Jueces 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Dhalatiisa Samsoonii
1Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf Mootiin Waan Maraa woggaa afurtama akka isaan bulchanuuf, harka worra Filisxeemotaatitti dabarsee isaan kenne.
2Bara san sanyii Daanii keessaa nami «Maano'aa» jedhamu, ka qachaa Zora'aa keessa le'u tokko jiraayyu; haati manaa isaa maseena waan teeteef ijoollee hin deenne. 3Ergamaan Mootii Waan Maraa isi'itti mudhatee, «Ati maseena waan teeteef, ijoollee hin deenne; ammoo ati ulfoottee ilma hin deetta. 4Tanaaf daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu yookiin waan battii tokkolle nyaatiisa irraa ifi eegadhu. 5Ati ulfoottee ilma dhiiraa hin deetta; mucaan sunille guyyaa dhalateen jalqabee Waaqaaf ka adda baye waan te'uuf, rifeensa mataa isaa ijjumaa hin haadin; inni Israa'eloota harka worra Filisxeemotaa jalaa baasiisa hin jalqaba» jedhe.
6Achiin duuba dubartittiin gara abbaa manaa ifii dhaxxee, «Nami Waaqaa ka bifi isaa ergamaa Waaqaa fakkaatu, ka guddoo sodaachisu tokko gara kiyya dhufe; ani eessaa akka inni dhufe isa hin gaafanne; innille maqaa ifii natti hin hinne. 7Inni ammoo anaan, ‹Ati ulfoottee ilma hin deetta; mucaalle guyyaa dhalateen jalqabee haga du'utti Naazireticha ka Waaqaaf adda baye waan te'uuf, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unin, yookiin waan battii tokkolle hin nyaatin› jedhe» jetteen.
8Achiin duuba Maano'aan, «Maganne'e Gootta'a, nami Waaqaa sun deebi'ee gara keenna dhufee, Yennaa mucaan dhalatu waan nuuti isaaf goonu akka nutti himu godhi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate.
9Waaqille daadimata Maano'aa dhage'e; ergamaan Waaqaa ammalle dubartiin sun fichaa keessa teetteertuun itti mudhate; abbaan manaa isi'ii Maano'aan ammoo isii woliin hin jiruuyyu. 10Maarre isiin isatti himiisaaf, ariifattee gara isaa rukkittee, «Kunoo, namichi gaafa kaan qara gara kiyya dhufe kuun, ammalle natti mudhate» jette.
11Maano'aan ka'ee haadha manaa ifii gula deemee, gara namichaa dhaqee, «Nami haadha manaa tiyya woliin dubbate si'ii?» jedhee gaafate.
Namichille, «Ee, ana» jedhee deebise.
12Achiin duuba Maano'aan, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, seerri mucaan ittiin bulu, wonni nuuti isaaf godhiisaaf malle maan?» jedhee gaafate.
13Ergamaan Mootii Waan Maraalle deebisee, «Haati manaa teeti, akka isiin gootuuf waan ani itti hime mara, ifi eegatiisaan gootuu ti. 14Isiin waan midhaan woyni'ii irraa hujamu mara akka hin nyaanne, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu akka hin unne, yookiin waan battiille akka hin nyaanne; waan ani isii ajaje kana mara gootuu ti» jedhe.
15Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Buruusoo re'ee tokko qallee haga siif qopheessinu, maganne'e diqqoo turi» jedhe. 16Ergamaan Mootii Waan Maraa sun Maano'aan, «Ati yoo na tursitelle, ani sagalee teeti hin nyaadhu. Ciincaa dhikeessiisa yoo barbaadde ammoo, Mootii Waan Maraatiif dhikeessi» jedhe. Maano'aan akka inni ergamaa Mootii Waan Maraa te'e hin beenne.
17Achiin duuba Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, ulfinna akka siif kenninu maqaan keeti eennu?» jedhe.
18Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo, «Ati maqaa kiyya maaf gaafatta? Maqaan kiyya akka malee kancira» jedhee deebise.
19Maano'aan buruusoo re'e'eetii fi kennansa midhaanii fuudhee, rassaa ciincaa irratti dhikeessanu tokko irratti Mootii Waan Maraa ka kancira hujuuf dhikeesse; achiin duuba Maano'aa fi haati manaa isaa adoo ilaalanuu Mootiin Waan Maraa waan kanciraa godhe. 20Bobeenni ibiddaa addee ciinca'aa irraa gara ol-gubba'aa yennaa ol bawu, ergamaan Mootii Waan Maraa bobe'a ibiddaa keessa gara ol-gubba'aa ol baye. Maano'aa fi haati manaa isaa tana dhagganee, fuulaan lafatti gad gombifamane. 21Ergamaan Mootii Waan Maraa deebi'ee Maano'aa fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; achiin duuba Maano'aan namichi sun ergamaa Mootii Waan Maraa akka te'e beeke.
22Maano'aan haadha manaa ifiitiin, «Nuuti Waaqa waan dhaggineef, dhugumaan hin duuna» jedhe.
23Haati manaa isaa ammoo deebittee, «Waaqi adoo nu ijjeesuu barbaadee jiraate, ciinca'aa fi kennansa midhaanii keenna hin fudhatuuyyu; inni waan kana duudii nu'utti hin mudhisuuyyu yookiin waan akkasii kana amma nu'utti hin himuuyyu» jetteen.
24Dubartiin sun ilma deettee, maqaa isaa «Samsoon» jettee baatte. Mucaan guddatee, Mootiin Waan Maraalle isa eebbise. 25Samsoon qachaa quttuma Daanii keessa adoo jiruu, Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakka'atti Ayyaanni Mootii Waan Maraa isa kakkaasuu jalqabe.

¿Sabías que…?
El nacimiento y la vocación de Sansón
- Sansón es la primera persona en las Escrituras descrita como nazareo desde el vientre materno. Aunque los votos según la ley de Moisés podían asumirse por un período temporal, el ángel ordenó que Sansón observara estas restricciones, entre ellas no consumir vino, evitar alimentos impuros y no cortarse el cabello, durante toda su vida.Fuentes: Samson · el propio texto bíblico
- El padre de Sansón, Manoa, pertenecía a la tribu de Dan y vivía en Zora, una ciudad en las colinas que dominaba el valle de Sorec. Junto con la vecina Estaol, Zora sirvió como un importante asentamiento danita durante un período de cuarenta años bajo el dominio de los filisteos.Fuentes: Manoah · Zorah · Eshtaol · el propio texto bíblico
- El capítulo concluye en Mahaneh-dan, nombre que significa el campamento de Dan, situado entre Zora y Estaol. Este sitio señala el lugar donde el Espíritu del Señor comenzó a manifestarse en Sansón durante su juventud.Fuentes: Mahaneh-dan · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org