Nations Bible

Isaías 66

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Goottaan Gosa Biyya Adda Addaa Mara Irratti Hin Mura

1Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan teessoo tiyya; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Isin eessatti mana naaf ijaartan? Addeen foora kiyyaalle eessa? 2Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.

3«Nami korma qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama, nama ijjeesuu ti; nami hoolee qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama morma sare'ee cassuu ti; nami kennansa midhaanii naaf dhikeessu, akka nama dhiiga booyye'ee naaf dhikeessuu ti; nami hixaana yaadanno'oo naaf aarsu, akka nama waaqa dharaa waaqonsuu ti. Worri akkasii karaa ifii filatee, battummaa ifiititti gammada. 4Ani yennaa isaan waame, waan na jalaa hin owwaatiniif, yennaa isaanitti dubbadhe, waan hin dhage'iniif, isaan na duratti waan hantuu hujanee, waan na hin gammachiinne waan godhaneef, anille rakkinni akka isaanitti dhufu godhee, waan isaan bararaqanu isaanitti hin fida» jedha.

5Isin worri jecha Mootii Waan Maraa sodaattanu, jecha Mootii Waan Maraa kana dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa, «Isin obboleeyyan teessan ta isin jibbite, sababa maqaa kiyyaatiif ta isin gatte, isiniin ‹Mootiin Waan Maraa ulfaatuu tii, me! Gammada keessanille dhagginuu tii, me!› ta jette, hin qaanotti. 6Hogaa qachaa keessaa, qoonqoo Galma Waaqaa keessalle dhage'a'a! Qoonqoon tunille qoonqoo Mootiin Waan Maraa diinota ifiitiif gatii kenniisatti jiruu ti.

7«Dubartiin adoo hin ciniinsifatin hin deetti. Ciniinsuun adoo isii hin jalqabin ilma hin deetti. 8Nami waan akkasii dhage'ee beekuu fi dhaggee beeku jiraa? Biyyi takka guyyaa tokkotti hin dadantii? Yookiin kolbaan yennaa diqqoo keessatti hin dhaggantii? Xiyoon akkuma ciniinsifatteen ijoollee ifii deetti. 9Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha.

10Isin worri Yerusaalem jaalattanu marti

isii woliin gammada'aatii firinxiixa'a.

Isin worri isi'iif boottane marti

isii woliin guddoo gammada'a.

11Harma isi'ii ka jajjabeessu haga quuttanutti hin hootan;

karra isi'ii baca'aan hin gammaddan.

12Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya Yerusaalemiif akka lagaa hin dhangalaasa; karra gosa biyya adda addaalle akka madda bisaanii gara isi'ii hin lolaasa; isiin habbaarattee isin hin hoosifatti; gudeeda ifii irralle'etti isin hin tassiifatti. 13Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan. 14Isin tana yennaa dhaggitanu gadhaan keessan hin gammada; lafeen teessanille akka marraa hin bisilti; irreen tiyya tajaajiltoota tiyya woliin akka jirtu hin beekkanti; mufiin tiyya ammoo diinota kiyya irratti hin mudhatti» jedha.

15Kunoo, Mootiin Waan Maraa ibiddaan dhufiisatti jira; garreettoti fardaan harkifamu ka isaalle akka hobonbolatti'ii ti; inni aarii ifii mufi'iin, xixxaa ifii bobe'a ibiddaatiin hin mudhisa. 16Mootiin Waan Maraa ibiddaa fi shallaagaa ifiitiin nama maratti waan muruuf, nama hedduu hin fixa.

17Mootiin Waan Maraa, «Worri addee oorru'uutitti waaqota ifii keessaa tokko waaqonfatiisaaf dhaqee, ka ifi woyyoonsee ifi qulqulleessu, foon booyye'eetii fi foon hantuutaa, waan battiille worri nyaatu adduma tokko hin badan. 18Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf, dhufee gosa biyya adda addaa ta afaan adda addaa dubbattu mara wolitti hin qaba; isaanille dhufanee ulfinna kiyya hin dhaggan. 19Ani odduu isaaniititti baandiraa hin dhaaba; isaan keessaa worra jiru'uun hafe gara gosa biyya adda addaa: gara kolbaa Tarshiishii, gara kolbaa Fuxii, gara kolbaa Ludii ta guube'een loltuu, gara kolbaa Tubaaliitii fi Yaawaanii, gara kolbaa oddoola fago'oo ka worra gurra kiyya hin dhage'inii yookiin ulfinna kiyya hin dhagginii hin erga; isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna kiyya hin lassan. 20Isaan obboleeyyan ifii ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessiisaaf, gosa biyya adda addaa mara keessaa fardo'oon, garreettaa fardo'oon harkifamuun, garreetta'aan, gaange'ee fi gaalaan gara gaara kiyya woyyicha Yerusaalem keessaa hin fidan; akkuma Israa'elooti kennansa midhaanii meya qulqullu'uun gara Galma kiyya Woyyichaa dhikeessanu, isaanille obboleeyyan ifii tana hin dhikeessan. 21Anille isaan keessaa garii hayyootaa fi Lewwoota akka te'anuuf hin filadha.

22«Akkuma ol-gubbooti haarettii fi latti haaretti ta ani dadu na dura haga baraa jiraatanu, sanyiin teessanii fi maqaan keessan fuula kiyya dura yennaa mara hin jiraata. 23Baatii ji'a tokkoo irraa haga baatii ji'a kaanii, Sanbata tokko irra haga Sanbata kaanii, nami marti na waaqonfatiisaaf hin dhufa. 24Achiin duuba gad bayanee reeffa kolbaa na finqiltee hin dhaggan. Corroxxi isaan nyaattu hin duutu; ibiddi isaan gubulle hin dhaamu; isaan nama mara duratti hin diqataman» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La verdadera adoración y la reunión de las naciones

  • Isaías abre este capítulo final declarando que el cielo es el trono de Dios y la tierra el estrado de sus pies, por lo que ninguna edificación humana puede contenerlo. En cambio, Dios valora a quienes son humildes y contritos de espíritu y tiemblan ante su palabra, en contraste con los sacrificios rituales carentes de auténtica devoción.Fuentes: el propio texto bíblico
  • La visión profética menciona mensajeros enviados a regiones lejanas, incluidas Tarsis, los arqueros de Lud, Tubal y Javán, la designación hebrea habitual para el mundo griego. Se describe a pueblos de estas costas lejanas y naciones viajando a Jerusalén para contemplar la gloria de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico · Tarshish · Lud · Javan
  • La sección final describe nuevos cielos y una nueva tierra que permanecerán, donde toda la humanidad acudirá a adorar con regularidad de un día de reposo a otro y de una luna nueva a otra. De manera inesperada, Dios anuncia que elegirá a algunos de entre estas naciones reunidas para servir como sacerdotes y levitas.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 7, 10, 12, 13, 20
  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 8
  • Javan · Hoy: Ionia · 38.200, 27.500 · versículo 19
  • Lud · Hoy: Lydia · 38.488, 28.040 · versículo 19
  • Meshech · Hoy: about 200 km around Gordion · 39.655, 31.994 · versículo 19
  • Tubal · Hoy: Tabal · 37.296, 36.254 · versículo 19

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.