukkana;

isiin fokkifattee hin salphatti;

worra jiru'uun hafe shallaagaa diinota isaaniititti,

dabarsee hin kenna» jedhe.

10«Haadha tiyya, naaf aanne'e!

Maaf na deette?

Ani nama lafa tanaa mara woliin

nama morkuu fi nama moromu te'eera.

Ani eennulle'eef hin liqeessine

yookiin eennu irralle'ee hin liqaaffanne;

te'uu malee nami marti na abaara.

11Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan kaayoo dansa'aaf si baase; yennaa badi'ii fi rakkinna keetii diinoti keeti akka si kadhatanu hin godha. 12Nami sibiila yookiin sibiila sageettu'uu ka biyya kaabaatii dhufu cassuu hin dande'aa ree?

13«Sababa cubbuu teessanii maraaf karraa fi qabeenna keessan gatii malee worra saamutti dabarsee hin kenna. 14Aariin tiyya ibidda isin gubu isinitti waan qassiittuuf, lafa hin beenne keessatti diinota keessaniif garba akka teetanu isin hin godha» jedhe.

15Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ati hin beetta;

na qaabadhuutii na qarqaar;

worra na miidhulle ati naaf haluu bayi.

Ati ossaamessa waan teeteef,

na hin balleessin;

ani si'iif jedhee akka salphadhe hin beetta.

16Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu,

ani maqaa keetiin waan waamameef,

jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe,

ani nyaadhee, gammadee burraaqe.

17Worra caaqu woliin tee'ee,

isaan woliin hin laallifanne.

Harka keeti jala waan jiruuf,

ati aari'iin waan na guutteef,

qofii tiyya tee'e.

18Dhibeen tiyya maaf natti jabaatte?

Madaan tiyya maaf kulkultee fayyuu didde?

Ati akka burqaa bisaanii ka nama sobuu,

akka madda goguu maaf natti teeta ree?» jedhe.

19Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ati cubbuu irraa yoo deebite, ani adde'etti si hin deebisa; atille na hin tajaajilta. Ati dubbii woy hin baane lakkittee, dubbii woy baatu yoo dubbatte, ati ammalle raagaa kiyya hin teeta; kolbaan gara keeti deebituutii malee ati gara isaanii hin deebitu. 20Ani kolbaa tanaaf akka dalleya sibiila sageettu'uutiin ijaaramee si tolcha. Isaan si loliisaaf si irratti hin ka'an; ammoo ani si fayyisiisaa fi si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu. 21Ani harka worra hamoole'eetii si hin baasa; harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessalle'ee si hin woda» jedha.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Rechazo, lamento y promesa divina

  • Dios menciona a Moisés y Samuel como los grandes intercesores de la historia de Israel, declarando que ni siquiera sus súplicas apartarían el juicio decretado sobre el pueblo.Fuentes: el propio texto bíblico · Moses · Samuel
  • El desastre inminente y la dispersión de los habitantes de Jerusalén se vinculan de forma directa con los actos cometidos por el rey Manasés, hijo de Ezequías, durante su reinado en Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Manasseh (son of Hezekiah) · Hezekiah · Jerusalem
  • Jeremías lamenta su doloroso aislamiento y la hostilidad que enfrenta por proclamar la palabra de Dios, recibiendo la promesa divina de que sería establecido como un muro de bronce fortificado frente a sus adversarios.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 4, 5, 11

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.