Nations Bible

Isaías 63

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Guyyaa Waaqi Itti Haluu Bayuu Fi Wodu

1Ka woyaa diintuu uffatee, biyya Edoomii, qachaa Bozraa irraa dhufiisatti jiru kun eennu? Ka woyaa dansaa uffatee, hunna ifii guddo'oon as dhufiisatti jiru kun eennu?

Inni, «Ani, Mootii Waan Maraa ka balchumma'aan dubbatu, ka fayyisiisaaf hunna qabu» jedha.

2Nami tokko, «Woyaan teeti akka woyaa worra woynii cunfuu,

maaf diimatte ree?» jedhee gaafata.

3Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle. 4Ani guyyaa haluu itti bayu murteesseera; barri ani kolbaa tiyya wodulle dhikaateera. 5Ani adaala kiyya ilaale; nama na qarqaaru tokkolle dhabe. Nama qarqaaru waan dhabeef maadeffadhe. Maarre, irreen tiyya fayyinna naa fiddee, mufiin tiyya na qarqaarte.

6«Ani aarii tiyyaan gosa biyya adda addaa irra sirbe;

mufii tiyyalle'een isaan macheessee,

dhiiga isaanii lafatti dhangalaase» jedhee hin deebisa.

Leellisaa Fi Daadimata

7Ani jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa,

waan nuuf godhe maraaf,

hujii inni ittiin leellifamu,

akka marartii ifiitii fi jaalala ifii ka bara baraatitti,

Waan guddoo dansaa inni Israa'eliif godhe hima.

8Inni isaaniin, «Isaan dhugumaan kolbaa tiyya; ilmaan na hin sonne» jedheera; tanaaf inni fayyisaa isaanii te'e. 9Yennaa isaan rakkatanu mara innille rakkate; ergamaan isaa ka isa bira jiru isaan baase. Inni jaalala ifiitii fi marartii ifiitiin isaan wode; inni bara duriitii jalqabee yennaa mara ol fuudhee isaan ba'ate. 10Isaan ammoo finqilanee, ayyaana woyyicha isaa gaddisiisane. Tanaaf, inni garagalee diina isaanii te'ee, ifumaaf isaan lole.

11Achiin duuba kolbaan bara durii, bara Muuse'eetii fi Israa'eloota isa woliin jirtu qaabattee, «Ka sooressitoota woliin kolbaa ifii abbaayaa keessa akka gamatti bu'anu godhe, ka ayyaana woyyicha ifii isaan keessa keye meet? 12Irree ifii ta ulfinna qadduun ka midda Muuse'ee dhaabbate, ka ulfinna maqaa ifii bara baraan akka beekkamu godhiisaaf, isaan duratti bisaan gargar kute eennu? 13Akka farda lafa duwwaa keessa ideemuu, qilee bisaanii keessa adoo hin gufatin akka isaan gamatti bu'anu ka godhe eennu? 14Akka loon dirre'etti gad bu'anee foorfatanuu, ayyaanni Mootii Waan Maraa akka isaan foorfachiisu ka godhe eennu?» jetti. Ulfinni maqaa keetii akka beekkamuuf ati kolbaa teeti akka kanaan sooressite.

Daadimata Mararti'ii Fi Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate

15Ee Mootii Waan Maraa, barcumaa mootumma'aa keeti woyyicha, ka ulfinna qabuu fi ol aanaa irraa ol-gubba'aa gad nu ilaali! Hinaaffa'aa fi hunni teeti meet ree? Gadhi-laafumma'aa fi marartiin teeti nu irraa fagaatteerti. 16Ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; Abrahaam nu beekuu dhabulle yookiin Israa'el nu qaabbii dhaddulle, ati ammoo abbaa keenna. Maqaan keeti duruuyyuu wodoo teenna. 17Ee Mootii Waan Maraa, maaf akka nuuti karaa keeti irraa gorru nu goota? Akka nuuti si hin sodaaneefille, maaf gadhaa keenna jabeessita? Tajaajiltoota teetii fi gosa dhaala keeti te'aneef jedhiitii deebi'i.

18Kolbaan teeti woyyittiin yennaa diqqo'oof, addee woyyittii teeti dhaalte; amma ammoo, diinoti keenna addee woyyittii teeti irra sirbane. 19Nuuti akka worra ati dur ijjumaa bulchitee hin beennee, akka worra maqaa keetiin waamamee hin beennee teeneerra.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Juicio sobre Edom y una Oración de Recuerdo

  • El capítulo comienza con la visión vívida de un conquistador que llega desde Bosra, una antigua capital de la montañosa región de Edom. Las imágenes aluden al nombre Edom, que significa rojo, describiendo a la figura con vestiduras teñidas de carmesí como las de quien pisa uvas en un lagar.Fuentes: Bozrah · Edom · Esau (Edom) · el propio texto bíblico
  • La parte central del capítulo reflexiona sobre el pasado de Israel, recordando expresamente los días de Moisés, cuando Dios dividió las aguas del mar y guio a su pueblo por las profundidades mediante su Espíritu Santo.Fuentes: Moses · el propio texto bíblico
  • En su sincera súplica, el pueblo se dirige a Dios como su Padre y Redentor, afirmando que, aun si patriarcas como Abraham e Israel no los reconocieran, Dios sigue siendo su protector.Fuentes: Abraham · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Edom · 30.746, 35.604 · versículo 1
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 11

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.