Jueces 19
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Lewwichaa Fi Gursumeettittii Isaa
1Bara Israa'el mootii hin qanne sanitti, nami gosa Lewwi'ii ka biyya koobittii Efreemii keessa moggaa le'u tokko jiraayyu; inni Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa gursumeettii takka fuudhe. 2Gursumeettiin isaa sun ammoo sagaagaltee, gara mana abbaa ifii ka Betlihemii biyya Yihuda'aa keessa jirutti deebitee, ji'a afur achi turte. 3Achiin duuba abbaan manaa isi'ii sheshelatee isii galfatiisaaf tajaajilaa ifiitii fi harree lama fudhatee dhaqe; yennaa inni achi geye isiin gara manaa isa seensitte; abbaan isi'iille gammadaan isa fudhate. 4Abbaan isaa ka sodda'aa, abbaan isi'ii akka inni achi turu godhe; maarre inni nyaataa unaa guyyaa sad achi ture. 5Gaafa guyyaa arfeesso'oo, barii ganamaan ka'anee deemiisaaf qophowane. Abbaan sodda'aa ammoo dhirsa intala ifiitiin, «Jabaattee akka deentuuf, qara wo nyaadhu» jedhe.
6Maarre namooti lamaanuu sun tee'anee nyaatanee unane; achiin duuba abbaan sodda'aa dhirsa intala ifiitiin, «Maganne'ee, adhalle asuma buliitii gammadi» jedhe.
7Lewwichi sun galiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa ammoo, akka inni buluuf uttise; maarre inni halkan san achi bule. 8Gaafa guyyaa shaneesso'oo barii ganama deemiisaaf ka'e; abbaan sodda'aa ammoo, «Maganne'e wo nyaadhu; aduu qabbaneeffattee deenta» jedhe. Tanaaf abbaan sodda'aatii fi dhirsi intalaa sun woliin nyaatane.
9Namichi Lewwi'ii sun gursumeettii ifiitii fi tajaajilaa ifii woliin deemiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa, «Kunoo amma isinitti dhi'aarti; ammumaayyuu dukkanowiisatti jirti; edana asuma bula'aatii gammada'a; boru barii ganamaan kaatanee gara mana keessanii deentan» jedhe.
10Lewwichi sun ammoo halkan san achi buluu hin barbaanne; tanaaf inni, gursumeettii ifii, tajaajilaa ifiitii fi harree ifii ta kooraan itti fe'ame lama woliin ka'ee deeme; yennaa latti dhiite fuullee Yibusii geyane. Yibuusiin kun qachaa, «Yerusaalem» jedhamu. 11Yennaa isaan Yibus geyane latti itti dhiite; tajaajilaalle goottaa ifiitiin, «Koy, gara qachaa Yibusootaa kana gorree bulla» jedhe.
12Goottaan isaa ammoo, «Lakkii dabarree qachaa Giibe'aa dhandha malee, qachaa ormaa ka Israa'elooti keessa hin jirretti hin gorru. 13Koy, gara qachaa Giibe'aa yookiin gara qachaa Raama'aa dhikaannee, isaan keessaa tokko keessa bulla» jedhe. 14Tanaaf Yibus irra dabaranee deemanee, qachaa Giibe'aa biyya Beniyaamiititti yennaa dhikaatane, aduun seente. 15Isaan qachaa Giibe'aa buliisaaf itti gorane; Lewwichi sun badhinna qacha'aa keessa tee'e; ammoo nami tokkolle isaan bulchiisaaf gara mana ifii isaan hin fudhanne.
16Adoo inni achi jiruu, jaarsi biyya koobittii Efreemii irraa dhufee, ka qachaa Giibe'aa keessa le'u tokko, hujii fichaa ifii irraa dhufe; kolbaan addee sanii ammoo, sanyii Beniyaaminii ti. 17Jaarsi sun nama badhinna qacha'aa tee'eeru tokko dhaggee, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta ree?» jedhee gaafate.
