Jeremías 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Hiituu Hidhaa Ta Quncee Talba'aa Irraa Hujante
1Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Dhaqii hiituu hidhaa ta quncee talba'aa irraa hujante bitadhuutii, hidha keeti hidhadhu; ammoo bisaan isii hin tuqin» jedhe. 2Maarre akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje hiituu hidhaa bitadhee, hidha kiyya hidhadhe. 3Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya dhufee, 4«Hiituu hidhaa ta bitattee hidha keeti hidhatte san qabadhuutii gara laga Efraaxiisii dhaqi; achitti baqaqa rassa'aa keessatti dhossi» naan jedhe. 5Maarre akkuma Mootii Waan Maraa na ajaje gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san achitti dhosse.
6Guyyaa heddu'uun duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Amma gara laga Efraaxiisii dhaqiitii, hiituu hidhaa ta achitti akka dhossituuf si ajaje san fidi» jedhe. 7Maarre anille gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san addee dhosse sanii qotee fuudhe; hiituun hidhaa sun ammoo gara badee waan bu'aa hin qanne teeteertiiyyu.
8Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9«Mootiin Waan Maraa, ‹Koora Yihuda'aatii fi koora guddaa Yerusaalemii akkasuma gara hin balleessa. 10Kolbaan hantuun jecha kiyya caqasuu didde, ta mataa jabinnaan, waaqota dhibii tajaajiliisaaf, waaqonfatiisaafille hordottu tun, akkuma hiituu hidhaa ta gara baddee bu'aa hin qanne sanii hin te'an. 11Akkuma hiituun hidha namaatitti maxxantu, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa marti natti akka maxxananu, ulfinnaa fi galata maqaa kiyyaatiif, kolbaa tiyya akka te'anu godheeraayyu; isaan ammoo na hin caqanne› jedha» jedhe.
Okkotee Daadhii Woyni'ii
12Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, okkoteen marti daadhii woyni'iitiin hin guutanti› jedhiin» jedhe; isaanille si'iin, «Okkoteen marti daadhii woyni'iitiin akka guutantu nuuti hin beennu seetaa?» yoo si'iin jedhane, 13ati isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa lafa tana keessa leetu mara, mootota barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teettu, hayyoota, raagota fi worra Yerusaalem keessa le'u mara hin macheessa. 14Ani wol wolitti isaan buusee, abbooti'ii fi ilmaan wol wolitti buusee hin caccassa; ani yennaa isaan balleessu, isaaniif hin nawu yookiin hin mararu yookiin gadhaa isaaniif hin laafu› jedhiin» jedhe.
Akka Kolbaan Hin Koorre Ermiyaas Ifi Eeggachiise
15Mootiin Waan Maraa waan dubbateef,
dhage'a'a; hin koorina'aatii, caqasa'a.
16Adoo inni dukkana isinitti hin fidin,
adoo gaara dukkanowe irratti miilli keessan hin gufatin,
Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ulfinna kenna'a.
Adoo isin ifa addii godhattanuu,
inni ifa gara dukkanaatii fi
gara dukkana dimmaatitti hin jijjiira.
17Yoo isin hin caqasin ammoo
sababa koora keessaniitiif ani dhossa'aan hin bowa;
kolbaan Mootii Waan Maraa waan booji'anteef
ani wiiccifadhee hin bowa;
ilti tiyyalle imimmaan hin dhangalaatti.
18Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Mootichaa fi haadha mootichaatiin, ‹Kallachi ulfinna keessanii mataa keessan irraa waan bu'uuf, barcumaa mootumma'aa irraa gad bu'a'a› jedhi» jedhe. 19Qachooti Yihuda'aa ka gara kibbaa hin cufaman; ka isaan banulle hin jiru; kolbaan Yihuda'aa marti hin booji'anti; isaan duudiin hin fudhataman.
20Ee Yerusaalem! Diinota keeti ka gara kaabaatiin dhufiisatti jiranu ol jedhii ilaali. Kolbaan sitti kennante, ta ati ittiin ifi jajju meet? 21Worra ati jaala godhatte, Mootiin Waan Maraa si irratti yennaa mootonsu, ati maan jetta? Akka dubartii deettuu hin ciniinsifattuu ree? 22Ati gadhaa keeti keessatti, «Tun maaf na irratti teete?» jettee yoo ifi gaafatte, sababa bacinna cubbuu teetiitiif, woyaa teeti si irraa shooqanee hunnaan si woliin rafane. 23Nami Itoophiya'aa bifa ifii yookiin qeeransi buburrummaa ifii jijjiiratuu dande'aa? Akkasuma isin worri hantuu hujuu barattane, waan dansaa hujuu hin dandeettanu. 24Akka hicaaceen qilleensa goomole'eetiin bittinnoottu, ani isin hin bittinneessa. 25Ee Yerusaalem! Mootiin Waan Maraa si'iin, «Ati na deetee waaqota dharaatitti waan addateef tun hiree teeti; qooda ani si'iif kenne. 26Aninuu woyaa teeti fuula keetitti ol garagalchee akka ati qaanottu hin godha. 27Ani hujii teeti battittii gaarayyeeffatiisa keetii, akka fardaa himimmisiisa keetii fi sagaagala keeti ka qaanii hin qanne dhaggeera. Ee Yerusaalem, si'iif aanne'e! Ati haga yoomii batumma'aan jiraatta?» jedha.

¿Sabías que…?
El cinto de lino arruinado y la amenaza del exilio
- Se le ordena a Jeremías esconder un cinto de lino nuevo en la hendidura de una roca en Perat, el nombre hebreo del río Éufrates. Al recuperarlo muchos días después, la tela podrida e inservible sirvió como símbolo dramático de cómo Dios arruinaría el orgullo de Judá y de Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico · Euphrates
- La profecía advierte que el desastre alcanzaría incluso a las ciudades del Neguev, la región árida que formaba la frontera sur de Judá en la ruta hacia Egipto. El cierre de estas ciudades sureñas indicaba que las vías de escape estaban cortadas y que se aproximaba el exilio total.Fuentes: el propio texto bíblico · Negeb
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Euphrates · Hoy: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículos 4, 5, 6, 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 9, 13, 20, 27
- Negeb · 31.245, 34.841 · versículo 19
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org