Jueces 10
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Tola'aa Fi Yaa'iir
1Abiimelek du'een duuba, akaakoon Dodoo ilmi Phuwaa Tolaan nami gosa Yisaakorii, ka biyya Efreemii koobittii keessa addee, «Sahaamir» jedhantu le'u, Israa'el bilisa baasiisaaf ka'e. 2Inni woggaa diddamii sad Israa'eloota bulche; achiin duuba du'ee Shaamiiritti awwaalame.
Yaa'iir
3Tolaan du'een duuba Yaa'iir sanyiin Giil'aadii ka'ee, woggaa diddamii lama Israa'eloota bulche. 4Yaa'iir ilmaan soddoma ta harree soddoma irra teettee deentu qabaayyu; isaan lafa Giil'aadii keessatti qachoota soddoma qabaniiyyu; qachooti sun haga adhaalle olloota Yaa'iirii jedhamanee waamaman. 5Yaa'iir du'ee addee «Qaamon» jedhantutti awwaalame.
Amoonoti Israa'eloota Cunqursane
6Israa'elooti ammalle, waaqota Ba'aaliitii fi Ashitaarotii, waaqota Aaramii, waaqota Sidoonii, waaqota Mo'aabii, waaqota Amoonotaatii fi Filisxeemotaa waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujanee, isa waaqonfatiisa lakkisane. 7Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti aaree, harka worra Filisxeemotaatii fi Amoonotaatitti dabarsee isaan kenne. 8Worri Amoonotaatii fi Filisxeemotaa, woggaa kudhanii saddeeti, Israa'eloota laga Yordaanosiitiin gama biyya Amoorotaa lafa Giil'aadii keessa le'anu cunqursane. 9Worri Amoonotaa kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Efreemii loliisaaf laga Yordaanosii gamatti waan bu'aneef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte.
10Achiin duuba Israa'elooti, «Si Waaqa keenna lakkinnee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan si yakkineerra» jedhaa gara Mootii Waan Maraa iyyane.
11Mootiin Waan Maraa isaaniif deebisee, «Worri Gibxi'ii, worri Amooniitii fi worri Filisxeemotaa, 12worri Sidoonii, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onii yennaa isin cunqursane, isin gara kiyya iyyitanee, anille isaan jalaa isin baaseeraayyu. 13Isin ammoo na lakkittanee, waaqota dhibii waaqonfattane; tanaaf ani haganaa achi isin hin baasu. 14Dhaqa'aatii, gara waaqota filattanee iyyadha'a; yennaa isin rakkatane isaan isin baasanuu ti» jedhe.
15Kolbaan Israa'elii ammoo Mootii Waan Maraa, «Nuuti cubbuu hunyeera; ati waanuma feete nu godhi; adha ammoo maganne'e nu baasi» jedhane. 16Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii balleessanee, Mootii Waan Maraa waaqonfatane; Mootiin Waan Maraalle rakkinna Israa'elootaa dhaggee guddoo gadde.
17Achiin duuba worri Amoonii lolaaf waamamanee, Giil'aad keessatti qubatane; Israa'elootille wolitti qabamanee qachaa Miispha'aa keessa qubatane. 18Sooressitooti kolbaa Giil'aadii, «Nami dursee worra Amoonii loliisaa jalqabu, worra Giil'aad keessa le'u mara irratti sooressaa te'uu ti» wol woliin jedhane.

¿Sabías que…?
Jueces en Israel y la Amenaza de Amón
- Tras el convulso mandato de Abimelec, dos jueces menos conocidos gobernaron Israel de manera sucesiva: Tola, de la tribu de Isacar, quien juzgó durante veintitrés años en Samir, en la región montañosa de Efraín, y Jair el galaadita, quien gobernó durante veintidós años.Fuentes: el propio texto bíblico · Tola · Shamir
- La familia de Jair gozaba de notable prestigio y autoridad comarcal al oriente del Jordán; sus treinta hijos cabalgaban sobre treinta asnos y administraban treinta aldeas en la tierra de Galaad, denominadas Havot-jair.Fuentes: el propio texto bíblico · Gilead
- Tras la muerte de Jair, Israel cayó en una extendida idolatría al rendir culto a los dioses de los pueblos vecinos, entre ellos Aram, Sidón, Moab, Amón y Filistea, lo que provocó dieciocho años de dura opresión a manos de los amonitas y filisteos.Fuentes: el propio texto bíblico · Sidon · Gilead
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Gilead · Hoy: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículos 3, 4, 8, 17, 18
- Havvoth-jair · 32.588, 35.726 · versículo 4
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 6, 7, 9, 11, 17, 18
- Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 6
- Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 6
- Sidon · Hoy: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 6
- Syria · Hoy: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 6
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 8, 9
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 11
- Amalek · 30.648, 34.422 · versículo 12
- Maon · Hoy: Tel Main · 31.409, 35.134 · versículo 12
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org