18Lewwichi sun deebisee, «Nuuti Betlihemii biyya Yihuda'aa irraa gara biyya koobittii Efreemii irraa moggaa jirtu, addee irraa dhufetti gara mana kiyyaatii fi gara mana Mootii Waan Maraa deemiisatti jirra; asitti nami gara mana ifii fudhatee na bulchu hin jiru. 19Nuuti tajaajiltooti teeti harree teennaaf okeyaa fi hicaacee, naaf, gursumeettii tiyyaa fi tajaajilaa kiyyaaf daabbo'oo fi daadhii woyni'ii qanna; tana caalaa womaa hin barbaannu» jedhe.
20Jaarsille, «Koy mana kiyya buli; ani waan si'iif barbaachisu mara hin kenna; badhinna keessa ammoo hin bulin» jedhe. 21Maarre inni gara mana ifii isaan fudhatee, harree isaaniitiif okeya kenne. Keessumootille miila ifii dhiqattee, nyaattee unte.
22Adoo isaan gammadiisatti jiranuu, qachaa keessaa namooti nama bukkoonsanu dedhuma mana san marsanee, balbala tumiisa jalqabane. Isaan jaarsicha abbaa manaatiin, «Namicha mana keeti keessa jiru, akka bukkoonsinu gad nuu baasi» jedhane.
23Jaarsichi ammoo gad bayee, «Jaalota tiyya! Lakkisa'a! Namichi kun keessummaa tiyya waan te'eef, waan hantuu akkasii hin hujina'a! 24Gursumeettiin namichaatii fi intalti tiyya ta durraa kunoo ti! Isaan isiniif gad baasa, waan feetane isaan godha'aatii, itti taphadha'a. Nama kana irratti ammoo waan hantuu hin godhina'a!» jedhe. 25Namooti ammoo dubbii isaa caqasuu didane; tanaaf Lewwichi gursumeettii namichaa gad baasee kenneef; halkan guutuu hunnaan isii woliin rafanee, itti taphataa bulanee, yennaa boruun dayya'u akka deentuuf lakkisane.
26Dubartittiin sun ganama boruun yennaa dayya'u, addee abbaan manaa isi'ii bule mana jaarsichaa bira dhuttee jiddee, haga latti bariitutti achi turte. 27Abbaan manaa isi'ii ganama ka'ee deemiisaaf balbala yennaa banu, gursumeettiin isaa gulantaa balbalaa irratti harka ifii badhifattee jiddeertuun dhaggee, 28«Ka'i ideenna!» jedheen; ammoo deebii hin dhagganne; achiin duuba reeffa isi'ii harree irratti fe'ee gara mana ifii deeme. 29Inni yennaa mana ifii geye, billowa fudhatee, reeffa gursumeettii ifii addee kudhanii lamatti kukkutee, kutaa biyya gosa Israa'elii maratti tokko tokko erge. 30Worri waan kana dhagge duudiin, «Nuuti waan akkasii dhageennee hin beennu! Israa'elooti biyyaa Gibxi'ii keessaa haga bayanee jalqabee, wonni akkasii tokkolle teetee hin beettu yookiin dhaggantee hin beettu! Marroo waan kanaa itti yaadadha'a, mari'adha'aatii waan goonu nutti hima'a» jedhane.
¿Sabías que…?
Un Viajero en Guibeá
- El levita decidió no pasar la noche en Jebús (Jerusalén) porque todavía era una ciudad cananea extranjera, y prefirió avanzar más al norte hasta Guibeá para quedarse entre compatriotas israelitas de la tribu de Benjamín.Fuentes: Jebus · el propio texto bíblico
- En el mundo antiguo, los viajeros sin alojamiento previo solían esperar en la plaza pública a que algún habitante les ofreciera hospedaje. En Guibeá, ninguno de los residentes locales benjaminitas les brindó refugio, hasta que un anciano originario de la región montañosa de Efraín los invitó a su casa.Fuentes: el propio texto bíblico
- La narración comienza señalando que en aquellos días no había rey en Israel. La violencia posterior en Guibeá desató una crisis nacional que casi condujo a la destrucción total de la tribu de Benjamín.Fuentes: Gibeah · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 1, 2, 3, 18
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 10
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 30
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org