Jueces 21
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Israa'elooti Gosa Beniyaaminitiif Niitota Kennane
1Israa'elooti qachaa Miispha'aatitti wolitti qabamanee, «Nu keessaa nami tokkolle durra ifii gosa Beniyaaminii hin heerumsiisin» jedhanee wol kakachiisaneeraniiyyu. 2Israa'elooti gara Bet'elii dhaqanee, haga galgalaatitti achi tee'anee, Waaqa duratti qoonqoo ol qabatanee wiiccifatanee bowanee, 3«Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, wonni kun Israa'el irratti maaf teete? Maaf adha Israa'el keessaa gosi tokko dhabante?» jedhane.
4Boruyyaa kolbaan barii kaatee, achitti addee ciinca'aa ijaartee, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessite. 5Israa'elooti, «Nami qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti hin dhaggamin hafe ijjeefamuu ti» jedhanee waan wol kakachiisaneeranuuf, «Nuuti Mootii Waan Maraa duratti yennaa wolitti qabanne gosi Israa'elii ka hin dhufin hatte jirtii?» jedhanee wol gaafatane. 6Israa'elooti obboleeyyan ifii gosa Beniyaaminiitiif gaddanee, «Adha Israa'el keessaa gosi takkaan baddeerti. 7Nuuti durra teenna akka isaaniif hin kennine maqaa Mootii Waan Maraatiin waan kakanneerruuf, namoota Beniyaaminii ka hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?» jedhane.
8Achiin duuba isaan, «Gosa Israa'elii keessaa fuula Mootii Waan Maraa duratti qachaa Miispha'aatitti ka hin dhufin jiraa?» jedhanee wol gaafatane; kunoo qachaa Yaabesh-Giil'aad irraa nami tokkolle gara wol geyi'ii akka dhufee hin jirre hubatane. 9Yennaa kolbaa laakkowane, kolbaa qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessa nami tokkolle achi hin jiruuyyu. 10Kanaaf wolde'i sun worra jajjaba keessaa kuma kudha lama erganee, «Gara qachaa Yaabesh-Giil'aadii dhaqa'aatii worra achi le'u dubartootaa fi ijoolleelle adoo hin hamburin, 11dhiiraa fi dubartoota dhiira woliin ratte duudii ijjeesa'a» jedhanee ajajane. 12Isaan namoota qachaa Yaabesh-Giil'aad keessa le'u duudii keessaa durra dhibba afur dhagganee, gara qachaa Shiilo'oo addee quttuma ifii ta lafa Kana'aanii keessa jirtuu fidane.
13Achiin duuba wolde'i duudiin namoota Beniyaaminii worra rassaa Rimoonii keessa jirutti erganee nageenni akka bu'e lassii dabarsane. 14Tanaaf worri Beniyaaminii deebi'ane; Israa'elootille durra Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaree hafane, isaan fuusisane. Durri sun ammoo isaan mara hin geenne.
15Mootiin Waan Maraa worra Beniyaaminii gosa Israa'elii irraa gargar waan baaseef, kolbaan Israa'elii gosa Beniyaaminiitiif gaddite. 16Maarre sooressitooti wolde'aa, «Gosa Beniyaaminii keessa dubartiin dhibiin waan hin hafiniif, namoota hafane kana eessaa niitii fuusinna ree? 17Gosi takkaan Israa'el keessaa akka hin banne, gosi Beniyaaminii ka isaan dhaalu qabaattuu ti. 18Te'uu malee nuuti, ‹Durra ifii gosa Beniyaaminii ka heerumsiise ka abaarame te'uu ti› jennee waan wol kakachiinnneerruuf, durra teenna isaan hin heerumsiinnu» jedhane.
19Achiin duuba isaan, «Kunoo, qachaa Shiilo'oo ka qachaa Bet'elii irraa gara kaabaa, Lebonaa irraa gara kibbaa, karaa qachaa Bet'elii ka gara qachaa Sheekemii geessu irraa gara aduun baatu jirtuutitti, jilti Mootii Waan Maraa wogguma wogga'aan jilifanti» jedhanee yaadane. 20Maarre isaan gosa Beniyaaminiitiin, «Dhaqa'aatii muka woyni'ii keessatti ripha'aatii, 21eega'a; yennaa durri Shiilo'oo jila keessatti sirbiisaaf dhuttu, muka woyni'ii keessaa rukkisa'aa baya'aatii, tokko tokkoon keessanuu durra Shiilo'oo buta'aa niitii godhadha'aatii, gara lafa Beniyaaminii deema'a. 22Abbootiin isaanii yookiin obboleeyyan isaanii dhufanee yoo nutti himatane, nuuti isaaniin, ‹Yennaa lolaa, isaan maraayyuu niitii fuusisiisaaf durra hin dhaggine; isinille durra teessan waan itti hin heerumsiisiniif, yakkaa hin qaddanu; tanaaf nu'uuf jedha'aatii mararti'iin isaan ilaala'a› hin jenna» jedhane.
23Worri Beniyaaminii akkuma isaan jedhane godhane; duraa sirbitu san keessaa tokko tokkoon isaaniituu butanee niitii godhatane. Achiin duuba gara lafa ifii deebi'anee, qachootalle deebisanee ijaarratanee keessa qubatane. 24Yennuma san Israa'elooti achii ka'anee, gara gosa gosa ifiitii fi gara maatii maatii ifii, tokko tokkoon isaaniituu gara lafa ifii deebi'ane.
25Yennaa san Israa'elooti mootii waan hin qanneef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.

¿Sabías que…?
La preservación de la tribu de Benjamín
- La asamblea de Israel se había reunido en Mizpa, un lugar elevado en Benjamín utilizado para convocatorias nacionales, donde juraron no dar sus hijas a los benjamitas ni perdonar a quien faltara a la reunión. Ante la casi extinción de Benjamín —reducido a solo seiscientos hombres en la peña de Rimón—, los líderes buscaron soluciones extremas para preservar a la tribu sin quebrantar formalmente su juramento.Fuentes: el propio texto bíblico · Mizpah · Rimmon
- Para conseguir esposas para los sobrevivientes benjamitas, Israel atacó Jabes de Galaad, al este del Jordán, por no haber asistido a la asamblea, y perdonó a cuatrocientas jóvenes. Como aún faltaban mujeres, los ancianos permitieron que los demás benjamitas emboscaran y tomaran a jóvenes que danzaban en la fiesta anual del Señor en Silo, al norte de Betel.Fuentes: el propio texto bíblico · Jabesh-gilead · Shiloh · Bethel (of Palestine)
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 12
- Shiloh · Hoy: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículos 12, 19, 21
- Shechem · Hoy: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · versículo 19
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org