Isaías 8
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ilmi Isaayaasii Kolba'aaf Beessisa Te'iisa
1Mootiin Waan Maraa anaan, «Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti qubee mudhattuun, ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii barreessi» jedhe. 2Anille dhugaa baatota addatamane lama, hayyicha Uriiya'aa fi ilma Yebarekiya'aa Zakaariyaas waammadhe.
3Achiin duuba ani gara raagitti'ii dhaqe; isiille ulfoottee ilma deette; Mootiin Waan Maraa anaan, « ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii maqaa baasi. 4Mucaan, ‹Abbayyoo› yookiin, ‹Aayyoo› jedhiisa adoo hin baratin, qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaariya'aa mootii Asooriitiin hin fudhatanti» jedhe.
Dhufa Mooticha Asoorii
5Mootiin Waan Maraa ammalle natti dubbatee, 6«Kolbaan tun bisaan Silo'aamii ka suuta yaa'u tuffattee, Resiinii fi ilma Remaaliya'aatitti guddoo gammaddeerti; 7tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mooticha Asoorii ka akka lolaa bisaanii jaba'aa fi hunnaamessaa isaan irratti hin fida; inni akka bisaan laga guuttee danbala'ee lafa irra yaa'uu hin te'a. 8Bisaan sun gara biyya Yihuda'aa yaa'ee, haga morma gewutti guutee, keessa hin dabara; Ee Amaanu'el, akkuma lukkuun cuucuu ifiititti kabbitu, koolli keeti lafa teeti duudii hin golla» jedhe.
9Isin gosi biyya adda addaa iyya lolaa kaasa'a; ammoo bututa'a; isin worri fagoo jirtanu duudiin dhage'a'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a. 10Mari'adha'a; ammoo isiniif hin teetu; karooralle baafadha'a; te'uu malee Waaqi waan nu woliin jiruuf, isiniif hin muummottu.
Mootiin Waan Maraa Raagicha Ifi Eeggachisiise
11Mootiin Waan Maraa harka ifii jaba'aan na qabee, natti dubbatee, karaa kolbaan tun ideentu akka ani hin deenne na ifi eeggachiisee, 12«Waan kolbaan tun, ‹Mala hammeennaa ti› jettu, isinille, ‹Mala hammeennaa ti› hin jedhina'a; waan isaan sodaatanu, hin sodaatina'a; wonni isaan naasisulle isin hin naasisin. 13Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin. 14Achiin ani galma woyyicha hin te'a; mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aatiif ammoo, dhakaa nama gufachiisuu fi rassaa nama jissu hin te'a; worra Yerusaalem keessa le'ulle'eef fonxoro'oo fi tiyyoo hin te'a. 15Isaan keessaa worri hedduun gufatee, jigee hin bututa; isaan fonxoroo seenanee hin qabaman» jedhe.
16Dhugaa baya tana eegi; gadhaa barattoota tiyyaa keessatti maxxansi. 17Mootii Waan Maraa ka maatii Yaaqoobii duraa fuula ifii dhoffate, isa hin eegadha; addiille hin godhadha.
18Kunoo, anii fi ijoolleen tiyya ta Mootiin Waan Maraa naaf kenne, kolbaa Israa'eliitiif, beessisaa fi baasa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee ka gaara Xiyoonii irra le'uu ti.
19Yennaa isaan, «Worra ekeraa dubbisuu fi worra moru ka hasaasuu fi gungumu gaafadha'a» isiniin jedhane, ani ammoo isiniin, «Kolbaan sun Waaqa gaafatiisa lakkittee, marroo worra jiruu worra du'e maaf gaafatti?» jedha.
20Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu.
Yennaa Rakko'oo
21Kolbaan rakkattee, beelottee lafa irra hin joonjiti; isaan yennaa beelaan gaggabane, aaranee, ol ilaalaa mootii ifiitii fi waaqota ifii hin abaaran. 22Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman.

¿Sabías que…?
La Inundación Inminente y la Señal Fiel
- El nombre Maher-salal-has-baz significa "el despojo se apresura; la presa se precipita". A Isaías se le ordenó registrar este nombre públicamente ante testigos confiables —el sacerdote Urías y Zacarías— y luego dárselo a su hijo recién nacido, como señal de que Damasco y Samaria pronto serían saqueadas por el rey de Asiria.Fuentes: el propio texto bíblico · Maher-shalal-hash-baz · Urijah
- El pasaje contrasta las aguas de Siloé, que fluyen suavemente en Jerusalén, con las caudalosas aguas del río Éufrates. Como el pueblo rechazó la confianza serena, la imagen representa al rey invasor de Asiria arrasando la tierra como una inundación devastadora que llega hasta el cuello.Fuentes: el propio texto bíblico · Shiloah · River · Assyria
- Isaías se presenta a sí mismo y a sus hijos como señales y símbolos vivos dados por el Señor a Israel. En un tiempo de crisis nacional, advierte al pueblo que no debe consultar a médiums ni a espiritistas que murmuran, insistiendo en que deben buscar a Dios y Su testimonio.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 4, 7
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículo 4
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 4
- Shiloah · Hoy: Pool of Siloam · 31.771, 35.235 · versículo 6
- Euphrates · Hoy: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 14
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 18
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org