Jueces 15
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Yennaa diqqo'oon duuba yennaa qamadiin haammantu Samsoon buruusoo re'e'ee takka fudhatee, haadha manaa ifii ilaaluu dhaqee, «Gara kolloo haadha manaa tiyyaa ol seenuu barbaada» jedhe.
Abbaan isi'ii ammoo akka inni ol seenu hin eeyyanne.
2Abbaan isi'ii Samsooniin, «Ani dhugumaan waan ati isii jibbite seyee, jaala keeti heerumsiise; obboleettiin isi'ii maandhittiin isii caalaa miidhaddu'uu motii? Addee isi'ii isii fuudhi» jedhe.
3Samsoon deebisee isaaniin, «Ani haganaa achi worra Filisxeemotaa yennaa miidhe, hin komatamu!» jedhe. 4Maarre inni dhaqee jeedala dhibba sad qabee, lamaan lamaan godhee eegee isaanii wolitti hidhe; eegee lamaan lamaan isaanii wodhakka'atti xassaa tokko tokko hidhe. 5Achiin duuba xassaa sanitti ibidda qassiisee, jeedaloota san gara fichaa Filisxeemotaa ka qamadii hin haamamin keessa gad lakkisee, midhaan tuula'aatii fi ka hin haamaminii, akkasuma muka woyni'iitii fi ejersaa gube. 6Worri Filisxeemotaa, «Eentu waan kana godhe» jedhanee yennaa gaafatane, jarri takka, «Abbaan sodda'aa ka Samsoonii nami qachaa Tiimna'aa, haadha manaa Samsoonii jaaluma isaa waan heerumsiiseef, Samsoonitti tana godhe» jette. Tanaaf worri Filisxeemotaa dhaqee, haadha manaa Samsooniitii fi abbaa isi'ii ibiddaan gubanee ijjeesane.
7Samsoon isaaniin, «Eega isin tana gootane, anille haluu tiyya isin bawu malee hin lakkisu» jedhe. 8Inni akka malee isaan lolee, nama hedduu fixe. Achiin duuba inni gad dhaqee, goda rassaa Etaamii keessa ture.
Samsoon Worra Filisxeemotaa Injifate
9Worri Filisxeemotaa ol bayanee, lafa Yihuda'aa keessa qubatanee, qachaa Lehii lolane. 10Namooti Yihuda'aa isaaniin, «Isin maaf nu loliisaaf dhuttanne?» jedhanee gaafatane.
Isaan deebisanee, «Samsoon qannee hiinee, waan inni nu godhe, nuutille isa godhiisaaf dhunne» jedhane. 11Achiin duuba namooti Yihuda'aa kum sad gara goda rassaa Etaamiititti gad bu'anee Samsooniin, «Worri Filisxeemotaa bulchitoota teenna akka te'ane hin beettu? Wonni ati nutti hujje kun maan?» jedhane.
Inni deebisee, «Waan isaan na godhane, anille isaan godhe» jedhe.
12Isaanille, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti dabarsinee si kenniisaaf asi dhunne» jedhaneen.
Samsoon deebisee, «Isinummaan akka na hin ijjeenne naaf kakadha'a» jedhe. 13Isaan, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti kennina malee, si hin ijjeennu» jedhane. Maarre isaan wodaroo haareya lamaan isa hidhanee, goda rassa'aa keessaa baasane.
14Samsoon gara qachaa Lehiititti yennaa dhikaate, worri Filisxeemotaa hogisaa gara isaa dhufe. Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon isa irratti bu'ee, wodaroon harki isaa ittiin hidhameeru sun, akka liilana ibiddi gubee, baxxee harka isaa irraa buute. 15Achiin duuba Samsoon a'oo harree reef duutee takka dhaggee, gad jedhee fuudhee, namoota kuma tokko a'oo saniin ijjeese.
16Achiin duuba Samsoon,
«A'oo harre'eetiin, ani wol irratti isaan tuulee,
a'oo harre'eetiin ani namoota kuma tokko ijjeese» jedhe.
17Inni tana dubbatee fixeen duuba, a'oo harre'ee san gate. Tanaaf maqaan addee sanii, «Raamat Lehii» jedhantee waamante.
18Achiin duuba Samsoon guddoo dheebotee, gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ati injifachaa guddaa kana ana garbicha keetiif kenniteerta; ani amma dheebu'uun du'aa ree? Worra haqanqabaa hin qabanneen booji'amaa ree?» jedhe. 19Achiin duuba Waaqi balee Lehii keessa jirtu banee, bisaan keessaa madde. Samsoon yennaa bisaan san une, ayyaanni isaa deebi'eef bayyanate. Maarre maddi sun, «En-Haaqoree» jedhamee haga adhaa qachaa Lehii keessatti beekkama.
20Bara worri Filisxeemotaa biyya bulchanu keessa, Samsoon woggaa diddamaaf Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.

¿Sabías que…?
La Venganza de Sansón y la Fuente en Leji
- El nombre Leji significa quijada en hebreo. Tras vencer a mil filisteos con una quijada fresca de asno, Sansón llamó al lugar Ramat-leji, que significa elevación de la quijada o altura de Leji.Fuentes: Lehi · Ramath-lehi · el propio texto bíblico
- Cuando Sansón clamó en medio de una extrema sed y agotamiento tras la batalla, Dios abrió una hendidura en Leji para proveer agua. El manantial resultante fue llamado En-hacore, que significa fuente del que clama.Fuentes: En-hakkore · el propio texto bíblico
- Durante esta época de cuarenta años de dominio filisteo, tres mil hombres de Judá prefirieron atar a Sansón antes que desafiar a los gobernantes filisteos. Sansón juzgó a Israel durante veinte años bajo este dominio.Fuentes: Philistine Dominion · Judgeship of Samson · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Ramath-lehi · Hoy: Khirbet es Siyyagh · 31.749, 35.001 · versículo 17
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org